Nations Bible

Jeremias 21

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Deebii Mooticha Zedeqiiya'aaf kennante

1Mootiin Yihuda'aa Zedeqiiyaan, ilma Malkiiya'aa Phashihurii fi ilma Ma'aseya'aa Sefaaniyaasii hayyicha gara Ermiyaasii yennaa erge, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe; 2worri mooticha biraa ergame sun Ermiyaasiin, «Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar waan nu lolaaruuf, maganne'e Mootii Waan Maraa nu'uuf gaafadhu; Mootiin Waan Maraa akkuma qaraa bilbaasa hujee akka mootichi nu irraa deebi'u hin godha fa'a te'a» jedhane.

3Ermiyaas ammoo deebisee isaaniin, «Dhaqa'aatii Zedeqiiya'aan, 4‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, worra dalleyaan alaan isin marsane, mootii Baabiloniitii fi worra baabilonii loliisaaf meya woraanaa ka isin harkatti qabattane san isin irratti garagalcha; qachaa kana keessalle'etti isaan wolitti hin qaba. 5Aninuu harka kiyya diriirfadhee irree jaddu'uun, aari'iin, aarii bobeettuu fi mufii guddo'oon isin hin lola. 6Namaa fi horii qachaa kana keessa jiranu mara dhowee, balaa gudda'aan hin fixa. 7Saniin duuba mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa, qondaaltota isaatii fi kolbaa qachaa kana keessaa worra balaa irraa, shallaaga'aa fi beela irraa lubbu'uun hafane, harka mootii Baabilonii Nebukadnezaariititti, harka diinota isaanii worra jiruu isaanii balleessiisaaf barbaaduutitti dabarsee isaan hin kenna; mootichi shallaaga'aan isaan hin ijjeesa; inni isaaniif hin mararu yookiin isaaniif hin nawu yookiin gadhaa hin laafu› jedha'aatii itti hima'a» jedhe.

8Mootiin Waan Maraa ammalle raagichatti dubbatee, «Kolbaa tanaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo ani karaa jiru'uutii fi karaa du'aa isin dura keyeera. 9Nami qachaa kana keessatti hafu marti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aa hin du'a; nami achi keessaa bayee worra Baabilonii ka qachaa marsanetti harka kennate ammoo hin du'u; jiruulle'een hin baya. 10Ani qachaa kana irratti waan dansaa adoo hin te'in waan hantuu godhiisaaf murteeffadheera; qachaan kun harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; innille ibiddaan hin guba› jedha.

11«Mana mootummaa Yihuda'aatiin, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!› jedhiin. 12Ee sanyii Daawitii, Mootiin Waan Maraa isiniin, ‹Sababa hujii hantuu isin hujjaneef, aariin tiyya akka ibidda eennulle dhaanfuu hin dandeennee akka hin bobeenne, guyyaa mara haqa huja'a; nama saamame harka worra isa cunqursuu keessaa baasa'a.

13«‹Ee qachaa Yerusaalemii, ka dhooqaan gubbaa,

lafa rassittii gooroo irra jiru; ani si hin morma;

isin worri: Eentu dhufee nu mormuu dande'a?

Eentu addee nuuti itti baqanne seenuu dande'a? jettanu

14Ani akkuma hujii teessaniititti isin hin adaba;

mana mootumma'aa keessan,

ka «Gongomaa» jedhamutti ibidda qassiisee

waan adaala san jiru mara hin fixa› jedheera» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A Consulta de Zedequias e o Cerco Iminente

  • Diante da invasão do rei Nabucodonosor da Babilônia, o rei Zedequias de Judá enviou uma delegação a Jeremias na esperança de que Deus realizasse um livramento milagroso como no passado. Zedequias havia sido colocado no trono pelo próprio Nabucodonosor e se tornou o último rei de Judá.Fontes: Zedekiah · Nebuchadnezzar · o próprio texto bíblico
  • Entre os emissários reais estava Sofonias, filho de Maaseias, que servia como segundo sacerdote durante o reinado de Zedequias. Sofonias foi enviado repetidas vezes pelo rei a Jeremias para consultar sobre os desastres iminentes e buscar a intercessão do profeta.Fontes: Zephaniah · Maaseiah · o próprio texto bíblico
  • Em vez de prometer livramento, Jeremias pôs diante do povo o caminho da vida e o da morte. Aqueles que permanecessem dentro de Jerusalém morreriam pela espada, pela fome e pela peste, enquanto os que se rendessem aos caldeus sitiantes preservariam suas vidas.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 2, 4, 7, 10
  • Chaldea · 30.962, 46.104 · versículos 4, 9
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 6, 8, 9, 13

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.