Nations Bible

Isaías 65

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Mura'aa Fi Fayyisiisa Waaqaa

1Mootiin Waan Maraa, «Ani worra na hin daadimatinitti ifi mudhise; worra na hin barbaadinitti mudhadhe. Kolbaa maqaa kiyya hin waammanneen, ‹Ani as jira; ani as jira› jedhe. 2Ani guyyaa guutuu harka kiyya gara kolbaa finqiltu'uu, ta karaa dansaa hin te'in ideentuu, ta yaada hamaa ifii hordottuu badhise. 3Kolbaan tun fuula kiyya duratti, oorruu keessatti ciincaa dhikeessiisaan, faara loobame irratti hixaana aarsiisaan, yennaa mara na aarsiti. 4Isaan awwaala odduu tee'an; halkanille addee dhokatte bulan; foon booyye'ee nyaatan; shorbaan foon batti'i okkotee isaanii keessa guuteera. 5Isaan, ‹Nuuti woyyoota waan teeneef, nu irraa fagaadha'a; nutti hin dhikaatina'a!› worra jedhu. Kolbaan akkasii akka ibidda guyyaa guutuu bobe'uu, aariin tiyya akka bobeettu gooti.

6«Kunoo, yakkaan isaanii na duratti barreeffanteerti; ani guutumatti gatii isaanii hin kennaaf malee, hin cadhisu; akkuma hujii isaaniititti mataa isaanitti hin deebisa. 7Isaan gaarota irratti hixaana waan aarsaneef, koobota irralle'etti waan na faanshessaneef, yakkaa isaaniitii fi yakkaa abbootii isaanii, akkuma hujii isaanii ta durii sanitti mataa isaaniititti hin deebisa» jedha.

8Mootiin Waan Maraa ammalle, «Akkuma namooti unkuruurri woyni'ii damee muka woyni'ii irra adoo jiruu, ‹Eebbi isa keessa waan jiruuf, hin balleessina'a› jedhanu, anille tajaajiltoota kiyyaaf jedhee, akkasuma godha malee, isaan mara hin balleessu. 9Yaaqoobiif ijoollee hin kenna; Yihudaalle gaarota kiyya akka dhaalu hin godha; kolbaan tiyya ta ani filadhe addee san hin dhaalti; tajaajiltooti tiyyalle achi keessa hin leeti. 10Kolbaa tiyya ta na barbaadduuf, Shaaron addee hoolee itti tiffatanu, dhooqi Aakorille addee horiin ciisu hin teeti.

11«Isin worra ana Mootii Waan Maraa lakkittanee, gaara woyyicha kiyya deetanee, waaqa dharaa ka, ‹Milkii› jedhamuuf, qorii qopheessitanee, worra waaqa dharaa ka, ‹Hixaa› jedhantuufille, daadhii woyni'ii ta makante muduunu'utti guuttaneefii, 12yennaa ani isin waame, waan hin owwaatiniif, yennaa ani dubbadhelle waan hin caqasiniif, na duratti waan hantuu hujjanee, waan na hin gammachiinne waan gootaneef, ani shallaaga'atti dabarsee isin hin kenna; isin marti qalamiisaaf gad hin jettan» jedha. 13Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Tajaajiltooti tiyya hin nyaatti; isin ammoo hin beelottan; tajaajiltooti tiyya hin unti; isin ammoo hin dheebottan; tajaajiltooti tiyya hin gammaddi; isin ammoo hin qaanottan. 14Tajaajiltooti tiyya gadhaa ifii keessatti gammaddee hin faarfatti; isin ammoo gadhaa keessan keessatti waan gadditanuu fi addii waan kutatanuuf, wiiccifatanee hin boottan. 15Worri ani filadhe maqaa keessan jecha abaarsaa akka godhanu hin godha. Tanaaf ani Goottaan Mootiin Waan Maraa isin hin fixa; tajaajiltoota tiyya ammoo maqaa haareyaan hin waama. 16Rakkinni durii dedhamee ila tiyya duraa waan dhokateef, nami lafa san keessatti eebbisu, maqaa ana Waaqa dhuga'aatiin hin eebbifama; nami lafa san keessatti kakatu, maqaa ana Waaqa dhuga'aatiin hin kakata» jedha.

Ol-gubboota Haareya Fi Lafa Haareya

17Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani ol-gubboota haareyaa fi lafa haareya hin dada; wonni dur te'e hin qaabatantu yookiin hin yaadatantu. 18Kunoo, ani Yerusaalem qachaa gammadaa, kolbaa isi'iille worra gammadu waan godhuuf, isin waan ani dadutti haga bara baraa gammada'aatii, ilillisa'a. 19Ani Yerusaalemii fi kolbaa tiyyatti hin gammada; haganaa achi qoonqoon bowaatii fi iyyaa achi isii keessatti hin dhage'antu. 20Achi keessa finni yennaa diqqoo qofa le'u yookiin jaarsi dulloomee bara ifii adoo hin muummeffatin du'u hin jiraatu. Nami woggaa dhibba le'ee du'uuyyuu, akka waan dargaggumma'aan du'eetitti, nami woggaa dhibba adoo hin geyin du'ulle akka nama abaarameetitti laakkowama. 21Isaan mana ijaarratanee keessa hin le'an; muka woyni'iille dhaabbatanee, midhaan isi'ii hin nyaatan. 22Haganaa achi mana isaan ijaarratanu keessa nami dhibiin hin le'u yookiin waan isaan dhaabbatanu nami dhibiin hin nyaatu. Kolbaan tiyya akka mukaa bara dheeraa hin leeti. Worri ani filadhelle waan harka ifiitiin hujanetti bara dheeraa hin gammadan. 23Isaan elo'otti hin hafanu; ijoolleen isaaniille dedhuma du'iisaaf hin dhalattu; isaanii fi sanyiin isaanii kolbaa ani Mootiin Waan Maraa eebbise hin te'an. 24Adoo isaan na hin waammatin, ani isaaniif hin owwaadha; adoo isaan dubbatiisatti jiranuu, ani isaaniif hin dhage'a. 25Yayyi'ii fi ilmooleen hoole'ee woliin hin dheedan; neenqille akka sanga'aa hicaacee hin nyaata; dhudhuufaan ammoo bukuu hin nyaata. Isaan gaara woyyicha kiyya irratti woy hin miidhanu yookiin woy hin balleessanu» jedha.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Juízo, Renovação e Nova Criação

  • A profecia menciona Sarom, uma planície fértil entre o Mar Mediterrâneo e as colinas a oeste de Jerusalém, ao lado do Vale de Acor, perto de Jericó. Nomeado em razão do problema causado por Acã, o Vale de Acor era associado a calamidades, mas Isaías anuncia que ele se tornará um lugar de repouso pacífico para o gado.Fontes: o próprio texto bíblico · Saron · Valley of Achor
  • O capítulo repreende aqueles que abandonaram a Deus para se dedicar a práticas cúlticas ilícitas, como oferecer sacrifícios em jardins, sentar-se entre sepulturas, comer carne de porco e preparar banquetes rituais de comida e vinho misturado para a Fortuna e o Destino.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Isaías anuncia a criação de novos céus e uma nova terra, onde Jerusalém é transformada em motivo de alegria sem choro. A passagem descreve um futuro seguro em que o povo constrói casas para nelas habitar, planta vinhas para desfrutar de seus frutos e vive plenamente, com uma longevidade comparada à das árvores.Fontes: o próprio texto bíblico · Jerusalem

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Sharon · Hoje: Sharon Plain · 32.400, 34.883 · versículo 10
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 18, 19

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.