Jó 13
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1«Kunoo, tana mara ilti tiyya dhaggiteerti;
gurri kiyyalle dhage'ee hubateera.
2Waan isin beettanu anille hin beeka;
ani isinii gadii moti.
3Ani ammoo
Waaqa waan mara dande'u woliin dubbadhee,
haajaa kiyya isa woliin falmuu fedha malee,
si woliinii moti.
4Isin ammoo dharaan hallitan;
isin akka ogeeyyii
eennulle fayyisuu hin dandeennee ti.
5Ani silaa adoo cadhittane fedha,
sun isiniif qarummaa hin teetiiyyu.
6Amma falmata kiyya dhage'a'a;
iyyata afaan kiyyaalle caqasa'a.
7Isin Waaqaaf jettanee dhara dubbattanii?
Isaaf jettanee soballe dubbattanii?
8Isin isaaf rogaartanii ree?
Kora mura'aa duratti
haajaa Waaqaaf falmitanii ree?
9Waaqi yoo isin qorqore
isiniif dansa'aa ree?
Yookiin akkuma nama soddanu
Waaqalle sobuu hin dandeettanii ree?
10Isin dhossa'aan yoo roddane,
inni dhugumaan isin hin xixa.
11Arinyi isaa isin hin bararassuu ree?
Ulfinni isaa isin hin sodaachisuu ree?
12Mammaassi keessan
akka daadha'aa bu'aa hin qabu;
falmiin teessan akka faaraa caccaddi.
13«Me na irraa cadhisa'a;
wonni feete natti dhuttuutii,
ani hin dubbadha.
14Ani maaf ifi rakkisee
lubbuu tiyyalle harkatti qabadhee le'a?
15Waaqi yoo na ijjeeselle,
ani isuma addadha;
dhugaa tiyyalle isuma duratti falmadha.
16Worri Waaqa malee le'u
Waaqa dura dhikaatuu waan hin dandeenneef,
kun fayyinna kiyyaaf te'a fa'a.
17Dubbii tiyya akka dansaa caqasa'aatii,
waan ani jedhulle
gurri keessan dhage'uu ti.
18Ani dubbii tiyya akka dansaa
qopheeffadheera;
akka dhugaa dhaggadhulle hin beeka.
19«Ka na himatu jiraa ree?
Yoo jiraate
ani adoo hin falmatin cadhisee hin du'a.
20«Ee Waaqa!
Akka ani fuula keeti duraa hin dhokanneef,
waan lamaan kana qofa si gaafadha:
21Na adabiisa lakkisi;
arnya keetille'een na hin bararassin.
22Achiin duuba na waami,
anille hin owwaadha.
Yookiin ani hin dubbadha
ati deebii naaf kenni.
23Yakkaan tiyyaa fi cubbuun tiyya
hagam heddatti?
Balleessaa tiyyaa fi cubbuu tiyya
natti himi.
24Ati maaf fuula keeti na duraa dhoffattee,
akka diina keetiititti na laakkotta?
25Ati akka baala qilleensi fuudhee ideemuu na sodaachisaa,
akka hicaacee goddu'uu na ariitaa?
26Ati himannaa hadhoottuu
na irratti barreessite.
Gatii yakkaa bara ijoollummaa tiyyaalle,
akka dhaggadhu goote.
27Ati miila kiyya jirma oddu'utti hiiteerta;
tarkaaffii tiyya duudii hin eedda;
faana miila kiyyaalle hin qorqorta.
28«Tanaaf ani akka waan shamee,
akka woyaa qu'een nyaattee hin bada.
Você sabia?
Jó Apela Diretamente a Deus
- Jó rejeita os conselhos de seus companheiros, chamando-os de médicos que não valem nada e descrevendo seus argumentos tradicionais como provérbios de cinza e defesas de barro. Ele os adverte de que Deus repreenderá quem tentar defendê-Lo com engano ou bajulação.Fontes: o próprio texto bíblico
- Ao longo do capítulo, Jó estrutura seu discurso em termos jurídicos, afirmando que preparou sua causa e deseja uma audiência direta diante do Todo-Poderoso. Ele manifesta a certeza de que será absolvido, embora reconheça o enorme risco de defender seus caminhos diante de Deus.Fontes: o próprio texto bíblico
- Para retratar sua extrema vulnerabilidade, Jó emprega metáforas de fragilidade e contenção, indagando por que o Todo-Poderoso persegue alguém tão frágil quanto uma folha levada pelo vento ou a palha seca, mantendo seus pés no tronco.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org