Oseias 4
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Israa'el Himatante
1Ee kolbaa Israa'elii, Mootiin Waan Maraa isin worra lafa tana keessa leetanu woliin dubbii waan qabuuf, jecha isaa dhage'a'a: «Addatamummaan hin jirtu; jaalalli bara baraa hin jiru; ana Waaqa beekuun lafa teessan keessa hin jirtu. 2Abaarsa, dhara, ijjeechaa, hannaa fi gaarayyeeffata qofatti achi jira; wolii galtee mara diigan; dhiiga dhangalaasiis isaanii bacateera. 3Sababa kanaaf, oolaan lafatti bu'a; wonni isii irra le'u marti hin du'an; bineensotii fi sinbirrooti, qurxummiin abbaaya'aalle hin dhumatan.
Hayyooti Himatamane
4«Kolbaan teeti akkuma worra hayyoota himatuu san waan teeteef, nami dubbii hin kaasin; nami nama dhibii himatu hin jiraatin. 5Isin halkanii fi guyyaa gufattan; raagotille isin woliin gufatan. Tanaaf, ani biyya teessan Israa'el hin balleessa. 6Kolbaan tiyya beekkumsa dhabiisaan baddeerti; isin beekkumsa waan jibbitaneef, anille akka isin hayyoota naaf hin teene isin jibbe; isin seera ana Waaqa keessanii waan deetaneef, anille ijoollee teessan hin dedha.
7«Akkuma hayyooti bacatte, cubbuun isaan na irratti hujanulle bacatte; ani ulfinna isaanii salphinnatti hin jijjiira. 8Isaan kennansa kolbaan tiyya sababa cubbu'uutiif kennitu nyaatan; akka kolbaan yakkaa baceessitee hujju fedhan. 9Hayyootille akkuma kolba'aa ti; ani isaan lachuu hin adaba; hujii isaaniitiif gatii isaaniif hin kaffala. 10Isaan hin nyaatan, ammoo hin quufanu; hin sagaagalan, ammoo hin horanu; isaan ana Mootii Waan Maraa lakkisanee, 11sagaagalaaf, daadhii woyni'ii ta baatee fi ta hin bayin, ta hubantii kolbaa tiyya irraa fudhatteef ifi kennane. 12Kolbaan tiyya waaqota muka irraa hujame irraa gorsa gaafatti. Uleen mukaa deebii isaaniif kenniti. Ayyaanni sagaagalaa karaa irraa isaan gorsa; isaan Waaqa ifiitiif hin addatamanu. 13Isaan qaccee gaarotaa irratti ciincaa ciincessan; koobota irratti, qilxaa jalatti, muka dafee guddatuu fi daandii jalatti, gaaddisi isaanii waan toluuf, kennansa gubamu dhikeessan.
«Tanaaf, ijoolleen durraa teessan sagaagalti; niitoti ilmaan teessaniille gaarayyeeffatti. 14Ijoolleen durraa teessan yennaa sagaagaltu, niitoti ilmaan teessaniille yennaa gaarayyeeffattu, ani isaan hin adabu; sababille, dhiirtinuu sagaagaltoota gula deemaa, galma waaqota dharaatitti woliin ciincaa dhikeessan; kolbaan hubantii hin qanne hin baddi.
15«Ee, Israa'el, ati gaarayyeeffattulle, Yihudaan akka keeti hin te'in. Giilgal hin dhaqina'a; gara Bet-Aweenii ol hin bayina'a. ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee› jettaneelle hin kakatina'a. 16Kolbaan Israa'elii akka goronsa jallichaa teeteerti. Mootiin Waan Maraa akka hoolota diida dansaa keessaa attam isaan tissa ree? 17Kolbaan Israa'elii waaqota dharaatiin wolitti hidhanteerti. Itti lakkisa'a. 18Yennaa untoo ifii fixatanulle, sagaagala ifiititti ka'an; bulchitooti isaanii salphinna kana guddoo jaalatan. 19Hobonbolattiin haxoottee isaan fudhattee hin ideenti; ciincaan isaanii salphinna isaanitti hin fida.

Você sabia?
A acusação de Deus contra Israel
- Oseias refere-se ao santuário do norte em Betel como Bete-Áven, que significa casa de nada ou casa de ídolos. Esse trocadilho pejorativo contrastava com o significado original de Betel, casa de Deus, destacando a transformação do local em um centro de adoração a bezerros.Fontes: Beth-aven · o próprio texto bíblico
- O capítulo destaca como as práticas religiosas ocorriam no cume dos montes e sob a sombra agradável de carvalhos, álamos e terebintos. As pessoas combinavam esses rituais de sacrifício ao ar livre com adivinhação por meio de ídolos de madeira e varas.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Beth-aven · Hoje: Beitin · 31.923, 35.241 · versículo 15
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org