Nations Bible

Jeremias 23

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Addii Gara Duraa

1Mootiin Waan Maraa, «Tissitoota addee tika kiyyaatii hoolota tiyya bittinneessitee balleessituuf aanne'e!» jedha. 2Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii marroo bulchitoota kolbaa tiyya eedduutiif, «Isin kolbaa tiyya bittinneessitanee waan ariitaneef, akka maltetti waan hin eeginiif, waan hantuu isin hujjaneef ani isin hin adaba. 3Aninuu kolbaa tiyya ta lubbu'uun hatte, biyya isaan itti bittinneesse san mara keessaa wolitti qabee biyya isaaniititti isaan hin deebisa; isaan achitti horanee hin bacatan. 4Ani tissitoota isaan eeddu isaaniif hin kaasa; isaan haganaa achi hin sodaatanu yookiin hin bararaqanu, tokkolle isaan keessaa hin dhidhatu» jedha.

5Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, barri ani sanyii Daawitii keessaa mootii balchumma'aan bulchu kaasu dhufaara; inni lafa irratti qarumma'aan bulchaa, waan sirrii te'e hujaa muraa haqaalle hin mura. 6Bara isaa keessatti kolbaan Yihuda'aa diina ifii jalaa hin baati; kolbaan Israa'eliille nageyaan hin leeti. Maqaan isaalle, ‹Mootiin Waan Maraa balchummaa teenna› jedhamee hin waamama.

7«Tanaaf barri kolbaan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa Ka jiraataa te'ee, ka Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase› jedhanee kakatuu lakkisanee, 8‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka Israa'eloota biyya kaabaatii fi addee isaan itti bittinneesse keessaa baasee› jedhanee kakatanu hin dhufa» jedha. Achiin duuba lafa ifii keessa hin le'an.

Raagota Dharaameyyii

9Marroo raagotaatiif:

Gadhaan kiyya raafameera;

lafeen tiyya hollatteerti.

Sababa Mootii Waan Maraatiif,

sababa jecha woyyicha isaatiif,

ani akka nama machowee,

akka nama daadhii woyni'ii unee ifi wollaalee te'eera.

10Latti worra gaarayyeeffatuun guutanteerti;

sababa kanaaf Mootiin Waan Maraa lafa abaaree,

latti tun gadditeerti;

kaloon goomolee keessaalle qoorteerti.

Raagoleen marti waan hantuu hordottee,

baallii ifii seera malee itti fayyadamaneeran.

11Mootiin Waan Maraa,

«Raagotii fi hayyooti worra Waaqa malee le'u;

Galma kiyya keessattuu

ani hammeenna isaanii dhaggeera.

12Tanaaf karaan isaanii mucucaataa hin te'a;

isaan gara dukkanaa gatamanee

achitti hin jigan;

bara isaan adabamanu

ani badii isaanitti hin fida» jedha.

13Ammalle Mootiin Waan Maraa,

«Ani raagota Samaariya'aa oddu'utti

waan nama jibbisiisu dhaggeera;

isaan maqaa Ba'aaliitiin raaga dubbataa

kolbaa tiyya Israa'el dokonkorsan.

14Raagota Yerusaalemii odduulle'etti

waan nama shuguggeessu dhaggeera;

isaan hin gaarayyeeffatan;

dharaan ideeman.

Nami tokkolle hammeenna irraa akka hin deebine

worra hantuu huju jajjabeessan.

Marti isaaniituu na duratti akka qachaa Sodoomii,

kolbaan Yerusaalem keessa leetu,

akka qachaa Gomora'aa battowaneeran» jedha.

15Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade marroo raagota Yerusaalemii:

«Raagoti Yerusaalemii Waaqa malee le'iisa

biyya duudii irra waan babadhisaneef,

sagalee hadhoottuu isaan hin nyaachisa;

bisaan hadhaa qabu isaan hin obaasa» jedha.

16Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade:

«Waan raagoti isiniif raaganu hin dhage'ina'a;

isaan addii sobaatiin isin guutan.

Waan yaada isaaniititti mudhate dubbatan malee

waan ani dubbadhee moti.

17Isaan worra na tuffatuun,

‹Mootiin Waan Maraa: Nageyaan hin leetan jedha;

worra mataa jabeenna ifii hordofuun ammoo:

Wonni hantuun isinitti hin dhuttu jedha› jedhan» jedha.

18Isaan keessaa jecha isaa dhaggiisaaf yookiin dhage'iisaaf

ka marii Mootii Waan Maraa keessa dhaabbate eennu?

Jecha isaa caqasee eentu dhage'e?

19Kunoo mufiin Mootii Waan Maraa

ta akka bubbee bokkeyaa hin kaati;

hobonbolattiin mataa worra hamoole'ee irratti hin buuti.

20Mootiin Waan Maraa fedhii ifii adoo hin muummessin

mufiin isaa duubatti hin deebitu;

bara dhufu'uu jiru keessatti akka dansaa hin hubattan.

21Mootiin Waan Maraa, «Ani raagota tana hin ergine; te'uu malee isaan ifumaaf ergaa ifii fudhatanee fiigane; ani isaanitti hin dubbanne, te'uu malee isaan raaga dubbatane. 22Isaan adoo marii tiyya keessa dhaabbatanee jiraatanee, silaa jecha kiyya kolbaa tiyyaaf lallabanee, karaa hamaa isaanii irraa, hujii hantuu isaanii irralle'ee isaan deebisaneeraniiyyuu. 23Ani Waaqa dhikoo callaa jiruu ree? Ani Waaqa fagoolle jiruu motii ree? 24Akka ani isa hin dhaggine, addee dhokaataatitti nami dhokatuu dande'u jiraa ree? Lafaa fi ol-gubbaa ka guute anaa motii ree? 25Ani raagota maqaa kiyyaan, ‹Ani oojjuu oojjadhe! Ani oojjuu oojjadhe!› jedhaa raaga sobaa raaganu dhage'eera. 26Wonni kun haga yoomii gadhaa raagota dharaa worra yaada ifii keessaa fuudhanee raaga dharaa raaganu keessa jiraatti? 27Akkuma abbootiin isaanii ta durii Ba'aal waaqonfatiisaan maqaa kiyya dedhane, oojjuu isaan wolitti himanuun, kolbaan tiyya maqaa kiyya akka deetu waan godhane isaanitti fakkaatti. 28Raagichi oojjuu oojjate, oojjuma ifii san himuu ti; ka ani jecha kiyya itti dubbadhe ammoo addatamumma'aan isuma dubbatuu ti. Hicaace'ee fi midhaan tokkummaa maan qaban? 29Jechi kiyya akka ibiddaatii motii ree? Akka burrisa rassaa butuchuutii motii ree? 30Tanaaf ani raagota jecha wol irraa dhage'aa, akka na irraa dhage'aneetitti dubbatanu, 31raagota ifumaaf dubbataa, ‹Mootii Waan Maraatitti dubbatte› jedhanulle hin morma; 32kunoo ani raagota oojjuu dharaatiin raaganu hin morma; ani adoo isaan hin ergin yookiin isaan hin ajajin dharaan kolbaa tiyya dokonkorsan; isaan kolbaa tanaaf woy hin bayanu» jedha.

Raaga Raagota Dharaa

33Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaan tun yookiin raagichi tokko yookiin hayyichi tokko, ‹Ergaan Mootiin Waan Maraa maan?› jedhanee yennaa si gaafatane, ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ba'aan ulfaattuun isin; ani ifi irraa fuudhee isin hin gata jedha› jedhiin. 34Raagichi tokko yookiin hayyichi tokko yookiin eennulle, ‹Tun ergaa Mootii Waan Maraa ti› yoo jedhe, ani nama sanii fi maatii isaa hin adaba» jedhe. 35Ermiyaas kolba'aan, «Tokko tokkoon keessan, ‹Mootiin Waan Maraa deebii maan kenne?› Yookiin, ‹Mootiin Waan Maraa maan dubbate› jedhee jaala ifii yookiin fira ifii gaafatuu ti malee, 36‹Tun ergaa Mootii Waan Maraa ti› jedhee hin dubbatin. Sababille isin jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, ka Waaqa jiraataa keennaa waan micciirtanuuf, ka isin dubbattanu erguma teessan. 37Tanaaf isin, ‹Mootiin Waan Maraa deebii maan isiniif kenne› yookiin, ‹Mootiin Waan Maraa maan dubbate?› jedha'aatii raagota gaafadha'a. 38Isin, ‹Ergaan tun ta mootii Waan Maraa ti› jettanulle, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani Ergaan tun ta Mootii Waan Maraa ti akka isin hin jenne adoo isinitti himuu, isin: Ergaan tun ta Mootii Waan Maraa ti jettane. 39Tanaaf, ani dhugumaan isinille, qachaa isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kennelle hin dedha; fuula kiyya duraa isin hin gata. 40Salphinnaa fi qaanii bara baraa ta ijjumaa hin dedhanne isinitti hin fida› jedha» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Pastores, o Renovo Justo e a Verdadeira Profecia

  • No mundo antigo, os governantes eram frequentemente descritos como pastores. Jeremias contrasta os líderes corruptos de Judá, que dispersaram seu povo, com a promessa de um Renovo justo da linhagem de Davi, que reinaria com sabedoria, executaria a justiça e reuniria o rebanho disperso.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O capítulo contrasta a capital do norte, Samaria, cujos profetas invocavam a divindade fenícia Baal, com os profetas de Jerusalém. Jeremias retrata as falhas morais e as falsas promessas de paz em Jerusalém como tão graves quanto a proverbial maldade de Sodoma e Gomorra.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Jeremias emprega imagens vívidas para distinguir a genuína revelação divina dos sonhos inventados. A autêntica palavra de Deus é comparada ao trigo nutritivo, ao fogo consumidor e a um martelo que despedaça a rocha, enquanto as falsas profecias são rejeitadas como simples palha.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 7
  • Samaria · 32.276, 35.195 · versículo 13
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 14, 15, 16

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.