Nations Bible

Isaías 9

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Mooticha Nageyaa Ka Dhufu'uu Jiru

1Worri guddoo rakkataa ture haganaa achi, dukkana dimimmisa keessa hin le'u.

Bara durii inni lafa Zabilooniitii fi Niftaalemii salphise; bara hegerii ammoo inni lafa laga Yordaanosiin gamaa, ta karaa abbaaya'aa biraa, Galiilaa worra Yihudoota hin te'iniitiif ulfinna hin kenna.

2Kolbaan dukkana keessa leete,

ifa guddaa dhaggite;

worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'eefille

ifi baye.

3Waaqa, ati gosa baceessiteerta;

gammada isaaniille itti edeeteerta;

namooti yennaa midhaan galfatanu,

boojuulle yennaa qoodamanu akkuma gammadanu,

isaan si duratti hin gammadan.

4Akkuma bara worri Miidiyaanii injifatame goote,

waanjoo isaanitti ulfaate,

ciiraa gurmuu isaanii irraa,

ulee worra isaan cunqursuulle caccassiteerta.

5Kopheen loltooti yennaa lolaa keyatanu marti,

woyaan dhiiga keessa gangalfante martinuu

akka qoraanii ibiddaan hin gabbatti.

6Annuun nuuf dhalateera;

ilmi nuuf kennameera;

Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti;

maqaan isaa, «Gorsaa maade'ee,

Waaqa hunnaamessa,

abbaa bara baraa,

qondaala nageyaa» hin jedhama.

7Baalliin isaatii fi

nageenni isaa dhuma hin qabanu;

inni barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'ee,

mootummaa isaa hin bulcha;

haqaa fi balchumma'aan dhaabee,

ammaan jalqabee haga bara baraatitti

isii hin jabeessa;

hinaaffaan Mootii Waan Maraa

Ka Waan Mara Dadee, tana hin gooti.

Mootiin Waan Maraa Kolbaa Israa'elii Hin Adaba

8Mootiin Waan Maraa jecha mura'aa Yaaqoobitti erge; kunille sanyii isaa kolbaa Israa'elii irratti muummowe.

9Worri Efreemiitii fi

worri qachaa Samaariya'aa keessa le'u,

kolbaan marti tana hin beekan;

isaan kooriisaa fi bondhooriisaan,

10«Dalleenni faara loobameen ijaarame jige;

nuuti ammoo

dhakaa bocameen deebinnee hin ijaarra.

Muki harru'uu murameera;

nuuti ammoo addee muka harru'uu

muka hindheensaa hin buunna» jedhan.

11Mootiin Waan Maraa ammoo

nyaapha Resiinii isaan irratti kaase;

diinota isaaniille isaan irratti kakkaase.

12Worri Sooriya'aa karaa aduun baatuun, worri Filisxeemotaa karaa aduun seentuun dhufanee, afaan bananee Israa'el kukkutataneeran; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.

13Kolbaan ammoo gara Mootii Waan Maraa ka isaan adabee hin deebine; yookiin Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hin barbaadanne. 14Tanaaf Mootiin Waan Maraa worra akka mata'aatii fi eege'ee, worra akka damee muka meexxi'iitii fi allaadu'uu guyyaa tokkotti Israa'el keessaa hin balleessa; 15mataan sun jaarsole'ee fi worra ulfinna qabu; eegeen raagota soba nama barsiisanu. 16Worri kolbaa tana sooressu isaan dokonkorseera; worri isaaniin sooreffamulle karaa irraa joonjayeera. 17Isaan marti worra Waaqa malee le'uu fi waan hantuu huju; marti isaaniituu waan hantuu dubbatan; tanaaf Mootiin Waan Maraa dargaggoota isaaniititti hin gammadu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef, haadhotii hiyyeessotaatiifille hin mararu; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira. 18Hammeenni kolba'aa akka ibidda qumi'uudu'uu fi qoree gubuu ti; gongomaa ciggaa qabatee, aarri isaa akka utuba'aa dhaabbata. 19Aarii Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin latti hin gubatti; kolbaalle akka qoraan ibiddaa hin teeti; obboleessa ifii ka baasuu dande'u tokkolle hin jiru. 20Harka middichaan hin kukkutatan; ammoo beeluma qaban; harka bitaachaan hin nyaatan; ammoo hin quufanu; tokko tokkoon isaanii foon ijoollee ifii hin nyaatan. 21Kolbaan Minaase'ee kolbaa Efreemii nyaatti; kolbaan Efreemiille kolbaa Minaase'ee nyaatti; isaan lamaanuu gosa Yihuda'aa irratti hin ka'an; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Uma grande luz e o julgamento sobre o norte

  • Os territórios tribais do norte pertencentes a Zebulom e Naftali ficavam na Galileia, termo derivado de uma palavra que significa circuito. Como habitantes originais permaneceram por muito tempo na região ao lado dos israelitas, ela passou a ser chamada de Galileia das nações ou dos gentios.Fontes: Galilee · o próprio texto bíblico
  • A menção ao dia de Midiã evoca a histórica quebra da opressão exercida pelos midianitas, um povo nômade que habitava as regiões desérticas ao norte da península arábica.Fontes: Midian · o próprio texto bíblico
  • A advertência profética se dirige ao reino do norte por meio de sua capital Samaria — edificada pelo rei Onri no topo de uma montanha isolada nos montes de Israel — e de sua tribo líder Efraim, descrevendo severas disputas civis entre tribos irmãs como Manassés e Efraim.Fontes: Samaria · Ephraim · Manasseh (son of Joseph) · o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 1
  • Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 1
  • Midian · 28.495, 35.012 · versículo 4
  • Samaria · 32.276, 35.195 · versículo 9
  • Philistia · 31.664, 34.546 · versículo 12
  • Syria · Hoje: Aram · 33.511, 36.306 · versículo 12

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.