João 13
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yesuus Miila Barattoota Ifii Dhiqe
1Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin dura, Yesuus biyya lafaa tana lakkisee yennaan gara Abba'aa deemu akka geetteertu beeke. Inni biyya lafaa tana keessatti worra ka isaa te'ane yennaa mara jaalateeraayyu; haga muumme'eetittille isaan jaalate. 2Yesuusii fi barattooti isaa irbaata irra jiraniiyyu. Seexanni duraanuu Yihudaan ilma Simoonii ka nama biyya Keriyootii, akka Yesuus dabarsee kennuuf, yaada isa keessa keyeera. 3Yesuus akka Abbaan baallii guutuu isaa kenneeru beeke; akka Waaqa biraa dhufee fi gara Waaqaalle akka deemu beeke. 4Maarre inni irbaata irraa ka'ee, woyaa lafa keyatee, fooxaa ittiin haxowanu hidha ifiititti marate. 5Achiin duuba inni bisaan qorii itti dhiqatanutti cossee, miila barattoota ifii dhiqee fooxaa hidha ifiititti marateeruun haxowe. 6Simoon Pheexroos bira geyee jennaan, Simoon Pheexroos, «Gootta'a, sitti miila kiyya dhiqaa?» jedheen.
7Yesuus isaan, «Waan ani hujiisatti jiru ati amma hin beettu, duubarra ammoo hin hubatta» jedhe. 8Pheexroos deebisee, «Ati ijjumaa miila kiyya hin dhixxu!» jedheen.
Yesuus deebisee, «Yoo ani miila keeti hin dhiqin, na biraa qooda hin qaddu» jedheen.
9Simoon Pheexroos deebisee, «Gootta'a, eegasuu, miila kiyya qofaa motii, harkaa fi mataa kiyyalle dhiqi!» jedheen.
10Yesuus deebisee, «Nami nafa dhiqate, nafi isaa duudiin qulqulluu waan te'eef, miila ifii malee, nafa dhiqachuu hin barbaachisu. Isin qulqullu'u; te'uu malee, isin marti qulqullu'uu moti» jedheen. 11Yesuus duraanuu ka isa dabarsee kennu waan beekeeruuf, «Isin marti qulqullu'uu moti» jedhe.
12Yesuus miila isaanii dhiqeen duuba, woyaa fudhatee uffatee, addee ifiititti deebi'ee tee'ee, «‹Waan ani isinii godhe hubattanee?› jedhee gaafate. 13‹Barsiisa'a, Goottaalle› jettanee na waantan; akkas jechuun keessan dhuguma; sababilleen aninuu akkuma san. 14Ani, Goottaan keessanii fi barsiisaan keessan, miila keessan eega dhiqee, isinille miila wolii dhiquu qaddan. 15Akkuma ani isiniif godhe isinille akka gootanu, fakkeenna isinii te'eera. 16Ani dhugaa isinitti hima: Garbichi goottaa ifii hin caalu, ergantichille ka isa erge hin caalu. 17Isin dhugaa tana beettanee, hujii irra yoo oolchitane ka badhaatane.
18«Ani marroo isin maraatiif dubbatiisatti hin jiru; ani worra filadheeru hin beeka; ammoo Barreeffam Woyyichi, ‹Namichi sagalee tiyya nyaate garagalee natti ka'e!› jedhu muummowuu qaba. 19Yennaa inni muummowe, isin akka Ani Isa te'e akka dhugeeffattanuuf, adoo inni hin te'in dura amma ani tana isinitti hima. 20Ani dhugaa isinitti hima: Nami ka ani erge fudhatu na fudhata; nami na fudhatulle ka na erge fudhata» isaaniin jedhe.
Yesuus Marroo Dabarfamee Kennamiisa Ifii Dubbate
21Yesuus tana dubbateeruun duuba, yaada ifiitiin rakkatee, «Ani dhugaa isinitti hima: Isin keessaa tokkochi dabarsee na hin kenna» jedhee ifa tolchee dubbate.
22Barattooti marroo eennuutiif akka inni dubbate wollaalanee, wol ilaalane. 23Barattoota keessaa tokko, ka Yesuus isa jaalatu, Yesuusitti aanee tee'eeraayyu. 24Simoon Pheexroos, barataa sanitti qiphifatee, «Marroo eennuutiif akka Yesuus dubbatiisatti jiru gaafadhu» jedheen.
25Maarre tanaaf barataan sun ittuma Yesuusitti hiiqee, «Gootta'a, eennu inni?» jedhee gaafate.
26Yesuus deebisee, «Ka ani cassaa daabbo'oo tana unata keessa cuuphee tuuqachiisu isa» jedheen; maarre inni cassaa daabbo'oo fuudhee, ilma Simoonii, Yihudaa nama biyya keriyootii tuuqachiise. 27Yihudaan akkuma cassaa daabbo'oo fudhateen, Seexanni isatti gale; Yesuus isaan, «Waan hujaartu dafii huji!» jedheen. 28Worra irbaata irra jiru san keessaa Yesuus maaf tana akka isaan jedhe nami tokkolle ka beeke hin jiru. 29Yihudaan beesee waan qabatuuf, barattooti gariin jilaaf waan isaanii barbaachisu dhaqee akka bitu, yookiin hiyyeeyyi'iif waan tokko akka kennuuf, Yesuus itti hime seyane. 30Yihudaan cassaa daabbo'oo fudhatee yoosuma gad baye. Yennaan sun halkan.
Ajaja Haareya
31Yihudaan gad bayeen duuba, Yesuus, «Ilmi Namaa amma ulfaateera; Waaqille isaan ulfaateera. 32Waaqi isaan yoo ulfaate, Waaqille isa hin ulfeessa; ariifateelle isa hin ulfeessa. 33Ijoollee tiyya, ani yennaa guddoo isin woliin hin jiraadhu. Isin na barbaadu'uuf jirtan; ani ammoo, ‹Addee ani dhaqiisatti jiru isin dhaqiisa hin dandeettanu› jedhee waanuma Yihudoota baallii qabanutti hime amma isinitti hima. 34Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha'a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha'a. 35Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan» jedhe.
Yesuus Akka Pheexroos Isa Mormatu Dubbate
36Simoon Pheexroos, «Gootta'a, eessa dhaqaarta?» jedhee isa gaafate.
Yesuus deebisee, «Addee ani dhaqaaru amma na hordottee hin dandeettu; duuba ammoo ana hin hordotta» jedheen.
37Pheexroos, «Gootta'a, amma si hordofiisa maaf hin dandeenne? Ani lubbuu tiyyalle si'iif dabarsee hin kenna» jedheen. 38Yesuus deebisee, «Ati dhugumaan lubbuu teeti naaf dabarsitee hin kennitaa? Ani dhugaa sitti hima: Adoo lukkuun hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedheen.

Você sabia?
João 13: Amor até o fim
- O discípulo que sai para trair Jesus é Judas, filho de Simão — não Simão Pedro, mas outro Simão, identificado como pai de Judas — chamado Iscariotes. O Easton's Bible Dictionary (1897) explica esse sobrenome como 'homem de Queriote' e observa que o nome dele figura por último nas listas dos apóstolos nos três primeiros Evangelhos. Ele guardava a bolsa do dinheiro; por isso, quando Jesus lhe disse que fizesse logo o que estava para fazer, alguns à mesa pensaram que Jesus lhe mandava comprar o que era preciso para a festa ou dar algo aos pobres.Fontes: o próprio texto bíblico · Judas Iscariot · Simon
- O capítulo usa tanto 'o diabo' como 'Satanás' para quem está por trás da traição de Judas: o diabo já tinha posto a traição no coração dele e, depois que ele tomou o bocado molhado, Satanás entrou nele. O Easton's Bible Dictionary (1897) diz que Satanás significa adversário ou acusador e que, no Novo Testamento, o nome é usado de forma intercambiável com Diabolos, ou o diabo, mais de trinta vezes.Fontes: o próprio texto bíblico · Satan
- Simão Pedro, que primeiro se recusa a deixar que Jesus lhe lave os pés e depois pede que lhe lave também as mãos e a cabeça, chamava-se originalmente Simão, nome que o Easton's Bible Dictionary (1897) identifica com Simeão, no sentido de 'ouvir'. Era pescador de Betsaida, na costa ocidental do mar da Galileia. Mais adiante no capítulo, promete entregar a vida por Jesus, que lhe diz que, antes que o galo cante, ele o negará três vezes.Fontes: o próprio texto bíblico · Simon Peter
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org