Oseias 8
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Israa'el Hobonbolattii Haammatti
1Mootiin Waan Maraa, «Tultullaa afaanitti keyadhu! Kolbaan tiyya gondooroo tiyya cassitee, seera kiyyalle waan mormiteef, diinni akka risa'aa kolbaa tiyya gubbaa mara. 2Israa'el, ‹Ee, Waaqa keenna, nuuti si beenna!› jettee gara kiyya iyyiti. 3Ammoo waan dansaa jibbiteerti; diinni isii hin ari'a.
4«Isaan eeyyama kiyya malee mootota moosifataneeran; adoo na hin gaafatin qondaaltota filataneeran. Lafa irraa badiisaaf, meeti'ii fi worqii ifiitiin waaqota dharaa ifumaaf hujataneeran. 5Ee worra Samaariya'aa, waaqa dharaa keessan ka jabbii fakkaatu gata'a. Aariin tiyya worra waan kana godhu irratti hin bobeetti; isaan haga yoomii qulqullummaa dhaban ree? 6Israa'el keessatti, waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu kana nama hujii harkaa beeku tokkotti huje malee, wonni Waaqaa moti; waaqi Samaariya'aa ka jabbii fakkaatu sun caccabee hin bututa. 7Isaan qilleensa facaafatanee, hobonbolattii haammatan. Midhaan fichaa isaanii mataa hin qabu; midhaanille hin buusu; yoo midhaan buuselle ormatti nyaata. 8Kolbaan Israa'elii liqinfanteerti; gosa biyya adda addaa oddu'utti meya bu'aan hin qanne teeteerti. 9Isaan akka harree diidaa qofi joonjanee, gara worra Asoorii dhaqane; kolbaan Efreemii gatii kaffaltee jaalota godhatte. 10Isaan gosa biyya adda addaa oddu'utti gatii kaffalanee jaalota godhatanulle, ani amma wolitti isaan qabee isaan hin adaba; cunqursaa mootota hunnaameyyi'ii jalatti dadhabaa, dadhabaa hin ideeman.
11«Kolbaan Israa'elii ciincaa sababa cubbu'uutiif addee ciinca'aa bacaa hujjulle, addeen ciinca'aa sun addee cubbuu itti hujanu teete. 12Ani waan seera kiyya keessaa hedduu isaaniif barreesse; isaan ammoo waan san akka alaga'aatitti laakkowane. 13Isaan kennansa ciinca'aa naaf dhikeessan; foon ciinca'aa hin nyaatan. Ani Mootiin Waan Maraa ammoo isaanitti hin gammanne. Ani amma hammeenna isaanii hin qaabadha; cubbuu isaaniitiif isaan hin adaba; isaanille gara biyya Gibxi'ii hin deebi'an.
14«Israa'el ka isii dade deetee, mana mootumma'aa ijaarratte; kolbaan Yihuda'aalle qachoota dalleya dhaka'aa qabu hedduu ijaarratte. Ani ammoo ibidda qachoota isaaniititti hin erga; ibiddi sunille kushee isaanii hin fixa» jedha.
Você sabia?
Semeando o Vento e o Bezerro de Samaria
- O bezerro de Samaria refere-se ao ídolo adorado no reino do norte de Israel, cuja capital, Samaria, ficava sobre uma colina oblonga a noroeste de Siquém. Oseias enfatiza que o ídolo não passa de obra de um artesão humano e será despedaçado.Fontes: o próprio texto bíblico · Samaria
- A expressão semear o vento e colher o redemoinho ilustra como a dependência de Israel em reis ilegítimos, ídolos e alianças estrangeiras traria consequências devastadoras em vez da segurança que buscavam.Fontes: o próprio texto bíblico
- Oseias condena o reino do norte por buscar apoio político em impérios poderosos como a Assíria e o Egito em vez de confiar no seu Criador, advertindo que isso levaria à opressão e ao cativeiro entre as nações.Fontes: o próprio texto bíblico · Assyria · Egypt
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Samaria · 32.276, 35.195 · versículos 5, 6
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 9
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 13
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org