Jeremias 19
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Fakkeenna Okkotee Caddee
1Mootiin Waan Maraa anaan, «Dhaqiitii nama faara dhowu irraa okkotee bitadhu; jaarsolee kolba'aa keessaa garii, maanguddoota hayyootaa keessalle'ee garii qabadhuutii 2gara dhooqa Ben-Hiinomii ta seensuma karaa karra basso'oo biraa gad bayi; achitti waan ani sitti dubbadhu lallabiitii, 3‹Ee mootota Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a. Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: ani badii dhage'iisaaf gurra namaatitti hin tolle addee tana irratti hin fida. 4Sababille isaan na lakkisanee addee tana ta waaqota ormaa godhaneeran. Isaan addee tana keessatti waaqota ifiifuu hin beenne, ka abbootiin isaaniitii fi moototi Yihuda'aalle ijjumaa hin beenneef hixaana aarsanee, dhiiga worra yakkaa hin qanneetiin addee tana guutaneeran. 5Isaan waan ani hin ajajin yookiin ani hin dubbatin, yookiin ta ani ijjumaa hin yaadatin, ilmaan ifii ibiddaan gubanee Ba'aaliif kennansa dhikeessiisaaf, addee waaqonfanna'aa Ba'aaliif ijaarane. 6Tanaaf kolbaan addee tana «Dhooqa qalmaa» jetti malee, «Toofet» yookiin «Ben-Hiinom» jettee barri hin waanne hin dhufa› jedhi. 7Ani addee tanatti karoora kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'elii hin diiga. Ani diinota isaanii duratti harka worra lubbuu isaanii barbaaduutitti shallaaga'aan akka isaan ijjeefamanu hin godha; reeffa isaanii allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin godha. 8Ani qachaa kana diigee, waan ittiin murganu hin godha; sababa gaargala isi'ii maraaf worri karaa san dabaru marti hin maadeffata. 9Ani foon ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ifii akka isaan nyaatanu hin godha; diinoti isaanii ka lubbuu isaanii balleessiisaaf barbaadu yennaa isaan marsee rakkisu, isaan foon wolii hin nyaatan.
10«Achiin duuba worra si woliin jiru san duratti okkotee cassiitii, 11isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade: Akkuma okkoteen nama faara dhowuu bututteen duuba deebitee suphamuu hin dandeenne, akkuma kana ani kolbaa tanaa fi qachaa kana hin butucha; haga addee itti awwaalanu dhabantutti reeffa isaanii Toofetitti hin awwaalan. 12Ani addee tanaa fi worra as keessa le'u mara irratti tana hin godha. Ani qachaa kana akka Toofetii hin godha. 13Kolbaan heellichoo mana ifii irratti waaqota ifii waan waaqonfataneef, manni Yerusaalem keessaatii fi manni mootumma'aa ka mootota Yihuda'aa akka addee tanaa, akka Toofetii hin battowan; isaan urjoota waaqonfatanee, isaan ulfeessiisaaf hixaana aarsanee, waaqonfatiisaaf kennansa daadhii woyni'ii kennaneeran› jedhiin» jedhe.
14Ermiyaas addee Mootiin Waan Maraa akka inni raaga dubbatuuf erge Toofetii deebi'ee, badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessa dhaabbatee, kolbaa maraan, 15«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isaan mataa jabaatanee jecha kiyya waan hin caqasiniif, ani qachaa kanaa fi ollaa adaala qachaa kanaa jiru maratti badii itti fidiisaaf dubbadhe mara hin fida› jedha» jedhe.

Você sabia?
O cântaro quebrado e o vale de Ben-Hinom
- Deus instruiu Jeremias a levar anciãos e sacerdotes pela Porta dos Cacos—que dava acesso ao campo do oleiro—até o vale de Ben-Hinom, também chamado de Tofete. Ali, o povo de Judá havia praticado sacrifícios de crianças e edificado altos a Baal, levando Deus a declarar que o local passaria a se chamar Vale da Matança.Fontes: o próprio texto bíblico · East Gate · Baal
- Jeremias realizou um ato profético ao quebrar um cântaro de barro diante dos líderes que o acompanhavam. Essa destruição irreversível serviu como símbolo visual de que Jerusalém e suas casas seriam despedaçadas de forma irreparável por causa de suas práticas idólatras, incluindo a queima de incenso a outros deuses sobre os terraços.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Valley of Hinnom · Hoje: Hinnom Valley · 31.769, 35.228 · versículos 2, 6
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 3, 7, 8, 11, 13
- Topheth · Hoje: in the Hinnom Valley · 31.769, 35.228 · versículos 6, 11, 12, 13, 14
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org