Nations Bible

Esdras 9

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Israa'elooti Fuudhaa Fi Heerumaan Makamane

1Wonni kun marti te'een duuba, sooressitooti gara kiyya dhufanee, «Kolbaan Israa'elii, hayyootii fi Lewwootinuu adoo hin hafin kolbaa adaala isaanii jirtu Kana'aanota, Heetota, Pheriizota, Yibusoota, Amoonota, Mo'aabota, Gibxootaa fi Amoorota irraa gargar hin baane; hujii battummaa isaanii irralle'ee ifi hin eeganne. 2Isaan durra kolbaa adaala ifii fuudhanee, ilmaan ifiille fuusisanee, sanyii woyyuu kolbaa adaala isaanii jirtu woliin wolitti makaneeran; sooreyyi'ii fi qondaaltoti karaa addatama dhabiisaa kana sooressaneeran» jedhane.

3Ani yennaa waan kana dhage'e, gaddaan woya'aa fi geellaa kiyya tarsaasee, rifeensa mataa kiyyaatii fi areeda kiyyaa buqqisee, nayee tee'e. 4Sababa addatama dhabiisa worra boojuu irraa deebi'eetiif, worri jecha Waaqa Israa'elii sodaatee rommu na biratti wolitti qabamane; anille nayee haga ciincaa galgalaatitti achuma tee'e.

5Ani yennaa ciincaan galgalaa dhikaatu, woyaa tiyyaa fi geellaa kiyya ka tarsa'e akkuma uffadhetti, gaddaan addee tee'eeruu ka'e; jilbiiffadhee, harka kiyya gara Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaa badhisee, 6daadimadhee, «Ee Waaqa kiyya, cubbuun teenna ol kaatee mataa keenna caaltee, yakkaan teennalle ol-gubbaa waan geetteef, ani guddoo fokkifadhee, gara keeti ilaaliisaaf qaaneffadhe. 7Bara abbootii teenna ta duriitii jalqannee haga ammaatitti nuuti yakkaa guddoo hujiisatti jirra; sababa cubbuu teennaatiif nuuti, moototi teennaa fi hayyooti teenna harka mootota biyya adaala keenna jiranuutitti, ijjeefamaa, booji'amaa, saamamaa akkuma adhaa kana fokkifanneerra. 8Amma ammoo yennaa gabaaddu'uuf ati Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, nu keessaa worra garii garbummaa jalaa baasiisaan, addee woyyittii teeti keessa nageyaan akka le'anu godhiisaan, ati Waaqi keenna hidhaa garbumma'aa diqqoo nutti furiisaan, addii nuu kenniisaan, gadhaa nu'uuf laatteerta. 9Nuuti garbummaa jala adoo jirruu, ati Waaqi keenna garbummaa keessatti nu hin lakkinne. Moototi Faaresii gadhaa akka nuu laafanu gootee, Galma keeti deebinnee ijaariisaaf, ka bututelle suphiisaaf jiruu haareya nuu kennite; lafa biyya Yihuda'aatii fi Yerusaalem keessalle'etti dalleya woy nu irraa ittisu nuu kennite.

10«Amma ammoo, ee Waaqa keenna, tanaan duuba maan jedhuu dandeenna? Nuuti ajaja keeti, 11ka ati karaa tajaajiltoota teeti raagotaatiin, ‹Biyyi isin dhaaliisaaf itti galtanu badii kolbaa biyya saniitiin battootteerti; hujii battittii isaaniitiin qacce'ee haga qacce'ee guutanteerti. 12Tanaaf isin akka jabaattanuuf, waan dansaa biyyi sun baachu akka nyaattanuuf, biyya sanille ijoollee teessaniif, dhaala bara baraa gootanee akka dabarsitanuuf, durra teessan ilmaan isaaniititti hin heerumsiisina'a! Ilmaan teessanille durra isaanii hin fuusisina'a! Ijjumaa nageya isaaniif hin kennina'a; akka isaanitti tolulle hin godhina'a› jettee ka ajajje lakkinneerra. 13Sababa cubbu'uu fi Yakkaa teenna guddo'ootiif tun marti nu irratti teete; ati Waaqi keenna nu hamburtee akka jiraannu goote malee, akka yakkaa teennaatitti nu hin adanne. 14Nuuti kolbaa waan hantuu hujju woliin fuudhaa fi heerumaan wolitti makannee deebinee ajaja keeti cassinaa ree? Yoo akkas goone haga nami baraaree dhabutti aartee nu hin balleessituu ree? 15Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ati balcha'a; nuuti adha jiru'uun hanneerra; kunoo, yakkaa teenna woliin si dura jirra; sababa yakkaa tanaatiif nu keessaa nami si dura dhaabbatuu dande'u tokkolle hin jiru» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A oração de confissão de Esdras

  • Ao saber que os exilados que haviam retornado e seus líderes haviam se casado com povos vizinhos, Esdras demonstrou profunda dor rasgando sua túnica e seu manto, arrancando cabelos da cabeça e da barba e sentando-se estarrecido até o sacrifício da tarde.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Em sua oração de confissão, Esdras reconheceu que Deus havia demonstrado misericórdia ao remanescente por meio dos reis do Império Persa, que permitiram aos judeus reconstruir o templo em Jerusalém, ainda que permanecessem sob domínio estrangeiro.Fontes: o próprio texto bíblico · Persia · Jerusalem

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 9
  • Judea · Hoje: Judea 2 · 31.777, 35.234 · versículo 9
  • Persia · 34.806, 48.516 · versículo 9

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.