Isaías 36
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Senaaheriib Yerusaalemitti Duule
1Hisqiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii arfeesso'ootitti, mootiin Asoorii Senaaheriib, qachaa Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara lolee qabate. 2Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib ajajaa loltoota ifii Rabshaaqee, loltoota hedduu woliin Laakiishi irraa addee mootichi Hisqiyaas jiru gara Yerusaalemii erge. Ajajaan loltootaa sun dhufee, anguree baleessa gatiitti'ii ka karaa fichaa namicha woyaa dhiquu geessu bira dhaabbate. 3Achitti itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsi'ii ilmi Asaafii Yo'aan, gara isaa gad bayane. 4Ajajaan loltootaa Rabshaaqeen Hisqiyaasitti isaan ergee, «Mootiin Asoorii guddichi, ‹Ati maan addattee bidhaa male teetta? 5Ati afaan callaan mala lolaatii fi hunna loltootootaa si'iif te'a seetaa? Ati eennu addattee na irratti kaate? 6Biyya Gibxi'ii ta akka shonbooqqoo caccaddee ta yennaa qabatanu harka namaa woraantee madeessituu addattaa? Mootiin Gibxi'ii nama isatti addatu maraaf akkasuma› jedha.
7«Ati, ‹Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti addanna› anaan yoo jette, inni Mootuma Waan Maraa ka ati, worra Yihuda'aatii fi Yerusaalemiitiin, ‹Addee ciinca'aa tana duratti waaqonfatiisa qaddan› jettee, addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa balleessitee motii? 8Amma koyiitii goottaa kiyya mootii Asoorii woliin wol morki; namoota farda irra tee'anee loluu dande'anu abbootii fardaa yoo qabaatte, ani fardoo kuma lama si'iif hin kenna. 9Ati garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ka worra Gibxi'iititti addattulle, tajaajiltoota goottaa kiyyaa keessaa ka guddoo diqqa'aatuu ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu. 10Ani biyya tana fedha Mootii Waan Maraatiin ala lolee balleessiisaaf dhufe seetaa? Mootii Waan Maraatittuu, ‹Biyya tanatti duuliitii balleessi› anaan jedhe» jedhe.
11Achiin duuba Eliyaaqim, Shebnaa fi Yo'aan, ajajaa loltootaatiin, «Kolbaan dalleya dhaka'aa irra jirtu hin dhageettii, afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin; nuuti waan beennuuf, afaan worra Sooriya'aatiin nu tajaajiltoota teetitti dubbadhu» jedhane.
12Inni deebisee, «Goottaan kiyya dubbii tana goottaa keessanii fi isin qofatti akka dubbadhuuf na erge isinitti fakkaataa? Namoota dalleya dhaka'aa irra jiranu worra akkuma keessan udaan ifii nyaatu'uuf jiruu fi fincaan ifii unu'uuf jiruuf akka dubbadhuuf na ergee motii ree?» jedhe.
13Achiin duuba ajajaan loltootaa sun dhaabbatee, qoonqoo ol qabatee afaan Ibrootaatiin, «Dubbii mootii guddaa Asoorii dhage'a'a! 14Mootichi, ‹Hisqiyaas isin baasuu waan hin dandeenneef, inni isin hin sobin› jedha. 15Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa dhugumaan nu hin baasa; qachaan kunille harka mootii Asooriititti dabarfamee hin kennamu› jedhee Mootii Waan Maraatitti akka addattanu isin hin godhin. 16Waan Hisqiyaas jedhu hin dhage'ina'a. Mootiin Asoorii, ‹Na woliin araarama'a; gara kiyya kowa'a; achiin duuba tokko tokkoon keessan midhaan woyni'ii keessanii fi midhaan harru'uu keessan hin nyaattan; boolla bisaanii teessan keessaa bisaan hin untan. 17Tun haga ani dhufee lafa akka lafa teessanii fakkaattu, lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii, lafa daabbo'ootii fi lafa muka woyni'ii isin geessutti teeti› jedha. 18Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa nu hin baasa› jedhiisaan, yennaa isin dokonkorsu isa hin caqasina'a! Waaqota gosa biyya adda addaa keessaa, lafa ifii harka mooticha Asoorii jalaa ka baase jiraa ree? 19Waaqoti Haama'aatii fi Arphaadii eessa jiran ree? Waaqoti Sefarwaayimiille eessa jiran ree? Isaan qachaa Samaariya'aa harka kiyyaa baasaneeranii ree? 20Waaqota biyyoota tanaa mara keessaa lafa ifii harka kiyyaa ka baasuu dande'e kam ree? Mootiin Waan Maraa attam Yerusaalem harka kiyyaa baasuu dande'a ree?» jedhe.
21Mootichi Hisqiyaas, «Deebii isaaf hin kennina'a» jedhee waan isaan ajajeeruuf, kolbaan cadhitte; waan tokkolle hin deebinne. 22Achiin duuba itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsii mana mootumma'aa ilmi Asaafii Yo'aan, gaddanee woyaa ifii tarsaasane; gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, waan ajajaan loltoota Asoorii dubbate isatti himane.

Você sabia?
A ameaça de Senaqueribe contra Jerusalém
- O termo Rabsaqué não era um nome próprio, mas um título de alto escalão atribuído ao copeiro-chefe ou vizir da corte assíria. Senaqueribe enviou esse oficial de Laquis para Jerusalém com um grande exército para exigir a rendição do rei Ezequias.Fontes: Rabshakeh · Lachish · o próprio texto bíblico
- Os oficiais de Ezequias pediram que o enviado assírio falasse em aramaico, uma língua diplomática incompreensível para o povo comum. Rabsaqué recusou e gritou deliberadamente em hebraico para que os guardas e civis posicionados sobre a muralha ouvissem suas ameaças diretamente.Fontes: Rabshakeh · o próprio texto bíblico
- A delegação judaica enviada ao encontro do emissário assírio incluía Eliaquim, o administrador do palácio, Sebna, o escrivão, e Joá, o cronista. Depois de ouvirem o discurso que desafiava seu Deus e seu rei, eles retornaram a Ezequias em luto, com as vestes rasgadas.Fontes: Eliakim · Shebna · Joah · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículos 1, 2, 4, 8, 13, 15, 16, 18
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 7, 20
- Lachish · Hoje: Tell ed Duweir · 31.565, 34.849 · versículo 2
- Upper Pool · Hoje: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 2
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 6, 9
- Hamath · Hoje: Hama · 35.136, 36.750 · versículo 19
- Samaria · 32.276, 35.195 · versículo 19
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org