João 4
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yesuusii Fi Dubartii Samaariya'aa
1Yesuus Yohaannis caalaa barattoota akka dabalatiisatti jiruu fi cuuphiisatti jiru worri Fariisaayotaa dhage'ane. 2Te'uu malee, ka cuuphe barattoota isaa ti malee, Yesuusii moti. 3Maarre Yesuus waan jedhamiisatti jiru yennaa dhage'e, biyya Yihuda'aa lakkisee deebi'ee gara Galiila'aa dhaqe. 4Inni Yennaa achi dhaqu Samaariyaa keessa dabaruu qabaayyu.
5Maarre Samaariyaa keessatti inni gara qachaa Siikaar jedhamuu, ka fichaa Yaaqoob ilma ifii Yoseefiif kennetti dhikaatuu tokko dhufe. 6Boolli bisaanii ta Yaaqoobii achi jirtiiyyu; Yesuus ideemiisaan dadhabee boolla bisaanii bira tee'e. Yennaan sun orraa gara saatii jaa ti.
7Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatiisaaf yennaa dhutte, Yesuus isi'iin, «Bisaan uni'ii naa kenni!» jedheen. 8Yennaa san barattooti isaa sagalee bitiisaaf gara qacha'aa dhaqaneeran.
9Dubartiin sun, «Ati nama Yihudi'ii teetee ana dubartii samaariya'aa attam bisaan uni'ii gaafatta?» jetteen. Yihudooti muduunu'uu fi qorii samaariyooti itti sooratanutti hin sooratanu.
10Yesuus deebisee, «Kennansa Waaqaatii fi ka bisaan uni'ii si gaafatiisatti jiru kun eennu akka te'e adoo beettee jiraattee, atinuu silaa isa gaafattee, inni bisaan jiru'uu si'iif kennaayyu» jedhe.
11Dubartittiin, «Goottaa kiyya, ati waan ittiin woraabbattu hin qaddu; boollille qile'e; bisaan jiru'uu san eessaa fidda ree? 12Ati abbaa keenna Yaaqoob ka boolla tana nu'uuf kenne, ka innii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maraayyuu keessaa unane, hin caaltaa?» jetteen.
13Yesuus deebisee, «Bisaan kana ka unu marti deebi'ee hin dheebota; 14bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi'ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te'a» jedhe.
15Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ani ijjumaa hin dheebonnee fi bisaan woraabiisaaf akka ani as hin deebine, bisaan kana naaf kenni» jetteen.
16Yesuus, «Dhaqiitii, abbaa manaa keeti waamii koy» jedheen.
17Dubartittiin, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. Yesuus, « ‹Abbaa manaa hin qabu› jedhiis keeti dhuga'a. 18Ati nama shan heerumteerta; namichi ati amma woliin jirtu abbaa manaa keetii moti. Wonni ati jette dhuga'a» jedheen.
19Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ati raagaa teete dhagga. 20Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqa waaqonfatane; isin ammoo Yihudooti addeen Waaqa itti waaqonfannu Yerusaalem te'uu qaba jettan» jetteen.
21Yesuus, «Dubartii tana, gaara kana gubba'atti yookiin Yerusaalemitti yennaan kolbaan Abbaa hin waaqonfanne akka dhufaartu na dhugeeffadhu. 22Isin worri Samaariya'aa waan waaqonfattanu hin beettanu; nuuti ammoo Yihudooti fayyinni Yihudoota keessaa waan dhufuuf, waan waaqonfannu beenna. 23Yennaan worri dhuga'aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga'aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhutti; ammumaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga'aan isa waaqonfatanu barbaada. 24Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaanaa fi dhuga'aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen.
25Dubartittiin isaan, «Masiihiin Kiristoos jedhamu akka dhufu hin beeka; inni yennaa dhufe waan mara nu'utti hima» jetteen.
26Yesuus deebisee, «Ani ka si woliin dubbatiisatti jiruuyyuu isa» jedheen.
27Yennuma san barattooti Yesuusii deebi'anee dhufane; Yesuus dubartii woliin dubbatiisatti jiruun dhagganee masoonfatane; ammoo isaan keessaa nami tokkolle, «Maan barbaadde?» yookiin, «Maaf isii woliin dubbatta?» ka jedhe hin jiru.
28Achiin duuba dubartittiin okkotee ifii ta bisaanii achitti lakkittee, gara qacha'aa deebitee dhaxxee, kolba'aan, 29«Namicha waan ani godhe mara natti hime kowa'aatii ilaala'a. Inni Masiihii te'innaa?» jette. 30Maarre isaan qachaa keessaa bayanee gara Yesuusii yaa'ane.
31Yennuma san keessatti barattooti, «Barsiisa'a, woy nyaadhu!» jedhanee isa kadhatane.
32Inni ammoo, «Ani sagalee nyaadhu ta isin hin beenne qaba» jedhe.
33Maarre barattooti, «Nami woyii sagalee isaa fidee jiraatinaa?» jedhanee wol gagaafatane.
34Yesuus isaaniin, «Sagaleen tiyya, fedhii ka na ergee godhu'uu fi hujii isaa muummessu'u. 35Isin, ‹Ji'a afuritti hafeera; achiin duuba haammaan hin geetti› jettanii motii? Ani ammoo isinitti hima; me fichaa keessan miidhassa'aa ilaala'a; ammumaayyuu midhaan bilchaatee haamma'aaf geyeera! 36Worri haamu ammumaayyuu gatii fudhatiisatti jira; midhaalle jiruu bara baraatiif wolitti qabiisatti jira; kunille ka facaasuu fi ka haamu akka woliin gammaduuf te'a. 37Maarre mammaassi, ‹Tokko hin facaasa, kuun hin haama› jedhu dhuga'a. 38Ani waan hin elowin akka haammattanu isin erge; worri dhibiin elowee, isin eloo isaanii irraa bu'aa dhaggattane» isaaniin jedhe.
39Dubartittiin, «Waan ani godhe mara natti hime» jettee waan dhugaa baateef worri Samaariya'aa ka qachaa san keessaa hedduun isatti dhugeeffatane. 40Maarre worri samaariya'aa yennaa gara isaa dhufane, isaan woliin akka turuuf isa gaafatanee, Yesuus guyyaa lamaan isaan woliin achi ture. 41Sababa dubbii isaatiif namooti hedduun dhibiille dhugeeffatane; 42isaan dubartitti'iin, «Yoona nuuti wonni dhugeeffannuuf, waan ati jette calla'aaf adoo hin te'in, nuutinuu isa dhageenneerra; inni dhugumaan fayyisaa biyya lafaa akka te'e beenneerra» jedhane.
Yesuus Ilma Qondaala Tokkoo Fayyise
43Guyyaa lamaan duuba, Yesuus ka'ee gara Galiila'aa dhaqe. 44Inninuu, «Raagaan tokko biyya ifiititti hin ulfaatu» jedheera. 45Worri Galiila'aa Jila Irra Dabaramaatiif gara Yerusaalemii dhaqaneeranuun, yennaa jilaa sanitti waan inni godhe mara waan dhagganeeranuuf, yennaa inni Galiilaa geye isa fudhatane.
46Achiin duuba Yesuus, addee bisaan gara daadhii woyni'ii itti jijjiire, gara qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessaa, deebi'ee dhaqe. Qondaalli mootumma'aa ka Qifirnaahoomitti ilmi isaa dhibameeru tokko achi jiraayyu. 47Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa akka dhufeeru yennaa dhage'e, gara isaa dhaqee akka inni Qifirnaahoom deemee, ilma isaa ka dhibamee du'iisa geyeeru fayyisuuf isa gaafate. 48Yesuus isaan, «Isin bilbaasaa fi baasa dhaggittanu malee ijjumaa hin dhugeeffattanu» jedheen.
49Qondaaltichi mootumma'aalle, «Goottaa kiyya, ilmi kiyya adoo hin du'in maganne'ee koy!» jedheen.
50Yesuus isaan, «Gali; ilmi keeti hin jiraata!» jedheen.
Namichille dubbii Yesuus dubbate dhugeeffatee deeme. 51Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane. 52Inni saatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, «Kalee saatii torbatti dhibeen nafa o'ittu sun isa lakkitte» jedhanee deebisane. 53Achiin duuba abbaan muca'aa saatii Yesuus, «Ilmi keeti hin jiraata» jedhetti akka teete hubate. Tanaaf innii fi maatiin isaa maraa dhugeeffatane. 54Bilbaasi kun ka Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa deebi'ee dhufee, lammeessoo huje.

Você sabia?
Água viva na Samaria
- Jesus deixou a Judeia para voltar à Galileia, e o Evangelho diz que ele precisava passar pela Samaria. Sob os romanos, no tempo de Jesus, a Judeia era a mais ao sul das três divisões da Palestina, distinta da Samaria e da Galileia, e a narrativa observa que os judeus não se relacionavam com os samaritanos.Fontes: o próprio texto bíblico · Judea
- Ele chegou a Sicar, perto do terreno que Jacó tinha dado a seu filho José e, cansado da viagem, sentou-se junto ao poço de Jacó. O dicionário bíblico de Easton (1897) registra que, desde o tempo das Cruzadas, Sicar costumava ser identificada com Siquém, mas que explorações a identificaram com 'Askar, um pequeno povoado samaritano na base sul de Ebal, cerca de uma milha ao norte do poço.Fontes: o próprio texto bíblico · Sychar
- A mulher contrastou a adoração neste monte com a afirmação dos judeus de que era preciso adorar em Jerusalém, e falou de um Messias que havia de vir, chamado Cristo. Quando os discípulos voltaram de comprar comida na cidade, ficaram surpresos de que Jesus estivesse falando com uma mulher.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Galilee · 32.760, 35.527 · versículos 3, 43, 45, 46, 47, 54
- Judea · Hoje: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículos 3, 47, 54
- Samaria · Hoje: Samaria 2 · 32.276, 35.195 · versículos 4, 5, 7, 9
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 20, 21, 45
- Mount Gerizim · 32.199, 35.273 · versículo 20
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org