Juízes 12
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yifta'aa Fi Worra Efreemii
1Worri Efreemii loltoota ifii waammatanee, gara qachaa Zaafonii gamatti bu'anee, Yifta'aan, «Akka nuuti si woliin deennu adoo nu hin waamin, ati worra Amoonii loliisaaf maaf dhaxxe? Adoo ati keessa jirtuu, nuuti mana keeti ibiddaan si irratti hin gunna» jedhane.
2Yiftaan ammoo isaaniin, «Anii fi kolbaan tiyya, worra Amoonii woliin akka malee yennaa wol lolle, ani isin waameeraayyu; isin ammoo harka isaanii jalaa na hin baanne. 3Akka isin na baasaa hin jirre yennaa dhagge, lubbuu tiyya adoo hin mararfatin isaan loliisaaf meessaa qaxxaamuree dhaqe; Mootiin Waan Maraalle harka kiyyatti isaan dabarsee kenne; maarre isin adha maaf na loliisaaf dhuttane ree?» jedhe. 4Achiin duuba Yiftaan worra Giil'aadii duudii wolitti qabatee, worra Efreemii lole; worri Efreemii worra Giil'aadiitiin, «Isin worri Giil'aadii, worra Efreemii irraa baqattanee, wodhakkaa worra Efreemiitii fi Minaase'ee leetan» waan jedhaneef, isaan lolane. 5Worri Giil'aadii malkaa laga Yordaanosii ka worri Efreemii bu'u duudii qabate. Worra Efreemii keessaa nami baqatu tokko «Gamatti bu'a» jedhee yoo gaafate, worri Giil'aadii, «Ati sanyii Efreemiitii?» jedhanee isa gaafatan; inni, «Waawwo'o!» yoo jedhe, 6isaan, «Shibolet» jedhi jedhaniin. Inni sirreessee jecha kana jedhiisa waan hin dandeenneef, «Sibolet» jedha. Achiin duuba isaan, isa hudhanee malkaa laga Yordaanosiititti isa ijjeesan; yennaa san worra Efreemii keessaa, namoota kuma afurtamii lamatti ijjeefame.
7Yiftaan Giil'aadichi woggaa ja kolbaa Israa'elii bulcheen duuba du'ee, qachaa ifii ka Giil'aad keessaatitti awwaalame.
Ibzaan, Eloonii Fi Abdoon
8Yiftaan du'een duuba, Ibzaan nami Betlihemii Israa'eloota bulche. 9Ibzaan ilmaan soddomaa fi ijoollee durraa soddoma qabaayyu. Inni ijoollee durraa ifii soddoma gosa ormaatitti heerumsiisee, ijoollee durraa soddoma ta gosa ormaa ilmaan ifii fuusise. Ibzaan woggaa torba kolbaa Israa'elii bulchee, 10achiin duuba du'ee, Betlihemitti awwaalame.
11Ibzaan du'een duuba, Eloon nami sanyii Zebuloonii woggaa kudhan Israa'eloota bulchee, 12achiin duuba du'ee, lafa Zebuloonii keessa qachaa Ayaloniititti awwaalame.
13Eloon du'een duuba, nami qachaa Phiiraatonii, ilmi Hiilelii Abdoon Israa'eloota bulche.
14Abdoon ilmaan afurtamaa fi akaakota soddoma, ta harree torbaatama irra teettee deentu qabaayyu. Inni woggaa saddeeti kolbaa Israa'elii bulche. 15Achiin duuba Abdoon du'ee, biyya koobittii Amaaleqootaa keessatti, lafa Efreemiititti Phiiraaton keessatti awwaalame.

Você sabia?
Conflito Tribal e Sucessão de Juízes
- O tenso confronto entre a tribo de Efraim e os gileaditas levou à tomada das passagens do rio Jordão. Como o dialeto efraimita não pronunciava o som de 'ch', os soldados identificavam os fugitivos pedindo que pronunciassem 'Chibolete', executando aqueles que diziam 'Sibolete'.Fontes: o próprio texto bíblico · Gilead · Jordan
- Após a liderança de seis anos de Jefté, três juízes sucessivos governaram Israel: Ibsã de Belém por sete anos, Elom de Zebulom por dez anos e Abdom de Piratom por oito anos.Fontes: o próprio texto bíblico · Ibzan · Elon · Abdon
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Ammon · 31.955, 35.934 · versículos 1, 2, 3
- Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículos 1, 5, 6
- Gilead · Hoje: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · versículos 4, 5, 7
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org