Jeremias 38
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Ermiyaas Boolla Bisaanii Godduu Keessa Keyane
1Ilmi Maataanii Shefaaxiyaan, ilmi Phashihurii Gadaaliyaan, ilmi Shelemiiya'aa Yukaalii fi ilmi Malkiiya'aa Phashihur dubbii Ermiyaas kolbaa maratti dubbate dhage'ane; 2Dubbiin inni dubbate sun, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri qachaa keessatti hafu marti shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan hin du'an; worri gara worra Baabilonii baqatu ammoo hin ijjeefamu; jiru'uun jalaa bayanee hin le'an. 3Qachaan kun dhugumaan harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; innille hin qabata› jedha» ta jettu.
4Achiin duuba qondaaltoti mootichaan, «Namichi kun waan akkanaa dubbatiisaan loltoota teenna ta qachaa kana keessatti hafanee fi kolbaa mara sossodaachisa; nami kun kolbaa tanaaf badii malee waan dansaa waan hin halchiniif isa ijjeesi!» jedhane.
5Mootichi Zedeqiiyaan deebisee, «Kunoo, inni harka keessan keessa waan jiruuf, akka feetane yoo isa gootane ani isin dhoogguu hin dande'u» jedhe. 6Maarre isaan Ermiyaas geessanee wodaro'oon boolla bisaanii ta Malkiiyaa ilma mootichaa, ta badhinna kolloo eeddotaa keessa jirtu keessa buusane; boolli sun dhoqqee malee bisaan keessa hin jiru; Ermiyaasille dhoqqee keessa gad lixe.
7Guneessichi, «Ebeed-Melek» jedhamu nami biyya Itoophiya'aa, ka mana mootumma'aa keessa jiru akka Ermiyaas boolla bisaanii keessa buusane dhage'e; yennaa san mootichi karra Beniyaaminii bira tee'eeraayyu; 8maarre Ebeed-Melek mana mootumma'aa keessaa bayee gara mootichaa dhaqee, 9«Ee goottaa kiyya mooti'i, namooti kun Ermiyaasii raagicha irratti hammeenna hujanee, yennaa daabboon qachaa keessa hin jirretti, boolla bisaanii keessa buusane; inni achitti hin du'a» jedhe. 10Achiin duuba mootichi Zedeqiiyaan Ebeed-Melekii nama biyya Itoophiya'aatiin, «Namoota soddoma asii fudhadhuu dhaqiitii, adoo inni hin du'in boolla bisaanii san keessaa isa baasi» jedhee ajaje. 11Maarre Ebeed-Melek namoota san woliin gara kolloo mana mootumma'aa keessaa ta mana meyaatiin jala jirtuu dhaqee, woyaa dullatti'ii fi hoccuu bututtuu fuudhee wodaroo itti hidhee gara Ermiyaasii boolla bisaanii keessa gad buuse. 12Achiin duuba Ebeed-Melekii nami biyya Itoophiya'aa, Ermiyaasiin, «Wodaroon akka si hin luqqinne, woyaa dullatti'ii fi hoccuu bututtuu tana bobaa teeti jala keyadhu» jedhe; Ermiyaasille akkuma san godhe; 13isaanille wodaro'oon harkisanee Ermiyaas boolla bisaanii keessaa baasane; Ermiyaasille badhinna eeddotaa ka badhinna mana mootumma'aa keessa jirtu keessa ture.
Zedeqiiyaan Akka Ermiyaas Isa Gorsu Gaafate
14Zedeqiiyaan gara Ermiyaasii raagichaa nama ergee, gara seensuma Galma Waaqaa ka sadeesso'ootitti akka isa fidanu godhee, «Gaaffii tokko si gaafadha, womaa na hin dhossin» isaan jedhe.
15Innille mootichaan, «Ani yoo deebii sii kenne, ati na hin ijjeetta; yoo si gorselle, ati na hin dhageettu» jedhe.
16Maarre mootichi Zedeqiiyaan dhossa'aan Ermiyaasiif kakatee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee jiruu nu'uuf kennee, ani si hin ijjeesu; worra si ijjeesuu barbaadanulle'eef dabarsee si hin kennu» jedhe.
17Achiin duuba Ermiyaas Zedeqiiya'aan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, Waaqi Israa'elii, ‹Ati qondaaltota mootii Baabiloniititti harka yoo kennatte, jiru'uun hin jiraatta; qachaan kunille hin gubatu; atii fi maatii teetille jiru'uun hin jiraattan. 18Ati qondaaltota mootii Baabiloniititti harka yoo hin kennatin ammoo, qachaan kun harka worra Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin guban; atille isaan jalaa hin baatu› jedha» jedheen.
19Mootichi Zedeqiiyaalle Ermiyaasiin, «Ani Yihudoota worra finqilee Baabilonitti gale hin sodaadha; worri Baabilonii isaanitti dabarsanee na waan kennanuuf, isaan na hin farrisiisan» jedhe.
20Ermiyaasille deebisee, «Isaan dabarsanee si hin kennanu; jecha Mootii Waan Maraa ka ani sitti himu kanaaf ajajam; wonni dansaalle si'iif hin teeti; ati lubbu'uun jiraatta. 21Ati yoo harka kennatuu didde ammoo, wonni Mootiin Waan Maraa natti mudhise tana: 22Dubartooti mana mootii Yihuda'aa keessatti hafane marti qondaaltota mootii Baabiloniitiif dabarfamanee hin kennaman; dubartooti sun si'iin:
«‹Jaaloti teeti worri ati addatte
si dokonkorsanee si injifatane.
Miilli keeti dhoqqee keessa lixeera;
jaaloti keeti si lakkisanee baqataneeran› hin jedhan.
23«Niitoti teetii fi ijoolleen teeti marti worra Baabiloniitiif dabarfamanee hin kennaman; atille mootii Baabiloniitiin hin qabanta malee harka isaa jalaa hin baatu; qachaan kunille hin gubama» jedheen.
24Achiin duuba Zedeqiiyaan deebisee Ermiyaasiin, «Waan dubbanne kana eennulle hin beekin; atille hin duutu. 25Qondaaltoti waan ani si woliin dubbadhe kana dhage'anee, gara keeti dhufanee, ‹Waan mootichaan jette, mootichille waan siin jedhe nutti himi; nu hin dhossin; yoo ati nu dhossite nuuti si hin ijjeenna› yoo si'iin jedhane, 26ati deebisiitii, ‹Mootichi gara mana Yonaataanii na deebisee, ani achitti akka hin duune isa kadhadhe› jedhiin» jedhe. 27Qondaaltoti marti gara Ermiyaasii dhufanee isa gaafatane; innille akkuma mootichi isa ajaje isaaniif deebise; maarre waan inni mooticha woliin dubbate nami tokkolle waan hin dhage'iniif, isaan isa gaaffii lakkisane. 28Ermiyaasille haga guyyaa Yerusaalem qabanteetitti, badhinna eeddotaa ka badhinna mana mootumma'aa keessa ture.

Você sabia?
A Cisterna e o Conselho Secreto de Zedequias
- Quando Jeremias exortou os defensores de Jerusalém a se renderem aos babilônios em vez de perecerem pela espada, pela fome e pela peste, os oficiais de Judá o acusaram de traição e o lançaram em uma cisterna lamacenta no pátio da guarda. Um oficial do palácio chamado Ebede-Meleque interveio junto ao rei Zedequias, obtendo autorização e homens para retirar o profeta usando cordas acolchoadas com panos velhos.Fontes: o próprio texto bíblico · Ebed-melech · Shephatiah
- O rei Zedequias reuniu-se secretamente com Jeremias na entrada do templo, confessando seu temor tanto de seus próprios nobres quanto dos judeus que já haviam desertado para os babilônios. Jeremias reiterou que render-se aos comandantes da Babilônia preservaria a vida do rei, protegeria sua família e impediria que Jerusalém fosse queimada.Fontes: o próprio texto bíblico · Zedekiah · Jeremiah
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Chaldea · 30.962, 46.104 · versículos 2, 18, 19, 23
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 3, 28
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 3, 17, 18, 22, 23
- Benjamin Gate · Hoje: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 7
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org