Nations Bible

Isaías 22

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Raaga Marroo Yerusaalemii

1Ergaan marroo Dhooqa mudhi'ii ta asii gad jirtu:

Isin maan teetanee, marti keessan heellichoo manaa gubba'atti ol baatane? 2Ee qachaa caancaan guutame, ee qachaa hoga'aa fi caaqaa, kolbaan teeti shallaaga'aan hin ijjeefanne yookiin lola keessatti hin duune. 3Sooressitooti teeti duudiin adduma tokko baqatane; isaan diina ifiititti guubee takkaalle adoo gad hin lakkisin booji'amane; diinni fagoo adoo jiruu isin worri baqattane martinuu adduma tokko qabantane. 4Tanaaf ani, «Badii kolbaa tiyyaatiif, wiiccifadhee hin bowaa na irraa fagaadha'a; na jajjabeessiisaafille hin wodhaanina'a» jedhe. 5Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u dhooqa mudhi'ii keessatti guyyaa raafama, dhiitamaa fi bararaqa fidu qaba; guyyaa san dalleenni dhaka'aa hin jijjiga; kolbaalle gara koobaa hin iyyiti.

6Loltooti Elaamii garreettaa fardaan harkifamu, fardoo irra tee'anuu fi korojoo daayaa qopheessite; loltooti Qiirii wontee qopheeffatte. 7Dhooqi teeti dadansaan garreettaa fardaan harkifamuun guutante; abbootiin fardaa karra qachaa keetii dura dhaabbatte. 8Dalleenni Yihudaan itti gollattu jige.

Guyyaa san isin gara meya woraanaa ka mana mootumma'aa ka gongomaa Libaanonii keessaa ilaaltane. 9Dalleya qachaa Daawitii ka caccabe hedduu dhaggitane; bisaan baleessa gadii keessaa kuufattane. 10Isin manoota qachaa Yerusaalemii keessa jiranu laakkottane; dalleya qacha'aalle jabeessiisaaf manoota diiddane. 11Bisaan baleessa durii addee itti kuufamu dalleya lamaan wodhakka'atti ijaarrattane. Isin ammoo gara Waaqa tana hujee hin ilaalle; ka dur karoora baasee hujelle'eef ulfinna hin kennine.

12Guyyaa san Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u boottanee, wiiccifatanee mataa haadattanee, woyaa gaddaallee akka uffattanuuf isin waame. 13Isin ammoo gammaddanee ilillittanee, sangootaa fi hoolee qalattanee, foon nyaataa, daadhii woyni'iille unaa, «Boru waan duunuuf, kowa'a adha nyaannee, unna» woliin jettane.

14Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade natti dubbatee, «Dhugumaan yakkaa tanaan duutan malee, araara hin dhaggattanu» jedhe; Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u tana dubbateera.

Waaqi Shebnaa Ifi Eeggachiise

15Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, «Gara Shebnaa itti gaafatamaa mana mootumma'aa dhaqiitii, 16‹Ati asii maan hujja? Asitti addee awwaalaa akka qopheeffattu, kooba irratti addee awwaala akka bocattu, addee reeffi keeti itti foorfatu rassaa keessatti akka qopheeffattu, eentu si'iif eeyyame? 17Ee nama jaba'a! Mootiin Waan Maraa jabeessee si qabee, fugussee si qolaansu'uu jira. 18Inni akka kubba'aa si maree, gara biyya badho'oo si hin qolaansa; ati achitti hin duuta; garreettoti keeti ka fardaan harkifamanu ka ulfinnaa achitti hin hafan; atille mana goottaa keetiitiif salphinna hin teeta. 19Inni addee teeti irraa gad si hin buusa; baallii teeti irralle'ee si hin kaasa› jedhiin.

20«Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa tajaajilaa kiyya ilma Hiliiya'aa Eliyaaqim hin waama. 21Ani woyaa ulfinnaa teeti isatti hin uffisa; hiituu teetille isatti hin hidha; baallii teeti dabarsee isaaf hin kenna. Inni worra qachaa Yerusaalemii keessa le'uuf, mana Yihuda'aatiifille abbaa hin te'a. 22Furtuu mana Daawitii isaaf hin kenna; ka inni banu nami tokkolle cufuu hin dande'u; ka inni cufu nami tokkolle banuu hin dande'u. 23Addee addachiittu'utti akka shikaala'aa jabeessee isa hin dongora; inni mana abbaa ifiitiif barcumaa mootumma'aa ka ulfinnaa hin te'a.

24«Ulfinni maatii isaa duudiin ijoolleen, ijoolleen ijoollee isaanii, meen didiqqaan mana keessaa, sini'ii jalqabee haga waaba'aatitti isatti hin fannifaman. 25Guyyaa san Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Togaan addee addachiittu'utti jabaatee dongorame sun buqqa'ee caccabee hin jiga; wonni isatti fannifame marti hin baddi› jedha» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O Vale da Visão e os Administradores do Palácio

  • Diante da ameaça de cerco, os habitantes de Jerusalém inspecionaram as armas na Casa do Bosque, canalizaram água do açude inferior para reservatórios e demoliram casas residenciais a fim de reforçar as brechas nos muros da Cidade de Davi.Fontes: o próprio texto bíblico · Jerusalem
  • Sebna, o administrador do palácio real, foi repreendido por esculpir para si uma tumba suntuosa na rocha. Deus anunciou que Sebna seria destituído e substituído por Eliaquim, filho de Hilquias, que receberia as vestes do cargo e a chave da casa de Davi.Fontes: o próprio texto bíblico · Shebna · Eliakim
  • O exército invasor reunido contra o Vale da Visão incluía arqueiros de Elão, uma região montanhosa a leste da Babilônia, juntamente com guerreiros aliados de Quir portando escudos.Fontes: o próprio texto bíblico · Elam · Kir

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 5, 10, 21
  • Elam · 32.189, 48.258 · versículo 6
  • House of the Forest of Lebanon · Hoje: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 8
  • City of David · 31.774, 35.236 · versículo 9
  • Lower Pool · Hoje: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 9
  • Old Pool · Hoje: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 11

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.