Jeremias 16
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Guyyaa Badi'ii
1Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ati addee tanatti niitii hin fuudhin; ilmaan yookiin ijoollee durraalle hin uumatin. 3Ilmaanii fi ijoolleen durraa ta asitti dhalatanu, haadhoti'ii fi abbootiin isaanii, 4dhukkuba hama'aan hin du'an; nami isaaniif bowu yookiin isaan awwaalu hin jiraatu. Isaan akka cego'oo lafatti hin gataman; shallaaga'aa fi beelaan hin badan; allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin te'an» jedhe.
5Mootiin Waan Maraa, «Ani nageya kiyya, jaalala kiyya ka bara baraatii fi marartii tiyya kolbaa tana irraa waan fudhadheef, mana bowaa hin seenin; bowiisaaf yookiin gaddisaaf hin dhaqin. 6Lafa tanatti worri gugurda'aa fi didiqqaan hin du'an; nami isaan awwaalu yookiin isaaniif bowu hin jiraatu; nami isaaniif ifi amaaxu yookiin mataa ifii haadatulle hin jiraatu. 7Worra nami irraa du'eef gaddu san jajjabeessiisaaf, nami haqaqoo geessuu hin jiraatu; worra abbaan yookiin haati irraa duuteeyyuu jajjabeessiisaaf daadhii woyni'ii nami geessu hin jiraatu. 8Isaan woliin teettee nyaattee uniisaaf mana jilaa hin seenin» jedha. 9Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Kunoo, ani fuula keessan duratti, bara keessanitti, qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii addee tana keessaa hin balleessa. 10Ati waan kana mara kolbaa tanaaf yennaa hintu, isaan, ‹Mootiin Waan Maraa badii guddoo tana maaf nutti dubbata? Yakkaan teenna maan? Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuun nuuti hunye maan?› jedhanee yoo si gaafatane, 11ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Abbootiin teessan ta durii na lakkittee, waaqota dharaa ka dhibii hordottee, tajaajiltee waan waaqonfatteef tun teete; isaan na lakkisane; seera kiyyalle hin eegane. 12Isin ammoo abbootii teessan ta durii caalaa waan hantuu hujjane; tokko tokkoon keessan naaf ajajamiisa irra mataa jabeennaan hammeenna gadhaa keessanii attam attam akka hordottanu ilaala'a. 13Tanaaf ani lafa tana keessaa isin baasee, lafa isinii fi abbootiin teessan ta durii hin beenne keessatti isin hin gata; ani waan isiniif hin marareef, isin achitti waaqota dharaa ka dhibii halkanii fi guyyaa hin tajaajiltan jedha› jedhiin» jedhe.
14Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Guyyaan namooti, ‹Dhugaa Waaqaa jiraataa, Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa baasee› jedhanee hin kakanne hin dhufa; 15ammoo ani gara lafa abbootii isaanii ta duriitiif kenneetitti waan isaan deebisuuf, ‹Dhugaa Waaqa jiraataa Israa'eloota lafa kaabaa keessaa fi biyya isaan itti bittinneesse mara keessaa baasee fidee› jedhanee hin kakatan» jedhe.
Adabbii dhuttu
16Mootiin Waan Maraa, «Amma ammoo ani akka qurxummi'ii worra kana akka guuranu nama hedduu hin erga; isaanille isaan hin guuran; achiin duuba adamsitoota hedduu hin erga; isaanille gaara mara irra, kooba mara irraa fi goda rassa'aa keessa isaan hin adansan. 17Ani waan isaan hujanu mara hin dhagga; isaan fuula kiyya duraa dhokatuu hin dande'anu; cubbuu isaaniille fuula kiyya duraa ta gollanteertuu moti. 18Isaan fakkii fokkisiittuu lubbuu hin qanneen lafa tiyya waan batteessaneef, waaqota dharaa battii sanille'een lafa tiyya waan guutaneef, sababa hammeennaa fi cubbuu isaaniitiif adabbii dachaa isaanitti hin fida» jedha.
19Ee Mootii Waan Maraa! Ati jabeennaa fi gollata kiyya; guyyaa rakkinnaalle addee ani itti baqadhu. Gosi biyya adda addaa lafa mara irraa dhufanee, «Abbootiin teenna ta durii waaqonfannaa dharaa, waaqota dharaa ka bu'aa hin qanne ka waan dansaa isaaniif hin goone malee, womaa hin qabanuuyyu» hin jedhan.
20Mootiin Waan Maraa, «Nami ifiif waaqa dharaa hujatuu dande'aa? Eeti'i! Ammoo Waaqa dhuga'aatii moti. 21Tanaaf ani isaan hin barsiisa; amma ani hunnaa tiyyaa fi jabeenna kiyya isaan hin barsiisa; achiin duuba isaan maqaan kiyya Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan» jedha.

Você sabia?
A Solidão do Profeta e Sinais de Juízo
- Deus ordena a Jeremias que se abstenha do casamento, de refeições fúnebres e de festas. Seu isolamento forçado servia como um sinal vivo para o povo de que perdas catastróficas, fome e espada em breve eliminariam da terra tanto as celebrações alegres quanto os ritos normais de luto.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo lista costumes de luto comuns na época, incluindo oferecer pão e o cálice de consolação aos enlutados, além de rapar a cabeça e fazer cortes no corpo em sinal de dor. A magnitude do desastre iminente seria tão avassaladora que essas expressões comunitárias tradicionais de pesar cessariam por completo.Fontes: o próprio texto bíblico
- Historicamente, o êxodo do Egito serviu como a narrativa fundamental do livramento divino de Israel. Jeremias profetiza que uma restauração futura do exílio nas terras do norte superaria até mesmo a memória da libertação do Egito.Fontes: o próprio texto bíblico · Egypt
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 14
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org