Isaías 61
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Oduu Gammadaa Ta Fayyinnaa
1Ayyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira;
akka ani oduu gammadaa
worra cunqurfameef lallabu,
na muudeera.
Worra gadhaan isaanii madaye
akka ani fayyisuuf,
worra booji'ame akka ani bilisa baasuuf,
worra hidhame akka ani hiikuuf,
Mootiin Waan Maraa na ergeera.
2Woggaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qadduu fi
guyyaa Waaqi keenna haluu bawu,
akka ani lassuuf,
worra bowu mara
akka ani jajjabeessuuf,
Mootiin Waan Maraa na ergeera.
3Worri Xiyoon keessatti gaddiisatti jiru,
mata'atti addee daadhaa firfirfatanu
marata dansaa akka ani itti maru
addee bowanu,
zayitii gammadaa akka ani itti dhangalaasu,
addee ayyaana gaddaa,
woyaa leellisaa akka ani itti uffisuuf,
na ergeera.
Isaan, «Qilxaa balchumma'aa,
ka Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii mudhisiisaaf dhaabe» jedhamanee hin waamaman.
4Isaan diigama durii deebisanee hin ijaaran;
waan dur baddelle adde'etti hin deebisan.
Qachoota dhaloota heddu'uun dura diigamee bade
deebisanee hin haaressan.
5Alagaan hoolee teessan isiniif hin tissa;
fichaa keessan isiniif hin qota;
oorruu muka woyni'ii teessan keessa isiniif hin huja.
6Isin ammoo, «Hayyoota Mootii Waan Maraa, tajaajiltoota Waaqa keennaa» jedhantanee hin waammatan.
Isin qabeenna gosa biyya adda addaa hin nyaattan;
durummaa isaaniitiin hin koortan.
7Kolbaan tiyya addee qaani'ii qooda harka lama hin fudhatti;
addee salphinnaa dhaala ifiititti hin gammaddi;
qooda lafa ifii harka lama hin fudhatti;
haga bara baraalle hin gammaddi.
8Ani Mootii Waan Maraa haqa waan jaaladhuuf,
saamichaa fi yakkaa jibba.
Ani addatamummaa tiyyaan
kolbaa tiyyaaf gatii hujii isaanii hin keenna;
isaan wolille'een gondooroo bara baraa hin godha.
9Sanyiin isaanii gosa biyya adda addaa keessatti,
ijoolleen isaaniille kolbaa oddu'utti hin beekkanti;
nami isaan dhaggu marti
isaan kolbaa Mootiin Waan Maraa eebbise
akka te'ane hin beeka.
10Ani Mootii Waan Maraatiin guddoo gammada;
lubbuun tiyyalle Waaqa kiyyaan firinxiixxi.
Akkuma waajibichi akka hayyu'uu marata mata'atti maratu,
akkuma waajibittiin dooqaan ifi seefattu,
inni woyaa fayyinnaa
natti uffiseera;
bullukkoo balchumma'aalle itti dabalee natti uffiseera.
11Akkuma latti biqiltuu biqilchitu,
akkuma oorruun sanyii itti facaafante lachisiittu,
Goottaan Mootiin Waan Maraa,
balchumma'aa fi leellisi
gosa biyya adda addaa duratti
akka lattu hin godha.
Você sabia?
Boas-novas e restauração para Sião
- Isaías 61 começa com um mensageiro ungido enviado para proclamar boas-novas aos pobres, liberdade aos cativos e o ano aceitável do Senhor. A mensagem oferece consolo específico aos que choram em Sião, a colina histórica onde Davi construiu sua cidadela em Jerusalém.Fontes: o próprio texto bíblico · Zion
- O texto retrata uma reversão de destino para a comunidade, prometendo que ruínas antigas e cidades devastadas serão reconstruídas, e que o luto será substituído por uma coroa de beleza, alegria e uma porção dobrada em sua terra.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo termina com imagens festivas de casamentos e agricultura, comparando a salvação e a justiça de Deus a uma noiva adornada com joias, a um noivo com vestimentas festivas e a um jardim que faz brotar suas sementes diante de todas as nações.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 3
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org