Hebreus 6
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Yoona kowa'a barsiisa marroo Kiristoosiitiif kenname, ka jalqabaa lakkinnee gara barsiisa guutu'uu dabarra. Nuuti hundee hujii gara du'aa geessitu irraa deebi'iisaatii fi Waaqatti dhugeeffatiisaa, deebinee hin hundeessinu. 2Akkasuma barsiisa marroo cuuphiisaa, marroo harka mataa namaa irra keyiisaa, marroo du'aa ka'iisaa, marroo muraa bara baraa deebinee hin hundeessinu. 3Yoo Waaqi jedhe tana hin goona.
4Worra dhugeeffannaa ifii mormate gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis attamiin dande'ama? Kanaan qaraa ifi isaaniif ifeera; kennansa ol-gubba'aalle dhandhamaneeran; Ayyaana Woyyicha wolille'een qoodamaneeran. 5Dansummaa jecha Waaqaatii fi hunna bara dhufiisaaf jiruulle dhandhamaneeran. 6Kanaan duuba yoo isaan dhugeeffannaa ifii mormatane, Ilma Waaqaa ifiifuu deebisanee waan fannisanuu fi waan ifaataan salphisanuuf, isaan gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis hin dande'amu.
7Latti bokkeya isii irratti roobu yennaa hedduu untee, abbaa biqiltuu irratti dhaabeef bu'aa buuchu Waaqa irraa eebba hin dhaggatti. 8Qore'ee fi qumi'uuduu yoo baache ammoo, gatii hin qaddu; yennaa gabaadduu keessatti hin abaaranti; duubi isi'iille ibiddaan gubatiisa.
9Lansoota tiyya akkas dubbannulle, isin ejjannoo caaltuu ta fayyinna keessan isiniif fiddu irra jiraachuu keessan mirkaneeffanneerra. 10Waaqi Waaqa sirri'itti muru; inni hujii teessanii fi jaalala isin kolbaa isaa gargaariisaan maqaa isaatiif mudhittanee fi ammalle gargaariisaan mudhisiisatti jirtanu hin dedhu. 11Isin martinuu waan addi'iin eeggattanu haga harkaan qabattanutti, jabeenna keessan haga muumme'eetitti akka mudhittanu barbaanna. 12Worra dhugeeffanna'aa fi ossatiisaan jabaatee, waan waadaan galameef dhaalu akka fakkaattanu barbaanna malee, worra rincicaa akka teetanu hin barbaannu.
Waadaan Waaqaa Addachiisa'a
13Waaqi, Abrahaamiif yennaa waadaa gale, ittiin kakatiisaaf ka isa caalu waan hin jirreef, ifiin kakatee, 14«Ani dhugumaan si hin eebbisa, sanyii teetille hin fakkansa» jedhe. 15Abrahaam ossataan eeggatee waan waadaan galameef dhaggate. 16Namooti yennaa kakatanu maqaa nama isaan caaluutiin kakatan; dubbii ifiille kaku'uun jabeessiisaan, wol mormii isaan wodhakkaa jirtu maraa balleessan. 17Waaqi akki yaada isaa ka hin jijjiiranne akka te'e irra caalaa ifa tolchee mudhisiisaaf barbaadee, worra waadaa galame dhaaluuf, waadaa ifii gale kaku'uun jabeesse. 18Akkuma kanaan Waaqi waan lama ka hin jijjiirannee fi ka ittiin hin sonne addi'ii fi kakuu nu'uuf kenneera; karaa waan lama kanaatiin addii nu dura jirtu jabeessinee qabatiisa akka dandeennu, nu worri isatti baqanne jajjabeenna guddaa hin dhagganna. 19Akka hookkoon sibiilaa, hoboloo guddittii qabee dhaabu, nuutille addii addatantu'uu fi jadduu ta lubbuun teenna qabattee dhaabbattu qanna; addiin tun golla'aan duuba dabartee gara addee woyyittii Galma Waaqaa ka ol-gubba'aa hin seenti. 20Addeen sun addee Yesuus akka seera hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa bara baraa te'ee, nu'uuf nu'uun dura seeneeru.

Você sabia?
Maturidade, o juramento de Deus e um sacerdote para sempre
- Um verbete de dicionário explica o nome Abraão como "pai de uma multidão" e o chama de herdeiro das promessas. Hebreus 6 cita as palavras de Deus a ele: "Certamente te abençoarei e multiplicarei os teus descendentes", e diz que, depois de esperar com paciência, ele obteve a promessa.Fontes: Abraham · o próprio texto bíblico
- O capítulo descreve um costume comum: as pessoas juram por alguém maior do que elas, e o juramento confirma o que foi dito e põe fim a toda discussão. Como não havia ninguém maior, Deus jurou por si mesmo, para que os herdeiros da promessa vissem que o seu propósito não muda. A carta fala de duas coisas imutáveis, nas quais é impossível que Deus minta, e dessa esperança como uma âncora da alma.Fontes: o próprio texto bíblico
- Um verbete de dicionário apresenta o nome de Melquisedeque como "rei de justiça" e o chama de rei de Salém. Diz que tudo o que se sabe dele está registrado em Gênesis 14:18-20 e que o Antigo Testamento só volta a mencioná-lo no Salmo 110:4. Hebreus 6 termina com Jesus, como precursor, entrando no santuário interior, por trás da cortina, e tornando-se sumo sacerdote para sempre, segundo a ordem de Melquisedeque — comparação que a carta desenvolve no capítulo seguinte, onde Melquisedeque é o tipo de um sacerdote que vive para sempre.Fontes: Melchisedec · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org