Jeremias 42
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Kolbaan akka Ermiyaas Isaaniif Daadimatu Gaafatte
1Achiin duuba ajajjooti loltootaa marti, ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ilmi Hoshaa'iya'aa Ya'azaaniyaan, kolbaan marti gudda'aa haga diqqa'aatitti gara Ermiyaasii dhufanee, 2«Maganne'e, waan nuuti si kadhannu nu'uuf dhage'i! Nuuti dur nama heddu'u; amma ammoo akkuma ati dhaggitu nama diqqaa qofatti hafe; nu worra hafe kana maraaf gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii daadimadhu. 3Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti eessa akka nuuti deennuu fi maan akka nuuti goonu akka nutti himu, nu'uuf daadimadhu» isaan jedhane.
4Ermiyaasiin raagichi deebisee, «Dansa'a! Akkuma isin na gaafattane gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii isiniif hin daadimadha; waan Mootiin Waan Maraa jedhu mara tokkolle adoo hin hamburin isinitti hin hima» jedhe.
5Achiin duuba isaan Ermiyaasiin, «Waan akka ati nutti hintuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si erge, yoo nuuti hin godhin, Mootiin Waan Maraa ifiifuu dhugaa bayaa addatamaa nu irratti te'uu ti. 6Nu'uuf toltulle yookiin hammaattulle Mootii Waan Maraa Waaqa keenna ka itti si erganne saniif hin ajajanna; akka wonni dansaan nu'uuf teetu, Mootii Waan Maraa Waaqa kanaaf hin ajajanna» jedhane.
Mootiin Waan Maraa Daadimata Ermiyaasiitiif Deebii kenne
7Guyyaa kudhaniin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe; 8maarre inni ilma Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjoota loltootaa ka isa woliin jiranu mara, kolbaa mara gudda'aa haga diqqa'aatitti gara isaa akka dhufanu wolitti waamee, 9isaaniin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, akka ani isiniif gaafadhu ka isin itti na ergitane, 10‹Ani badii isin irratti fide saniin waan gaddeef, yoo isin lafa kana turtane ani isin hin ijaara malee hin diigu; isin hin dhaaba malee hin buqqisu. 11Mootii Baabilonii ka amma sodaattanu kana hin sodaatina'a! Ani isin woliin waan jiruuf, isin hin qarqaara; harka isaa jalalle'ee isin hin baasa; isa hin sodaatina'a! 12Ani isiniif hin marara; innille isiniif mararee gara lafa teessaniititti isin hin deebisa› jedha.
13«Te'uu malee, isin, ‹Nuuti lafa tana keessa hin teennu› jettanee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif yoo hin ajajamin, 14akkasuma, ‹Lakkii, nuuti lafa lola itti hin dhaggine yookiin addee qoonqoo tultulla'aa itti hin dhageennee fi addee itti hin beelonne gara lafa Gibxi'ii dhandhee achi hin leena› yoo jetanne, 15yoona, isin worri biyya Yihuda'aa keessatti hattane, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Mootiin Waan Maraa Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isin biyya Gibxi'ii dhaxxanee achi le'iisaaf yoo murteeffattane, 16shallaagaan isin sodaattane achitti isinitti hin dhutti; beelti isin sodaattanelle biyya Gibxi'ii keessatti isin gula hin dhutti; isinille achitti hin duutan. 17Worri biyya Gibxi'ii dhaqee achi le'iisaaf murteeffate marti shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan hin du'an; balaa yookiin badii ani isaan irratti fidu jalaa nami jiru'uun hafu yookiin ka miliqu tokkolle hin jiru.›
18«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Aari'ii fi mufiin tiyya worra Yerusaalem keessa le'utti akkuma dhangalaate, yennaa isin biyya Gibxi'iititti galtane mufiin tiyya isin irralle'etti hin dhangalaati; isin waan abaarsaatii fi jibbamaa, jecha abaarsaatii fi coora'aa hin teetan. Addee tana deebitanee hin dhaggitanu› jedha» jedhe.
19Ee isin worra Yihudaa keessatti hattane, Mootiin Waan Maraa, «Gara biyya Gibxi'ii hin dhaqina'a» isiniin jedheera; anille adha tana akka isin ifi eeggachisiise beeka'a. 20Isin, «Mootii Waan Maraa Waaqa keenna nu'uuf daadimadhuutii, waan inni si'iin jedhe mara nu'utti himi; nuutille isaaf hin ajajanna» jettanee gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii yennaa na ergitane, jiruu teessan irratti dokonkora hujjane. 21Maarre ani waan inni natti hime mara adha isinitti himeera; isin ammoo waan inni na ergeeruun, ani isinitti hime maraan Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif haga ammaa hin ajajanne. 22Amma yoona addee dhaxxanee qubatiisaaf barbaaddane sanitti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan akka duutanu beeka'a.

Você sabia?
Buscando Orientação para o Remanescente
- Após o assassinato do governador Gedalias, os líderes militares chefiados por Joanã, filho de Careá, e Jezanias, filho de Hosaías, aproximaram-se de Jeremias para pedir orientação divina sobre se o remanescente sobrevivente deveria permanecer na terra ou fugir.Fontes: o próprio texto bíblico · Johanan · Jezaniah
- O povo jurou solenemente obedecer a qualquer resposta que Jeremias recebesse, fosse ela agradável ou desagradável, invocando a Deus como testemunha fiel contra eles caso desobedecessem.Fontes: o próprio texto bíblico
- Jeremias esperou dez dias antes de receber a mensagem divina, que prometia segurança e restauração se permanecessem em Judá sem temer o rei da Babilônia, mas advertia sobre morte por espada, fome e peste se buscassem refúgio no Egito.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 11
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 14, 15, 16, 17, 18, 19, 22
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 18
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org