Gálatas 4
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Ammalle wonni ani jedhuu barbaadu kana: ilmi karra abbaa ifii dhaalu tokko, karra abbaa ifii mara irratti goottaa yoo te'elle, haga ijoollumma'aan jiru garbicha tokko hin caalu. 2Yennaan abbaan isaaf murteesse haga geettu, harka worra isa guddisuutii fi worra isa bulchuu jala tura. 3Nuutille akkasuma, ayyaanaan adoo hin guddatin duratti, seera biyya lafaatiif garba teenee turre. 4Barri murtaye sun yennaa geye, Waaqi Ilma ifii nuuf erge. Inni dubartii irraa dhalatee, Seera jalatti bule. 5Inni worra Seera jala jiru wodee, ilmaan Waaqaa nu godhiisaaf tana godhe.
6Isin ilmaan isaa waan teetaneef, Waaqi Ayyaana Ilma ifii ka, «Abbaa, Abbaa» jedhee waamu gara keessa keennaa ergeera. 7Maarre yoona, ati ilma malee garbichaa moti; ilma eega teete, Waaqi akka dhaaltu si godheera.
Phawuloos Worra Galaatiyya'aatiif Haajame
8Isin dur adoo Waaqa hin beekin, waan dadamaan waaqota dhuga'aa hin te'iniif garba teetaneertaniiyyu. 9Amma ammoo Waaqa beettaneertan; dhugumaan Waaqi isin beekeera. Attam deebitanee gara hunnoota biyya lafaa dadhaboole'ee fi ka woy hin baane kanatti garagaltan ree? Ammalle deebitanee garba isaanii te'iisaaf barbaaddan? 10Guyyaa, ji'a, bonaa-gannaa fi woggaa adda te'e ulfeessitan. 11Hujiin ani isinii huje mara tola baddeerti jedhee isinii sodaadha.
12Obboleeyyan tiyya, waan ani akka keessan te'eef, isinille akka kiyya akka teetanuuf isin kadhadha. Isin womaa na hin yakkine. 13Yennaa jalqabaa, akka ani sababa dhibee tiyyaatiin, Oduu Gammadaa isinii lallabe, isinuu hin beettan. 14Dhibeen tiyya ilaallachaa isinitti teetulle, akka ergamaa Waaqaatii fi akka Kiristoos Yesuusiititti na fudhattane malee, isin na hin tuffanne, yookiin na hin jibbine. 15Gammad keessan sun eessa dhaqe ree? Adoo dandeettane ila teessanille ifi keessaa baattanee, worra naaf kennitanu akka teetane anuu dhugaa hin baya. 16Ani waan dhugaa isinitti himeef diina keessan te'ee ree?
17Namooti kuun isiniif akka malee yaadatan, te'uu malee dansa'aafii moti; akka isin isaaniif jabaattanee yaadattanuuf, nu irraa isin kutiisa barbaadan. 18Yaada dansa'aaf yoo te'e, namaaf yaadatuun waan dansa'a; tun ammoo yennaa maraaf malee, yennaa ani isin bira jiru calla'aaf hin te'in. 19Ijoollee tiyya, haga bifi Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ani ammalle akka dubartii deettuu isiniif hin ciniinsifadha. 20Ani marroo teessaniif waan godhu waan wollaaleeruuf, adoo isin biratti dhaggamee akka dhibi'iin isinitti dubbadhee hin fedhaayyu.
Fakkeenna Aggaariitii Fi Saara'aa
21Isin worri Seera jalatti buliisaaf barbaadanu, waan Seerri jedhu hin dhageennee? Natti hima'a! 22Abrahaam ilmaan lama qabaayyu; tokkocha dubartii garbittii irraa, kaan dubartii garbittii hin te'in irraa, akka uumate barreeffanteerti. 23Ilmi tokkochi dubartii garbittii irraa, akka fedha foonii calla'aan dhalate; kuun ammoo dubartii garbittii hin te'in irraa, addii kennanteen dhalata. 24Amma kun fakkeenna; dubartooti lamaan sun fakkeenna gondooroo lamaanii ti. Takkattiin ta ijoolleen isi'ii garbummaa keessatti dhalatte Aggaari; isiin fakkeenna gondooroo Gaara Siina'aa irratti gondoorantee ti. 25Aggaariin Gaara Siina'aa ka biyya Arabaa keessa jiruun fakkeeffante sun, fakkeenna Yerusaalemii amma kolbaa ifii woliin garbummaa keessa jirtuu ti. 26Yerusaalemiin ol-gubba'aa ammoo bilisoontu'u; isiin haadha teenna. 27Barreeffama Woyyicha keessatti,
«Ijoollee dubartii abbaa manaa qadduu caalaa,
ijoolleen dubartii qofi lakkifantee waan heddatteef,
ati maseentittiin deettee hin beenne gammadi;
ati ta ciniinsifattee hin beenne
iyyii ilillisi!» jedhantee barreeffanteerti.
28Amma obboleeyyan tiyya, akkuma Yisihaqii, isinille ijoollee addii kennantee ti. 29Te'uu malee, yennaa san ka akka fedha foonii calla'aan dhalate, ka fedha Ayyaana Waaqaatiin dhalate akkuma ari'e, ammalle akkasuma hin te'a. 30Barreeffami Woyyichi ammoo maan jedha? Wonni jedhu, «Ilmi garbitti'ii, ilma ta garbittii hin te'inii woliin dhaala waan hin qoodanneef, garbittii ilma isi'ii woliin ari'i!» hin jedha. 31Maarre obboleeyyan tiyya, nuuti ijoollee ta garbittii hin te'inii ti malee, ijoollee garbitti'iitii moti.

Você sabia?
Já não escravos, mas filhos
- Este capítulo diz que Abraão teve dois filhos, um da escrava e outro da mulher livre, e que as duas mulheres representam duas alianças. Agar, a escrava, era egípcia, serva de Sara, dada a Abraão como segunda esposa; seu filho foi Ismael. Isaque, único filho de Abraão com Sara, é o filho da promessa ao qual o capítulo compara seus leitores.Fontes: o próprio texto bíblico · Hagar · Isaac
- O capítulo identifica Agar com o monte Sinai, na Arábia, montanha também chamada Horebe. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) descreve essa região montanhosa como o lugar a que os hebreus chegaram no terceiro mês depois do Êxodo, onde acamparam cerca de um ano, e situa a península do Sinai na Arábia Ocidental.Fontes: o próprio texto bíblico · Mount Sinai · Arabia
- O capítulo contrapõe a Jerusalém do seu próprio tempo, que diz estar escravizada com os seus filhos, à Jerusalém do alto, que chama de livre. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) a chama de cidade santa e de cidade de Deus, e diz que o nome, na forma dual, significa posse da paz ou fundação da paz, referindo-se provavelmente aos montes Sião e Moriá ou, como alguns supõem, à cidade alta e à cidade baixa.Fontes: o próprio texto bíblico · Jerusalem
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Arabia · Hoje: Arabia Petraea · 30.070, 35.350 · versículo 25
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 25, 26
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org