Oseias 13
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Muraa Muummee Irratti Israa'elitti Murantu
1Yennaa kolbaan Efreemii dubbatte, namooti hollatane; isaan Israa'el keessatti saadamane. Ammoo isaan waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan cubbuu hujanee du'ane. 2Ammalle isaan waaqota dharaa ka nami hujii beeku qarumma'aan huju, meetii ifii irraa hujiisaan ittuma ede'anee cubbuu hujan; waaqoti dharaa sun martinuu hujii nama hujii harkaa beekuu ti. Isaan, «Waaqota dharaa kanaaf ciincaa dhikeessa'a» jedhan. Namooti waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu kana sunqatan. 3Tanaaf, isaan akka hurrii ganamaa ti; akka fixeensa bari'iin dafee bu'uu ti; akka hicaacee eeddummee keessaa qilleensi fudhatuu, akka aara karaa fodda'aatiin bayuu hin te'an. 4Mootiin Waan Maraa, «Ani ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; isin ana malee Waaqa dhibii hin beettanu; ana malee fayyisaan hin jiru. 5Ani goomolee keessatti, lafa o'a bobe'a keessatti isin eege. 6Ani yennaa isaan areere, isaan quufane; isaan yennaa quufane, kooranee na dedhane. 7Ani akka neenqaa isaanitti hin dhufa; akka qeeransaa karaa cina'atti isaan hin gaada. 8Akka doobbaa ilmoolee jalaa fudhatanee, ani isaan hin dhowa; qoma isaanii cassee bana. Ani akka neenqaa isaan hin nyaadha; bineensi isaan hin bibixxila.
9«Ee kolbaa Israa'elii, qarqaaraa keessan ka te'e, na irratti waan kaataneef, hin baddan. 10Isin, ‹Mooti'ii fi qondaaltota nuuf kenni› jettaneertan; akka isin baasuuf, mootiin keessan meet ree? Qachoota keessan mara keessa bulchitooti teessan meet ree? 11Maarre ani aarii tiyyaan mootii isiniif kennee, mufii tiyyaan achii isa balleesse.
12«Yakkaan Efreemii kuufanteerti; cubbuun isaa galmeeffanteerti. 13Akka dubartii deettuu ciniinsuun itti dhutti; inni ammoo mucaa qaro'oo moti. Guyyaan inni dhalatu yennaa gewu, gadaamessa keessaa hin baane. 14Ani hunna addee worri du'e jiruu jalaa isaan hin baasuu ree? Du'a jalalle'ee isaan hin woduu ree? Ee du'a! Balaan keeti meet ree? Ee addee worri du'e jiru! Badiin teeti ta ati fiddu meet ree? Ani haganaa achi kolbaa tana hin mararu. 15Efreem obboleeyyan ifii oddu'utti midhaan yoo baaselle, qilleensi karaa aduun baatuu, Mootii Waan Maraa biraa, goomolee keessaa ka'ee hin dhufa; maddi hin maddu; baleessi hin goga; wonni gatii qabu marti mana kuusa'aa keessaa hin saamanti. 16Kolbaan Samaariya'aa Waaqa ifii irratti waan kaateef, yakkaa ifiitiif adabamuu qaddi; isaan shallaaga'aan hin du'an; daa'immaan isaanii lafatti dhowanee hin macalaasan; dubartoota isaanii ta ulfaalle gadhaa isaanii hin baqassan» jedha.

Você sabia?
A Queda de Efraim e Samaria
- Oseias 13 começa recordando que Efraim, antes exaltado em Israel, provocou a sua própria ruína por meio da adoração a Baal. Baal era a principal divindade masculina dos fenícios, e o seu culto exerceu forte influência sobre as tribos do norte.Fontes: o próprio texto bíblico · Baal
- O capítulo relembra que Deus era o Deus de Israel desde a terra do Egito e o havia sustentado no deserto árido. Contudo, quando o povo teve pastagens e se fartou, o seu coração se encheu de orgulho e ele se esqueceu de seu socorredor.Fontes: o próprio texto bíblico · Egypt
- A profecia conclui com um anúncio de juízo contra Samaria, a capital estabelecida pelo rei Onri sobre a colina de Xomerom. Oseias declara que Samaria arcará com a sua culpa e sofrerá violenta destruição por ter se rebelado contra Deus.Fontes: o próprio texto bíblico · Samaria
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org