Isaías 46
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Waaqota Worra Baabilonii
1Waaqoti dharaa ka worra Baabilonii,
Beelii fi Neboon hin salphatan;
waaqoti dharaa ka isaanii sun geejjibatti fe'amaneeran;
fakkiin isaan ba'atanee ideemanu sun ba'a'a;
geejjiba itti fe'amane sanille hin dadhassiisan.
2Isaan geejjiba san woliin hin gugguufan;
ifi fayyisuu hin dande'anu;
isaan hin booji'aman.
3Mootiin Waan Maraa, «Ee sanyii Yaaqoobii,
isin sanyii Israa'elii keessaa worri hattane na dhage'a'a!
Gadaamessa haadha teessanii keessatti natti isin eege;
dhaloota keessaniin jalqabee
ka isin ba'ate ana.
4Haga isin dulloontanee arrii baatanutti
ka isin ba'atu ana;
ani isin dadeera; isin hin ba'adha;
isin hin qarqaara; isin hin fayyisa.
5«Eennuun na fakkeessitan?
Eennu woliin na wol qixxeessitan?
Yookiin akka wol fakkaannuuf,
eennu woliin na wol fakkeessitan?
6Worri gariin worqii subba ifii keessaa baafatan;
meetiille madaala irratti madaalan.
Isaan nama worqii baqisiisu qaxaratanee,
inni waaqa isaaniif huja;
achiin duuba isaan waaqa san sagadanee waaqonfatan.
7Isaan waaqa san ol fuudhanee, gurmuu ifii irratti ba'atanee,
geessanee addee isaaf qophootte hin keyan.
Inni achuma dhaabbata malee, addee san irraa hin tacho'u;
yoo nami isatti iyyate, inni deebii hin kennu;
yookiin rakkoo keessaa nama hin baasu.
8«Isin finqiltooti tana qaabadha'a!
Qalbii teessanille'etti qabadha'a.
9Waan dur bara dheera'aan dura te'e qaabadha'a;
ani Waaqa;
ana malee Waaqi dhibiin hin jiru;
ka akka kiyyaalle hin jiru.
10Ani waan muummee irratti dhufu'uu jiru
jalqaba irratti himeera;
waan gara duraa te'uu jirulle duruu himeera;
karoorri kiyya hin te'a;
waan godhiisaaf barbaade hin godha.
11Ani nama karoora kiyya muummessu
karaa aduun baatuu irraa hin waama;
inni akka risa'aa biyya fago'oo irraa hin dhufa.
Ani waan dubbadhe hin godha;
karoora kiyyalle hin muummessa.
12«Isin worri gadhaa jabaattane,
ka balchummaa irraa fagaattane na caqasa'a.
13Ani balchummaa tiyya fidiisatti jira;
isiille fagoo hin jirtu;
fayyisiis kiyya hin turu;
ani Xiyooniif fayyinna,
Israa'eliif ulfinna hin kenna.

Você sabia?
O Deus que carrega o Seu povo
- Isaías 46 contrasta os deuses babilônicos Bel e Nebo com o Deus de Israel. Enquanto os ídolos fabricados são descritos como um fardo pesado que precisa ser carregado sobre animais exaustos até o cativeiro, Deus declara que Ele mesmo carrega e sustenta a casa de Jacó desde o nascimento até a velhice.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo ilustra a inutilidade dos ídolos ao destacar sua origem humana: as pessoas despejam ouro e pesam prata para contratar um ourives que molde um deus. Uma vez carregada nos ombros e fixada em seu lugar, a estátua permanece imóvel, incapaz de se mover, responder a clamores ou salvar alguém da aflição.Fontes: o próprio texto bíblico
- A profecia termina com Deus prometendo conceder salvação a Sião. Sião era a colina sudeste de Jerusalém que Davi conquistou e transformou na Cidade de Davi, frequentemente mencionada em textos proféticos como ponto central para Israel.Fontes: o próprio texto bíblico · Zion
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org