Isaías 51
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Fayyinna Yerusaalemii
1Mootiin Waan Maraa,
«Isin worri balchummaa hordottanu,
worri ana Mootii Waan Maraa barbaaddanu na caqasa'a.
Rassaa irraa dhaggantane,
boolla bisaanii ta keessaa ol baatanelle ilaala'a.
2Gara abbaa keessan Abrahaamii,
gara Saaraa isin deetteelle ilaala'a.
Ani yennaa isa waame inni uumaa hin qabu;
ani ammoo isa eebbisee isa baceesse.
3Ani Mootiin Waan Maraa Xiyoon hin jajjabeessa;
waan isii duraa diigame maraaf hin marara.
Goomolee isi'ii akka fichaa Edenii
lafa isi'ii godduu akka oorruu tiyyaa hin godha.
Ililleetti'ii fi gammad isii keessatti hin dhaggama;
qoonqoo galataatii fi faaru'uu achi keessatti hin dhage'anti.
4«Ee kolbaa tiyya na caqasa'a;
waan jedhulle dhage'a'a.
Seerri na biraa hin baya;
muraan tiyyalle gosa biyya adda addaatiif ifa hin teeti.
5Balchummaan tiyya ariiti'iin dhikaatiisatti jirti;
fayyisiisi kiyyalle dhaqqabiisatti jira;
irreen tiyya gosa biyya adda addaatiif haqa hin fiddi.
Worri oddoola keessaa gara kiyya hin ilaalan;
irree tiyyalle addi'iin hin eegatan.
6Ol jedha'aatii gara ol-gubba'aa,
gad jedha'aatii lafa ilaala'a;
ol-gubbbaan akka aaraa hin baddi;
lattille akka woya'aa hin dulloonti;
worri isii irra le'u akka tiitichaa hin dhumatan.
Fayyisiisi kiyya ammoo, haga bara baraa ti;
balchummaan tiyyalle ijjumaa dhuma hin qaddu.
7«Isin worri balchummaa beettanu,
isin kolbaan seera kiyya
gadhaa keessan keessaa qaddanu na dhage'a'a.
Murgoo namootaa hin sodaatina'a;
yookiin yennaa isaan isin arrassanu hin rifatina'a.
8Qu'een akka woya'aa isaan hin nyaatti;
corroxxi akka rifeensa hoole'ee isaan hin nyaatti.
Balchummaan tiyya ammoo haga bara baraa ti;
fayyisiis kiyyalle
dhaloota irraa dhalootatti hin dabara» jedha.
9Ee irree Mootii Waan Maraa, ka'i, ka'i!
Hunna teeti mudhisi!
Akka bara durii,
akkuma dhaloota durii durii keessaa ka'i!
Jawwee guddittii abbaayaa keessaa,
ta, «Rahaab» jedhanu san kukkuttee,
ka woraante si'ii motii ree?
10Worri ati wodatte akka gamatti bu'uuf,
ka abbaaya'aa fi bisaan qilee guddo'oo gosse,
ka qilee abbaaya'aa keessatti karaa baase si'ii motii ree?
11Worri Mootiin Waan Maraa wode hin deebi'an;
isaan faarfataa gara Xiyoonii hin seenan;
gammada bara baraa
akka kallachaa mataa ifiititti hin keyatan.
Gammadaan hin burraaqan;
gaddii fi bowiisi isaan irraa hin fagaata.
12Mootiin Waan Maraa isaaniin,
«Ka isin jajjabeessu ana; anuma qofa.
Namoota du'anu,
ilmaan namootaa ta akka marraa goddu,
maaf sodaattan ree?
13Ana Mootii Waan Maraa ka isin dade,
ka ol-gubbaa diriirsee
hundee lafaa hundeesse deetanee,
maaf guyyaa mara aarii worra isin cunqursuu,
ka isin balleessiisaaf barbaaduu sodaattan ree?
Aariin worra isin cunqursuu meet ree?
14Worri hidhameeru ariiti'iin hin bayan;
isaan hin du'anu;
gara qile'eelle gad hin bu'anu;
sagalee nyaatanulle hin dhabanu.
15«Danbaliin akkuma bulphittu abbaayaa ka raasu,
ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan;
maqaan kiyya Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
16Ani ol-gubbaa diriirsee, hundee lafaalle hundeesse;
ani Xiyooniin, ‹Ati kolbaa tiyya;
jecha kiyya afaan keeti keessa hin keya;
gaaddisa harka kiyyaatille'een si hin golla› hin jedha» jedhe.
Muduunuu Mufii Waaqaa
17Ee Yerusaalem, muduunuu mufii Mootii Waan Maraa
harka isaa irraa ta unte,
muduunuu mufi'ii ta gatantarsitu, cumaan isi'iille adoo hin hafin ta xuuxatte,
dammaqi, dammaqi ka'iitii dhaabbadhu.
18Ilmaan ati deette mara keessaa,
ka si sooressu tokkolle hin jiru;
worra ati gudditte mara keessalle'ee
ka harka qabee si sooressu hin jiru.
19Badiin badii irratti sitti dhutteerti;
eentu si jajjabeessa ree?
Tunille diigamiisa, badiisa,
beelaa fi woraana.
Eentu si woliin gadda ree?
20Mufi'ii fi xixichi Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii
waan isin dhaqqabeef,
ilmaan teessan akka buddannee tiyyo'oon qabantee,
woldeennaa kara'aa mara irratti gaggaddee irkatteerti.
21Tanaaf isin daadhii woyni'iitiin adoo hin te'in,
rakkinnaan ka machoottane tana dhage'a'a.
22Mootiin Waan Maraa keessan ka Waan Mara Dande'u,
Waaqi kolbaa ifiitiif falmu isiniin,
«Kunoo, muduunuu isin gatantarsitu,
harka keessan irraa fuudheera;
deebitaneelle muduunuu mufi'ii tiyya irraa,
ijjumaa akka isin hin unne hin godha.
23Muduunuu rakkinnaa san
harka worra si farrisiisuu, ka si'iin,
‹Gad gombifam, nuuti si irra ideenna› jedhutti hin kenna.
Atille akka isaan irra ideemanuuf
dudda keeti akka lafaatii fi kara'aa gooteef» jedha.

Você sabia?
Conforto para Sião e a memória das origens
- Isaías 51 exorta os ouvintes que buscam ao Senhor a olharem para suas raízes ancestrais em Abraão e Sara. O texto lembra como Abraão foi chamado quando era apenas um indivíduo, antes de Deus abençoá-lo e multiplicá-lo.Fontes: o próprio texto bíblico · Abraham · Sarah
- No versículo 9, o nome Raabe é uma designação poética aplicada ao Egito, significando orgulho ou insolência. A passagem evoca o golpe divino contra esse monstro simbólico e a secagem das águas do mar durante o êxodo como sinal de poder para resgatar os cativos.Fontes: o próprio texto bíblico · Rahab
- A profecia compara a futura renovação da arruinada Sião à exuberância do Éden, o jardim do Senhor. O texto assegura a Jerusalém que o cálice de sofrimento será retirado de suas mãos e colocado nas mãos de seus opressores.Fontes: o próprio texto bíblico · Zion · Eden · Jerusalem
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 3, 11, 16
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 9
- Nile · Hoje: Nile River · 31.465, 30.367 · versículo 9
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 17
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org