Juízes 16
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Samsoonii Fi Deliilaa
1Gaafa tokko Samsoon gara qachaa Gaaza'aa dhaqee, dubartii sagaagaltittii takka dhaggee, isii woliin buliisaaf gara isi'ii seene. 2Worri qachaa Gaaza'aa, «Samsoon as dhufeera» jechuu dhage'anee, adaala san marsanee, halkan guutuu karra qachaa sanii eegaa bulane; isaan, «Yennaa latti bariitu isa hin ijjeenna» jedhanee, halkan guutuu riphanee isa eegaa bulane. 3Samsoon ammoo haga halkan wodhakka'aa qofa rafe; achiin duuba ka'ee, cufanaa karra qacha'aa, mikikkila lamaanii fi danqaraa duudii bubuqqisee, gurmuu ifii irratti kaafatee, haga kooba Kebrooniin dura jirtuutitti ol baase.
4Saniin duuba Samsoon dubartittii Deliilaa jedhantu, ta dhooqa Sooreqii keessa leetu takka jaalate. 5Moototi Filisxeemotaa shanan gara isi'ii dhaqanee, isi'iin, «Samsoon sossobiitii, wonni guddoo isa jabeessu maan akka te'ee fi nuutille attam goonee isa hiinee ifiin jala galfatiisa akka dandeennu nuu gaafadhu. Nuuti tokko tokkoon keenna, meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko sii hin kennina» jedhane.
6Maarre Deliilaan Samsooniin, «Maganne'ee waan akkana guddoo si jabeessuu fi nami tokko si hidhee ifiin jala si galfatiisa attam akka dande'u natti himi?» jette.
7Samsoon deebisee, «Teepha jiidhaa torbaan yoo na hidhane, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe.
8Achiin duuba bulchitooti Filisxeemotaa teepha jiidhaa torba, Deliila'atti fiddee, isiille Samsoon hiite. 9Yennaa san namooti kolloo manaa keessatti riphanee eegiisatti jiranuun, isiin, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane!» jette; inni ammoo akkuma liilanni yennaa ibiddi tuqu ciccitu, teepha san kukkute. Tanaaf isaan hunni isaa eessaa akka dhuttu hin beenne.
10Deliilaan Samsooniin, «Ilaa! Ati na gowwisiittee, soba natti dubbatte; maganne'ee attam akka si hidhuu dande'anu natti himi!» jetteen.
11Inni isi'iin, «Wodaroo haareya ta itti hin fayyadaminiin yoo na hidhane, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe.
12Maarre Deliilaan wodaroo haareya fuutee isa hiite; achiin duuba namoota kolloo manaa keessatti riphanee eegiisatti jiranuun, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane» jette. Inni ammoo irree ifiitiin, wodaroo san akka liilanaa kukkute.
13Deliilaan Samsooniin, «Ilaa! Ati haga ammaa na gowwisiittee, soba natti dubbatte; attam akka si hidhuu dande'anu natti himi!» jetteen.
Inni isi'iin, «Guduruu rifeensa mataa kiyyaa torbaan liilana woliin footee gudunfitee, shikaala'atti yoo hiite, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe.
14Achiin duuba Deliilaan adoo inni rafeeruu, guduruu rifeensa mataa isaa liilana woliin footee, gudunfitee, shikaala'atti hiitee, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane!» jette. Inni ammoo hirriibaa dammaqee, togaa liilanaa fi guduruu rifeensa mataa ifii woliin buqqise.
15Maarre isiin Samsooniin, «Gadhaan keeti na bira adoo hin jiraatin, attam si jaaladha naan jetta ree? Ati yennaa sad na soddee, waan guddoo si jabeesselle natti hin hinne» jette. 16Tanaaf isiin guyyuma guyya'aan isa gaafatiisaan, du'a haga halchutti isa ko'itte. 17Dhuma irratti inni, «Ani gadhaa haadha tiyyaatii jalqabee Naazireticha Waaqaaf adda baye waan te'eef, rifeensi mataa kiyyaa haadamee hin beeku; yoo haadame akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhee waan gadhaa ifii mara itti hime.
18Deliilaan akka inni dhugaa itti hime yennaa hubatte, gara bulchitoota Filisxeemotaa ergitee, «Inni dhugaa waan natti himeef, yennaa takkaa deebi'a'aa kowa'a» jette. Isaanille beesee qabatanee gara isi'ii dhufane.
19Deliilaan Samsoon gudeeda ifii irra raffittee, nama tokko waantee guduruu rifeensa mataa isaa torbaanuu akka haadu goote, isa rakkisuu jalqadde; innille jabeenna ifii dhabe. 20Achiin duuba isiin, «Samsoon! Filisxeemoti sitti dhufane» jetteen; Innille hirriiba irraa yennaa dammaqee, «Akkuma qaraa ifi irraa kukkutee gad baya» jedhee yaadate. Inni ammoo akka Mootiin Waan Maraa isa lakkiseeru hin beenne. 21Maarre worri Filisxeemotaa isa qabanee, ila isaa lamaanuu keessaa baasane. Isaan gara Gaaza'aa gad isa geessanee wodaroo sageettu'uutiin hidhanee, mana hidha'aa san keessatti akka midhaan daaku godhane. 22Rifeensi mataa isaa ka haadame ammoo, deebi'ee guddatiisa jalqabe.
Du'a Samsoonii
23Bulchitooti Filisxeemotaa, «Daagon waaqi keenna, diinaa keenna Samsoon harka keenna keessa galcheera» jedhanee, jila jilifatanee, Daagonii waaqa ifiitiif ciincaa guddoo dhikeessiisaaf wolitti qabamane. 24Isaan yennaa Samsoon dhaggane, waaqa ifii leellifatanee, «Ka biyya teenna balleessee, ka nama hedduu nu duraa ijjeese diina keenna, waaqi keenna harka keennatti dabarsee kenneera» jedhane. 25Gadhaan isaanii yennaa guddoo gammade, «Samsoon dhufee akka nu taphachiisu, isa waama'a» jedhane; maarre isaan mana hidha'aa keessaa Samsoon waansisane; innille isaaniif taphate; isaan akka inni odduu utuba'aa dhaabbatu godhane. 26Samsoon mucaa harka isaa qabee isa qajeelchuun, «Utubaa galma utubeeru qabadhee, itti irkadhee dhaabbadhuu ti» jedhe. 27Manni sun dhiiraa fi dubarti'iin guutameeraayyu; bulchitooti Filisxeemotaalle marti achi jiran; heellichoo mana sanii irra dhiiraa fi dubartiin gara kuma sadii tapha Samsoon taphatu ilaaliisatti jiraniiyyu.
28Achiin duuba Samsoon, «Ee Goottaa Mootii Waan Maraa! Maganne'ee na qaabadhu; Waaqa kiyya, worra Filisxeemotaa ka ila tiyya lamaan na keessaa baasane, haluu tiyya akka bawuuf, takkuma qofa hunna na jabeessi» jedhee Mootii Waan Maraa daadimate. 29Maarre Samsoon utuboota lamaan wodhakka'aa ka galma utubeeru, utubaa tokko harka middaatiin, utubaa kaan harka bita'aatiin jabeessee qabee, 30«Ani worra Filisxeemotaa woliin du'uu ti!» jedhee, hunna ifii guutu'uun yennaa dhiibe, manni bulchitoota Filisxeemotaatii fi worra achi jiru duudii irratti jige. Samsoon adoo jiruu worra ijjeeseen irra, gaafa du'e worra ijjeesetti caala.
31Achiin duuba obboleeyyan isaatii fi maatiin isaa marti gad dhaqanee, reeffa isaa fuudhanee, awwaala abbaa isaa Maano'a'aa ka Zora'aa fi Eshtaa'ol wodhakkaa jirutti awwaalane. Samsoon woggaa diddama Israa'eloota irratti abbaa mura'aa te'e.

Você sabia?
A queda e morte de Sansão
- Dalila vivia no vale de Soreque, onde os líderes filisteus lhe ofereceram prata para descobrir a origem da força de Sansão. Consagrado como nazireu desde o nascimento, Sansão acabou revelando que o corte de suas sete tranças quebraria sua consagração e o deixaria sem forças.Fontes: Delilah · Samson · o próprio texto bíblico
- Os filisteus se reuniram em Gaza para comemorar a captura de Sansão e oferecer sacrifícios a Dagom, seu deus nacional. O Dicionário Bíblico de Easton descreve Dagom como uma divindade com corpo de peixe e cabeça e mãos humanas, com templos principais em Gaza e Asdode.Fontes: Dagon · Gaza · o próprio texto bíblico
- Após liderar Israel por vinte anos, Sansão foi recolhido por seus parentes e sepultado no túmulo de seu pai, Manoá. Essa sepultura ficava entre Zorá e Estaol, na região das terras baixas da Judeia.Fontes: Zorah · Eshtaol · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Gaza · Hoje: Tell Harube · 31.504, 34.464 · versículos 1, 2, 21
- Hebron · Hoje: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · versículo 3
- Valley of Sorek · Hoje: Nahal Sorek · 31.756, 35.050 · versículo 4
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org