Jó 11
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Zofaar
1Achiin duuba Naa'imaatichi Zofaar deebisee,
2«Dubbii hedduu tanaaf deebiin hin kennantuu ree?
Nami dubbatticha te'eef dhugaa dhaggataa ree?
3Iyoob, dharti teeti nama cadhisiittii ree?
Yennaa ati murgitulle
nami si xixu hin jiru seetaa?
4Ati Waaqaan, ‹Barsiisi kiyya sirri'i;
fuula Waaqaa duralle'etti
ani qulqullu'u› jetta.
5Ammoo adoo Waaqi afaan ifii saaqatee,
sitti dubbate,
6karaan qarumma'aa hedduu waan te'eef,
dhossaa qarumma'aa adoo sitti mudhise,
haga si'iif maltee gad
akka inni si adabe hin beettaayyu.
7«Gad fageenna dhossaa Waaqaa
qorqortee beekuu dandeettaa?
Waaqa waan mara dande'u
qorqortee bira gewuu dandeettaa?
8Guddinni isaa ol-gubbaa caalaa ol fagaata.
Ati maan godhuu dandeetta ree?
Gad fageenni isaalle qilee caalaa gad fagaata.
Ati maan beekuu dandeetta ree?
9Guddinni Waaqaa lafa caalaa dheerata;
abbaayaa caalaalle badhata.
10«Waaqi tana duudii irra dabaree dhufee,
mana hidha'aatitti si galchee
kora mura'aa sitti rare
eentu isa dhoogguu dande'a?
11Inni kolbaa woy hin baane hin beeka;
inni yennaa yakkaa isaanii dhaggu
cadhisee hin ilaalaa?
12Yoo harreen diidaa nama dhalte qofa
nami gowwaan qaroo te'uu dande'a.
13«Ati gadhaa keeti yoo qajeelfatte,
harka keeti gara Waaqaa yoo badhifatte,
14yakkaa harka keeti keessa jirtu
ifi irraa yoo fageessitee,
wonni hantuun dunkaana keeti keessaa
akka hin jiraanne yoo goote,
15yennaa san dhugumaan qaanii malee,
mataa keeti ol hin qabatta;
sodaa maleelle jabaattee hin dhaabbatta.
16Achiin duuba rakkoo teeti duudii hin deeta;
akka lolaa yaa'ee dabaree qofa isii qaabatta.
17Jiruun teeti ifa saafowaa caalaa hin itti;
dukkantille akka ganamaa hin teeti.
18Addiin waan jirtuuf atille addattee hin leeta;
Waaqi waan si eeguuf
sodaa malee fooraan hin leeta.
19Eennulle adoo hin sodaatin hin ratta;
worri hedduun si duratti
fudhatama dhaggatiisa barbaadan.
20Ilti worra hama'aa ammoo hin jaamti;
karaa miliqanu hin dhaggatanu;
muummeen isaanii du'a» jedhe.

Você sabia?
O primeiro discurso de Zofar
- Zofar, apresentado como um naamatita de uma localidade desconhecida chamada Naamá, era um dos companheiros que foram consolar Jó em seu sofrimento. A antiga tradução grega Septuaginta o identifica como rei dos mineus, um grupo associado aos maonitas no sul da Arábia.Fontes: Zophar · o próprio texto bíblico
- Em seu discurso, Zofar afirma que a sabedoria divina é totalmente inacessível à compreensão humana, sendo mais alta que os céus e mais profunda que o Seol. Ele insiste que Jó está sendo castigado menos do que seus erros merecem, exortando-o a afastar a injustiça de suas tendas e buscar a Deus para alcançar restauração e esperança.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org