Hebreus 11
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Dhugeeffannaa
1Dhugeeffannaa jechuun waan addi'iin eeggatamu tokko, «Dhuguma hin te'a» jedhanee fudhatiisa; waan ilaan hin dhaggine tokkolle akka waan dhaggamuutitti laakkowiisa. 2Worri durii dhugeeffanna'aan Waaqa biraa fudhatama dhaggate. 3Ol-gubba'aa fi biyyi lafaa jecha Waaqaatiin akka dadamane dhugeeffanna'aan hin hubanna; waan kanaaf wonni ilaan dhaggamu maraa waan ilaan hin dhaggine irraa akka hujame hin beenna.
4Abeel dhugeeffanna'aan woreega ka Qaayinii caalu Waaqaaf dhikeesse; Waaqi woreega Abeelii gammadaan yennaa fudhate, Abeel dhugeeffanna'aan balchaa akka te'e dhugaa bayeef; Abeel du'ulle karaa dhugeeffanna'aatiin ammalle dubbatiisatti jira.
5Heenoki akka duuti isa hin dhaqqanne dhugeeffanna'aan ol fudhatame; waan Waaqi isa fudhateef inni hin dhagganne; adoo hin fudhatamin dura akka inni Waaqa gammachiiseeru dhugaan bayameeraaf. 6Dhugeeffanna'aan malee Waaqa gammachiisuun hin dande'amu; nami gara Waaqaa dhiyaatu, akka Waaqi jiruu fi worra isa barbaaduuf ka gatii kennu akka te'e dhugeeffatuu qaba.
7Nohi marroo waan ilaan hin dhagginee yennaa Waaqi ifi eeggachiise, Waaqa sodaatee maatii ifii fayyisiisaaf hoboloo guddittii dhugeeffanna'aan huje. Sababa dhugeeffannaa isaatiif biyya lafaatitti yakkaan murante; innille balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggantu dhaale.
8Abrahaam biyya ifiitii bayee, addee akka dhaalaa fudhatu akka dhaquuf yennaa waamame gara itti dhaqaaru beekuu dhabulle, dhaqiisaaf dhugeeffanna'aan ajajame. 9Inni Yisihaqii fi Yaaqoobii isa woliin waadaa galame dhaalanu woliin, biyya waadaan galame keessa, akka ormaa dunkaanii keessa dhugeeffanna'aan le'e. 10Inni qachaa guddaa hundee jabaa qabu, ka Waaqi akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare waan eeggataa tureef tana godhe.
11Abrahaam guddoo dulloomulle, Saaraan ta deya hin qanne teetulle, Waaqi waadaa gale addatamaa akka te'e waan beekeeruuf, dhugeeffanna'aan hunna uumatiisaa dhaggate. 12Tanaaf Abrahaamii tokkocha akka nama du'eetitti laakkowamu irraa, finni akka urjii ol-gubba'aa fakkanuu fi akka maansa abbaayaa qarqaraa laakkossa hin qanne dhaggame.
13Worri kun duudiin waadaa isaaniif galame adoo hin fudhatin dhugeeffanna'aan adoo jiranuu du'ane; ammoo fago'otti dhagganee, akka waan dhaggataneetitti gammadaan fudhatane. Lafa tana irralle'etti ormaa fi keessummoota akka te'ane beekaneeraniiyyu. 14Worri akkas dubbatanu biyya ifii eegatiisatti akka jiranu mudhisan. 15Biyya keessaa bayane san adoo yaadaa jiraatane itti deebi'iisaaf sila hin dande'aniiyyu. 16Amma ammoo, isaan biyya san caalu ka ol-gubbaa jirtu dharra'an; tanaaf Waaqi qachaa guddaa waan isaaniif qopheesseeruuf, «Waaqa isaanii» jedhamee waamamiisaaf hin fokkifanne.
17Abrahaam yennaa Waaqi isa haga ilaale, dhugeeffanna'aan Yishaaqi woreega godhee dhikeesse. Abrahaamiin waadaa fudhate sun ilma ifii tokkochuma san woreega godhee kenniisaaf qophoweeraayyu. 18Ilmi isaalle ka Waaqi, «Sanyiin teeti Yisihaqiin waammanti» jedheen san. 19Waaqi du'aa kaasiisaaf dandeettii akka qabu Abrahaam waan hubateeruuf, akka waan du'aa ka'eetitti deebi'ee Yisihaq dhagge. 20Yisihaq waan gara duraa te'u yaadatee dhugeeffanna'aan Yaaqoobii fi Esaawu eebbise.
21Yaaqoob yennaa du'a geye, qaccee borjoo ifiititti irkifatee Waaqaaf sagadaa, dhugeeffanna'aan ilmaan Yoseefii tokkuma tokkoon eebbise.
22Yoseefille yennaa du'a geye, dhugeeffanna'aan kolbaan Israa'elii biyya Gibxii keessaa akka baatu dubbatee, lafee isaalle maan godhuu akka malane ajaja kenne.
23Yennaa Muuseen dhalate, haatii fi abbaan isaa akka inni shaggicha te'e dhagganee, ajaja mootichaa adoo hin sodaatin ji'a sad dhugeeffanna'aan dhossane.
24Muuseen yennaa guddate, dhugeeffanna'aan ilma intala Fara'oonii jedhamee waamamuu dide. 25Inni yennaa gabaaddu'uuf gammada cubbu'uutiin gammadu'uun irra, kolbaa Waaqaa woliin rakkatuu filate. 26Gatii gara duraa fudhatu waan ilaaleeruuf, marroo Masiihiitiif salphatuun, karra biyya Gibxiitiin irra, ta caaltu akka teete yaadate.
27Inni dhugeeffanna'aan, mufii mootichaa adoo hin sodaatin biyya Gibxiitii baye; Waaqa ilaan hin dhagginelle akka waan dhaggeetitti te'ee yaada qabutti jabaate. 28Ergamaan Waaqaa ka akka ilmaan angafoota ijjeesuuf ajajame, angafoota kolbaa Israa'elii akka hin ijjeenneef jedhee, dhugeeffanna'aan Jila Irra Dabaramaatii fi aadaa fixiisa dhiigaa godhe.
29Kolbaan Israa'elii Abbaayaa Diintuu keessa, akkuma lafa goddu'uu dhugeeffanna'aan qaxxaamurte; worri Gibxii ammoo akkuma isaanii godhiisaaf wodhaanee liqinfame.
30Worri Israa'elii dhugeeffanna'aan Yerikoo marsee, guyyaa torba irra naannoween duuba dalleenni dhaka'aa jige. 31Sagaagaltittiin Rahaab jedhantu dootuu waan nageyaan fudhatteef, worra hin ajajane woliin du'iisa irraa dhugeeffanna'aan hatte.
32Yoona tana caalaa maan jedhu ree? Marroo Giidewonii, Baaraaqii, Samsoonii, Yifta'aa, Daawitii, Saamu'eliitii fi raagotaa isinitti odeessiisaaf yennaan naa hin geettu. 33Isaan dhugeeffanna'aan mootota injifatane; sirri'itti bulchane; waan waadaa galamelle fudhatane; afaan neenqaa cufane; 34bobe'a ibiddaa dhaanfane; qara shallaaga'aa jalaa bayane; dadhabbii ifii irraa jajjabaatane; lolaan janna te'ane; loltoota ormaa ari'ane. 35Dubartooti firoottan isaanii duraa du'anee, du'aa ka'ane, deebisanee fudhatane. Worri kuun ammoo du'aa ka'anee jiruu caalte dhaggatiisaaf, hiikkamuu didanee, farra dhaggane. 36Worri kuun taphatamanee liche'een dhaanamanee, wodaroo sibiilaatiille'een hidhamanee, mana hidha'aatitti hidhamane. 37Dhaka'aan tumamane; magaazi'iin addee lamatti baqaffamane; shallaaga'aan ijjeefamane; gogaa hoole'eetii fi re'e'ee uffatanee asii fi achi deemane; hiyyoommatanee, miidhamanee, akka malee tolfamane. 38Biyyi lafaa isaaniif ta malte hin teene! Isaan akka worra baqatuu goomole'ee fi gaara, godaa fi boolla lafaa keessa olii gadi deemane.
39Dhugeeffannaa isaan maraatiifuu dhugaan bayantulle, waadaa isaaniif galame ammalle hin fudhanne. 40Waaqi waan caalu waan nu'uuf qopheesseeruuf, isaan nu woliin malee, qofuu guutuu te'iisaaf hin dande'anu.

Você sabia?
Exemplos de fé ao longo da história
- Hebreus 11 define a fé como a certeza das coisas que se esperam e a convicção de fatos que não se veem, apresentando um panorama cronológico de personagens desde Gênesis até a era dos profetas.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo destaca Abraão, Isaque e Jacó habitando em tendas como forasteiros na terra prometida, retratando a vida nômade deles como sinal de expectativa por uma cidade celestial permanente.Fontes: Abraham · Isaac · Jacob (Israel) · o próprio texto bíblico
- O autor percorre momentos decisivos da história de Israel, incluindo a renúncia de Moisés às riquezas do Egito, a travessia do mar Vermelho e a queda das muralhas de Jericó.Fontes: Egypt · Red Sea · Jericho
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 22, 26, 27
- Jericho · Hoje: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · versículo 30
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org