Nations Bible

Isaías 49

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Tajaajilaa Mootii Waan Maraa

1Isin worri oddoola keessaa na caqasa'a!

Isin gosi biyya adda addaa ka fagoo jirtanu tana dhage'a'a!

Gadhaa haadha tiyyaa keessa adoo jiruu

Mootiin Waan Maraa na waame;

adoo ani hin dhalatin maqaa na baase.

2Inni dubbii afaan kiyyaa

akka shallaagaa qaramee godhe;

gaaddisa harka ifii jalatti na golle;

daaya qarame na godhe;

gonofaa daaya ifii keessalle'etti na dhosse.

3Inni anaan, «Ee Israa'el, ati tajaajila kiyya;

ani si'iin ulfinna kiyya hin mudhisa» jedhe.

4Ani ammoo, «Toluma elowe;

hunna tiyyalle waan bu'aa hin qanne irratti fixadhe;

te'uu malee bu'aa hujii tiyyaa

Mootii Waan Maraatitti

naaf murteessa;

gatiin hujii tiyyaa

harka Waaqaa keessa jirti» jedhe.

5Ani tajaajilaa isaa akka te'uuf,

Yaaqoob gara isaa akka fiduuf,

Israa'eloota akka isaaf wolitti qabuuf,

ka gadhaa haadha tiyyaa keessatti na dade,

fuula ifii duratti ulfinna naaf kennee,

ka jabeenna naaf te'e,

Mootiin Waan Maraa ammalle,

6anaan, «Ati gosa Yaaqoobii ade'etti deebisiisaaf,

kolbaa Israa'elii worra jiru'uun hafe deebittee fidiisaaf,

tajaajilaa kiyya te'iis keeti kaso'o.

Fayyisiisa kiyya haga qaccee biyya lafaa

akka dhaqqassiittuuf,

worra Yihudoota hin te'iniifille

ifa si hin godha» jedhe.

7Mootiin Waan Maraa, Woyyichi Israa'el wodu,

tajaajilaa bulchitootaa,

ka nama gosa biyya adda addaatiin

guddoo tuffatamee jibbameen,

«Mootiin Waan Maraa addatamaan,

Woyyichi Israa'elii waan si fileef,

moototi si dhaggitee, ol si'iif hin kaati;

qondaaltotille si dhaggitee si'iif hin sagaddi» jedhe.

Deebitee Ijaaramiisa Yerusaalemii

8Mootiin Waan Maraa, «Yennaa na biratti fudhatama qaddutti

ani deebii si'iif hin kenna;

guyyaa fayyinna keetii ani si hin qarqaara;

ani si eegee, kolba'aaf gondooroo akka teetu hin godha;

kolbaa adde'etti hin deebitta;

lafa isaanii ta onte isaaniif hin deebitta.

9Worra hidhameen, ‹Baya'a!›

Worra dukkana keessa jiruun,

‹Ifatti baya'a!› akka jettu si hin godha;

isaan irga kara'aatii hin nyaatan;

kooba godduu mara irralle'ee sagalee hin dhaggatan.

10Ani Mootiin Waan Maraa waan isaan mararfadhuuf,

gara madda bisaaniille waan isaan sooressuuf,

isaan hin beelotanu; hin dheebotanu;

o'i goomole'ee yookiin adu'uu isaan hin miidhu.

11«Ani gaarota kiyya mara karaa hin godha;

karaan guddaan kiyyalle isaaniif wol hin qixxawa.

12Kunoo, isaan biyya fago'oo irraa

worri gariin biyya kaabaa irraa

worri gariin karaa aduun seentu irraa

worri kuun biyya Siiniimii irraa hin dhufan» jedha.

13Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii waan jajjabeessuuf,

worra rakkatelle waan mararuuf,

ee ol-gubba'a, faarfadha'a!

Ee lafa, gammada'a!

Ee gaarota, ilillisa'a!

14Xiyoon ammoo, «Mootiin Waan Maraa na gateera;

Goottaan na dedheera» jette.

15Mootiin Waan Maraa, «Haati annuu ifii ta hoosittu

dedhuu dandeettii?

Yookiin finna ifii ta deetteef hin marartuu ree?

Haati annuu ifii deetulle ani ijjumaa Xiyoon hin dedhu.

16Ee Xiyoon, kunoo ani ganaa harka kiyyaa irratti

si barreeffadheera;

dalleenni keeti ka dhaka'aan ijaarame

yennaa mara fuula kiyya dura jira.

17«Ijoolleen teeti ariiti'iin gara keeti hin deebiti;

worri diigee si balleesse si keessaa hin baqatan.

18Ol jedhiitii adaala keeti ilaali!

Ilmaan teeti marti wolitti qabantee gara keeti hin dhutti.

Dhugaa ana jiraata'aa,

‹Ati isaan mara akka seesaa hin uffata;

akka waajibaalle ijoollee teetiin hin miidhadda› jedhee kakadha.

19«Ati diigantee ontulle,

latti teeti duwwaa teetulle,

amma worra si keessa jirutti dhiphattulle,

worri si balleesse si irraa hin fagaata.

20Ijoolleen teeti ta ati gadditeertuun dhalatte,

si'iin, ‹Latti tun nutti diqqaatteerti;

lafa leenu badhoo nu'uuf kenni› jettuun hin dhageetta.

21Achiin duuba ati gadhaa keeti keessatti,

‹Ani ijoollee tiyya dhabeera; eega san hin deenne;

isaan kana eentu naaf deye?

Ani booji'amee, jibbatameeraayyu;

isaan kana eentu naaf guddise ree?

Ani qofi hafeeraayyu;

isaan kun eessaa dhufane ree› hin jetta» jedhe.

22Goottaan Mootiin Waan Maraa,

«Gosa biyya adda addaa harkaan hin haatadha;

baandiraa kiyyalle kolba'aaf ol hin kaasa.

Isaan ilmaan teeti habbaaranee,

ijoollee durraa teetille gurmuu ifii irratti kaasanee hin fidan.

23Moototi abbootii guddisoo ijoollee teetii hin teeti;

giittoti isaanii haadhotii guddosoo ijoollee teetii hin teeti.

Isaan fuula ifiitiin lafatti gad hin gombifaman;

miila keeti irralle'ee bukuu hin arraaban.

Achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta;

worri na addatu hin qaanowu» jedhe.

24Nama jabaa irraa waan inni saame,

yookiin nama gadhaa jabaatu irraa

nama inni booji'e harkaa fuudhuu hin dande'anii?

25Mootiin Waan Maraa ammoo,

«Ee, Wonni nami jabaan saame isa irraa hin fudhatanti;

nama gadhaa jabaatu irraa nami inni booji'e

isa harkaa hin fuudhama;

ani worra si mormu hin morma;

ijoollee teetille hin woda.

26Worri si cunqursu foon ifii akka nyaatu hin godha;

isaan dhiiga ifii akka daadhii woyni'ii unanee hin machowan.

Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa hunnaamessi Yaaqoobii

ka si fayyisuu fi ka si wodu akka te'e

sanyiin namootaa marti hin beetti» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Luz para as Nações e a Restauração de Sião

  • O Servo é comissionado não apenas para restaurar as tribos de Jacó e reunir Israel, mas também para ser luz para as nações, a fim de que a salvação divina alcance os confins da terra.Fontes: o próprio texto bíblico · Jacob (Israel)
  • Sião, a colina fortificada a sudeste de Jerusalém, lamenta ter sido abandonada pelo Senhor, mas Deus afirma que ela está gravada nas palmas de Suas mãos e ficará repleta com os filhos que retornam.Fontes: o próprio texto bíblico · Zion
  • O capítulo descreve o retorno de exilados de regiões distantes de todo o mundo, incluindo a terra de Assuã, historicamente conhecida como Sevene, cidade na fronteira sul do Egito às margens do Nilo.Fontes: o próprio texto bíblico · Syene

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Syene · Hoje: Aswan · 24.089, 32.900 · versículo 12
  • Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 14
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 16

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.