Oseias 10
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Kolbaan Israa'elii akka muka woyni'ii ka banqaaqee, midhaan bacaa buusuu ti; isaan akkuma bacatane, addee ciinca'aa bacaa ijaarratane; akkuma latti isaanii tolte, soodduu woyyittii waaqa dharaalle seesanee hujane. 2Gadhaan isaanii sobaan guutameera; amma isaan yakkaa ifiitiif adabbii fudhatuu qaban. Mootiin Waan Maraa addee ciinca'aa ta isaanii hin caccassa; soodduu woyyittii waaqa dharaa ta isaaniille hin balleessa.
3Achiin duuba isaan, «Nuuti Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenniisa waan dhanneef, mootii hin qannu; ammoo mootii adoo qabaannelle'ee maan nuu godhuu dande'a?» hin jedhan. 4Isaan waadaa hedduu galaa, kakuu dharaa kakataa, wolii galtee godhatan. Tanaaf, akkuma shuqunaan hadhaa ifi keessaa qaddu fichaa keessatti bacattee lattu, muraa isaan kennanu irratti moromaan hin bacatti.
5Worri qachaa Samaariya'aa keessa le'u waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu ka Bet-Aweenii hin sodaatan; isaafille hin bowan. Waaqi dharaa ka isaan ulfinna isaatiif firinxiixanu waan isaan duraa booji'ameef, hayyooti isaa, isaaf wiiccifatanee hin bowan. 6Waaqi dharaa ka jabbii fakkaatu sun gara biyya Asoorii geeffamee, mootii guddichaaf kennansa te'ee hin dhikaata. Kolbaan Efreemii hin salphatti; sababa waaqa dharaatiif hin fokkifatti. 7Samaariya'aa fi mootiin isi'ii akka hoomacha bisaan irraa hin badan. 8Addeen waaqonfanna'aa ta Bet-Aweenii, addeen Israa'el waaqota dharaa waaqonfatiisaan cubbuu itti hujju hin baddi; addee ciinca'aa ta isaanii san irratti qore'ee fi qumi'uuduun lattee hin golliti. Achiin duuba isaan gaarotaan, «Nu golla'a», koobotalle'een, «Nu irratti jiga'a» hin jedhan.
Mootiin Waan Maraa Muraa Israa'el Irratti Lallabe
9Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, bara qachaa Giibe'aatii jalqaddanee cubbuu hujjane; achumatti itti jabaattane. Worra waan hantuu huju ka Giibe'aa keessaa lolli hin findhee ree? 10Ani yennaa fedhe isaan hin adaba; marroo cubbuu dacha'aan hujanuuf, isaan adabiisaaf, gosi biyya adda addaa wolitti qabamanee isaan irratti hin ka'an.
11«Kolbaan Efreemii akka goronsa leenjifamee, midhaan dhowiisa jaalatuu ti; maarre ani morma kolbaa Efreemii dansaa san irra waanjoo keyee hin oofa. Yihudaan lafa qotuu qaba; Yaaqoobille lafa laaffisuu qaba. 12Ani, ‹Yennaan tun yennaa isin ana Mootii Waan Maraa barbaaddanu waan teeteef, haga ani dhufee balchummaa isin irratti dhangalaasutti, ifumaaf balchummaa facaafadha'a; midhaan jaalala bara baraa haammadha'a; lafa hin qotamin qota'a› jedhe. 13Isin ammoo hammeenna facaafattanee, waan hantuu haammattane; midhaan dhara teessanii nyaattane. Hunna teessanii fi bacinna jannoota teessanii waan addattaneef, 14akkuma mootichi Shalmaan guyyaa lolaa qachaa Bet-Arbelii balleesse, haadha ijoollee isi'ii woliin lafa irratti macalaasee, lolli kolbaa teeti irratti hin ka'a; kusheen teessan martille hin baddi. 15Ee kolbaa qachaa Bet'elii, hammeenni keessan guddaa waan te'eef, isin irralle'etti akkasuma hin teeti. Guyyaan sun yennaa geye mootiin Israa'elii ijjumaa hin bada.

Você sabia?
Juízo sobre os ídolos e altares destruídos
- O profeta se refere a Betel, que significa casa de Deus, pelo nome pejorativo de Bete-Áven, que significa casa de vaidade ou casa de ídolos. Esse trocadilho ressalta como o santuário do bezerro ali edificado transformou um local sagrado em um centro de idolatria, cujo ídolo seria levado como tributo para a Assíria.Fontes: Beth-aven · o próprio texto bíblico
- Oseias evoca os dias de Gibeá para lembrar a Israel de uma catastrófica crise moral registrada em Juízes 19 e 20, quando a violência hedionda na cidade de Gibeá desencadeou uma guerra civil devastadora contra a tribo de Benjamim.Fontes: Gibeah · o próprio texto bíblico
- O texto adverte sobre uma derrota militar iminente citando a destruição de Bete-Arbel por Salmã. Comumente, estudiosos identificam Salmã com o monarca assírio Salmaneser, cujas conquistas violentas serviam de alerta vívido para Israel.Fontes: Beth-arbel · Shalmaneser · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Beth-aven · Hoje: Beitin · 31.923, 35.241 · versículo 5
- Samaria · 32.276, 35.195 · versículos 5, 7
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 6
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org