Jeremias 7
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Ermiyaas Galma Waaqaa Keessatti Barsiise.
1Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru: 2«Karra Galma Mootii Waan Maraa dura dhaabbadhuutii, ‹Mootii Waan Maraa waaqonfatiisaaf, karra tanaan worri seentanu kolbaan Yihuda'aa marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!› jedhii ergaa tana lallabi. 3Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii: Karaa keessanii fi hujii teessan haareffadha'a! Anille addee tana akka isin leetanu hin godha. 4Dubbii dharaa dhugeeffattanee, ‹Kun Galma Mootii Waan Maraa ti! Kun Galma Mootii Waan Maraa ti! Kun Galma Mootii Waan Maraa ti!› hin jedhina'a.
5«Karaa keessanii fi hujii teessan dhugumaan yoo haareffattane, wol woliif haqa yoo hujjane, 6nama alaga'aa fi ijoollee abbaa hin qanne, haadha hiyyeessaalle yoo cunqursuu dhaddane, addee tanatti dhiiga nama yakkaa hin qannee yoo dhangalaasuu dhaddane, waaqota dhibii gula deemiisaan yoo ifi miidhu dhaddane, 7ani lafa abbootii teessaniif haga bara baraa akka keessa le'anuuf kenne san keessa akka isin leetanu hin godha. 8Isin ammoo dubbii dharaa ta bu'aa hin qanne dhugeeffattan. 9Isin hin hattan; nama hin ijjeettan; hin gaarayyeeffattan; dharaan kakattan; Ba'aaliif hixaana aarsitan; waaqota dhibii ka hin beenne san gula deemaa, 10addee maqaan kiyya itti waamamu, gara Galma kiyyaa dhuttanee, na dura dhaabbattanee, waan battii tana hujaa, ‹Wonni nu miidhu hin jiru› jettan. 11Galmi kiyya ka maqaan kiyya itti waamamu, daggala hattu'uu isiniif te'eeraa? Kunoo, ani waan isin gootanu kana dhaggeera. 12Amma addee qara maqaan kiyya akka itti waamamuuf filadhe gara qachaa Shiilo'oo dhaqa'aatii, sababa hammeenna kolbaa tiyya Israa'eliitiif waan ani godhe ilaala'a. 13Isin waan kana mara adoo gootanuu, itti deddeebi'ee isinitti dubbadheera; isin ammoo na hin caqanne; yennaa ani isin waamelle na jalaa hin owwaanne. 14Tanaaf waan qara qachaa Shiilo'oo godhe, ammalle addee maqaan kiyya itti waamamu, Galma isin itti dhugeeffattanu, addee isinii fi abbootii teessaniif kenne tana akkasuma hin godha. 15Obboleeyyan teessan sanyii Efreemii mara fuula kiyya duraa akkuma ari'e, isinille fuula kiyya duraa hin ari'a.»
Ajajamuu Dhabiisa Kolba'aa
16«Ee Ermiyaas, ani waan si'iif hin dhageenneef, kolbaa tanaaf hin daadimatin; marroo isaaniitiif na woliin hin falmin yookiin waan tokkolle na hin gaafatin yookiin na hin daadimatin. 17Qachoota Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti waan isaan hujiisatti jiranu, ati hin dhaggituu? 18Ijoolleen qoraan cassiti; abbootiin ibidda gabbitti; waaqa dharaa ta, ‹Mootittii ol-gubba'aa› jedhantuuf daabboo bilcheesiisaaf, dubartooti bukoo bukeessiti; na aarsiisaaf waaqota dhibi'iif daadhii woyni'ii dhibaasan. 19Ka isaan aarsanu anaa? Isaan ifuma miidhanee, fokkoo ifi irratti fidan. 20Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani aari'ii fi mufii tiyya addee tana irratti, namaa fi bineensota irratti, muka badda'aatii fi midhaan ficha'aa irratti hin dhangalaasa; isiin hin bobeetti; hin dhaantulle'e› jedha.
21«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Woreega ciinca'aa ciincaa dhibi'itti dabala'aatii, foon san ifiifuu nyaadha'a. 22Ani abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baase, waan woreega ciinca'aatii fi ciincaa dhibi'ii womaa isaanitti hin dubbanne yookiin ajajalle isaaniif hin kennine. 23Ammoo naaf ajajama'a! Anille Waaqa keessan isiniif hin te'a; isinille kolbaa tiyya hin teetan; akka isinii milkoottuuf, karaa ani isin ajaju mara deema'a!› jedhee isaan ajajeera. 24Isaan ammoo mataa jabaatanee hammeenna gadhaa ifii gula deemane malee, na hin dhageenne yookiin hin caqanne. Isaan gara duubaa deemane malee, gara duraa hin deenne. 25Bara abbootiin teessan biyya Gibxi'ii keessaa baateen jalqabee haga ammaa guyyuma guyya'aan, deddeebisee tajaajiltoota tiyya raagota gara keessan erge. 26Kolbaan ammoo na hin dhageenne yookiin na hin caqanne. Mataa jabaatanee abbootii ifii ta durii caalaa hantuu hujane.
27«Ati tana mara yennaa isaanitti hintu, isaan ammoo si hin caqasanu; yennaa ati isaan waantulle si jalaa hin owwaatanu. 28Tanaaf, ati isaaniin, ‹Isin kolbaan tun ta Waaqa ifiitiif hin ajajanne yookiin ta gorsa isaalle hin fudhanne. Dhugaalle afaan keessan keessaa baddeerti. 29Mootiin Waan Maraa dhaloota itti mufateeru kana tuffatee waan lakkiseef, rifeensa mataa keessanii haadadha'aatii ifi irraa gata'a; qaccee koobota goddu'uu irratti ol baya'aatii qoonqoo teessan ol qabadha'aatii faaruu awwaalaa faarsa'a.
Dhooqa Qalmaa
30« ‹Kolbaan Yihuda'aa fuula kiyya duratti waan hantuu hujjeerti. Isaan waaqa dharaa batticha, addee maqaan kiyya itti waamamu, Galma kiyya keessa keyanee, Galma kiyya batteesaneeran. 31Waan ani isaan hin ajajin, ta ani qalbii tiyya keessaa hin qanne, ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta duraa ciincaa dhikeessiisaaf dhooqa ilma Hiinomii keessatti, addee waaqonfanna'aa ta «Toofet» jedhantu ijaarane. 32Tanaaf, haga addeen dhabantutti, nama du'e Toofet keessatti waan awwaalanuuf, haganaa achi maqaan addee sanii, «Dhooqa itti qalamanu» jedhama malee, «Toofet» yookiin «Dhooqa ilma Hiinomii» barri hin jedhanne hin dhufa. 33Reeffi kolbaa tanaa allaatti'ii fi bineensaaf sagalee hin te'a; nami reeffa san irraa isaan ari'u tokkolle hin jiraatu. 34Latti waan ontuuf, ani qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessaa hin balleessa.

Você sabia?
O Sermão do Templo e a Falsa Segurança
- O povo de Judá acreditava que a presença do templo em Jerusalém garantia proteção divina incondicional. Jeremias rebateu essa presunção apontando para Siló, um santuário anterior no território de Efraim que Deus havia abandonado por causa da maldade do povo.Fontes: o próprio texto bíblico · Shiloh · Ephraim
- O capítulo retrata a idolatria como uma atividade que envolvia toda a família nas ruas de Jerusalém, onde os filhos juntavam lenha, os pais acendiam o fogo e as mulheres amassavam a farinha para deuses estrangeiros, além de queimarem incenso a Baal.Fontes: o próprio texto bíblico · Baal · Jerusalem
- Jeremias condenou veementemente os sacrifícios infantis em Tofete, no vale de Hinom, anunciando que aquele local de rituais passaria a ser chamado de Vale da Matança por causa do juízo que se aproximava.Fontes: o próprio texto bíblico · Topheth · Valley of the Son of Hinnom · Valley of Slaughter
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Shiloh · Hoje: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · versículos 12, 14
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 17, 29, 34
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 22, 25
- Topheth · Hoje: in the Hinnom Valley · 31.769, 35.228 · versículos 31, 32
- Valley of Hinnom · Hoje: Hinnom Valley · 31.769, 35.228 · versículos 31, 32
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org