Tiago 4
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Biyya Lafaa Woliin Jaalomuu
1Lolaa fi falmiin odduu teessan jirtu, eessaa dhutte? Halchaa nafa keessan keessatti wol loltu irraa dhuttii motii? 2Isin waan tokko hin halchitan, ammoo hin dhaggattanu; tanaaf nama ijjeettan. Jabaattaneelle woy halchitan, dhaggatiisaaf hin dandeettanu; tanaaf wol falmaa wol loltan. Waan hin daadimanneef, waan barbaaddanu hin dhaggattanu. 3Yennaa daadimattanulle, gammada foonii irra oolchiisaaf, yaada hama'aan waan daadimattanuuf hin dhaggattanu. 4Isin kolbaa Waaqaaf hin addatanne! Biyya lafaatiin jaalomuun diina Waaqaa akka nama gootu hin beettanuu? Tanaaf nami jaala biyya lafaa te'uu halchu, diina Waaqaa hin te'a. 5Yookiin Barreeffam Woyyichi, «Waaqi, ayyaana nu keessa keyeef hin hinaafa» yennaa jedhu, akkasumaan ka dubbatu isinitti fakkaataa? 6Waaqi ammoo badhaadha irra caalu hin kenna; tanaaf Barreeffam Woyyichi,
«Waaqi worra kooru hin morma,
worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna» jedha.
7Maarre Waaqaaf ajajama'a; Seexana ammoo morma'a, innille isin baqata. 8Gara Waaqaa dhikaadha'a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha'a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha'a. 9Laaleffadha'a, gadda'a, bowa'a! Kolli keessan gara gaddaa, gammadi keessan gara bowiisaa jijjiiramuu ti. 10Goottaa duratti gad ifi qaba'a, innille ol isin hin qaba.
Akka Wolitti Hin Murre Ifi Eeggachiise
11Obboleeyyan tiyya, waan hantuu wol irratti hin dubbatina'a! Nami waan hantuu obboleessa irratti dubbatu yookiin obboleessa ifiititti muru, seera irratti hantuu dubbata, ittille hin mura; ati seera irratti yoo murte ammoo, nama seera irratti muru malee, nama seera hujii irra oolchuu moti. 12Ka seera baasuu fi murulle Waaquma tokkocha; ka fayyisiisaa fi balleessiisa dande'ulle isuma calla'a; ati ka namatti murtu eennu ree?
Ifi Jajuu Irraa Ifi Eeggachiise
13Isin worri, «Adha yookiin boru qachaa akkasiitii fi akkasii dhandhee woggaa tokko achi turra, hin daddalanna, bu'aalle keessaa buufanna» jettanu, caqasa'a! 14Isin waan boru te'u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo'oof mudhattee deebitee badduu ti. 15Addee san, «Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona» jedhuu maltane. 16Amma ammoo isin hin koortan, ifille hin jajjan; ifi jajuun akkasii duudiin hantu'u. 17Nami waan dansaa godhiisa adoo beekuu, hin goone, godhuu dhabiis isaa cubbuu itti teeti.

Você sabia?
Paixões, o mundo e a humildade
- O capítulo pergunta o que causa conflitos e brigas entre aqueles a quem se dirige e responde que vêm das paixões em guerra dentro deles. Diz que desejam o que não têm, matam e cobiçam, mas não conseguem obtê-lo, e brigam e lutam; não têm porque não pedem e, quando pedem, não recebem, porque pedem com motivos errados, para esbanjar isso nos próprios prazeres.Fontes: o próprio texto bíblico
- Chama-os de adúlteras e diz que a amizade com o mundo é hostilidade para com Deus, de modo que quem escolhe ser amigo do mundo torna a si mesmo inimigo de Deus. Cita as palavras de que Deus se opõe aos soberbos, mas dá graça aos humildes, e então manda que se submetam a Deus, resistam ao diabo para que ele fuja, aproximem-se de Deus para que ele se aproxime, limpem as mãos e purifiquem o coração.Fontes: o próprio texto bíblico
- Aos que dizem que irão a esta ou àquela cidade, passarão um ano ali, farão negócios e terão lucro, diz-se que nem sequer sabem o que acontecerá amanhã e que são uma névoa que aparece por um pouco e depois desaparece. Em vez disso, deveriam dizer: "Se o Senhor quiser, viveremos e faremos isto ou aquilo"; a jactância desses planos orgulhosos é chamada de mal, e quem sabe o que é certo fazer e não o faz é culpado de pecado.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org