Esdras 4
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Mormii Deebifamee Ijaaramiisa Galma Waaqaa Irratti Kaate
1Worri boojuu irraa deebi'e, Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii ijaariisatti akka jiranu, diinoti Yihuda'aatii fi Beniyaaminii yennaa dhage'ane, 2gara Zerubaabeliitii fi sooreyyii maati'ii dhaqanee, «Nuutille akkuma keessan Waaqa keessan waaqonsuu barbaanna; haga bara Esaar-hadon mootiin biyya Asoorii as nu fidee jalqannee, Waaqa keessaniif ciincaa dhikeessaa turre; tanaaf, Galma Waaqaa isin woliin ijaaruu ti» jedhane.
3Zerubaabel, Iyaasu'uu fi sooreyyiin maatii Israa'elii ammoo deebisanee, «Isin Galma Waaqa keennaa nu woliin ijaariisaaf qooda hin qaddanu; akkuma mootichi Faaresii Qiiros nu ajaje, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galmaa Waaqaa ka ijaaru nu qofa» jedhane.
4Achiin duuba kolbaan lafa san keessa leetu, Yihudoota addii kutachiisanee akka isaan Galma Waaqaa hin ijaarre sodaachisane. 5Bara bulchiinsa mootii Faaresii Qiirosiitiin jalqabee haga bulchiinsa mootii Faaresii Daariyosiititti, namoota karoora ijaarsa isaanii gufachiisu itti bitane.
6Jalqaba bulchiinsa Ahashiwerosiititti, diinoti kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mormiisaaf himannoo barreessane.
7Bara bulchiinsa mootii Faaresii Artashaastaatitti Biishlaam, Miitradaat, Xaabe'elii fi worri isaan woliin jiru gara Artashaasta'aa xalayaa barreessane; xalayaan sun qubee Aaramiitiin barreeffamee afaan Aaramiititti hiikame.
8Bulchaan Rehuumii fi barreessaan bulcha'aa Shiimshaay akka asii gad jirutti xalayaa Yerusaalem mormu gara mooticha Artashaasta'aa barreessane:
9Xalayaan sun bulchaa Rehuum, barreessaa bulcha'aa Shiimshaay, worra isaan woliin huju abbootii mura'aatii fi qondaaltota, Faaresii, Erekii, Baabiloniitii fi worra Elaamii ka Suusaa keessaa, 10akkasuma kolbaa worra dhibii ka Osnaapheriin guddichii fi hunnaamessi booji'ee qachaa Samaariya'aatii fi kutaa biyyaa ka laga Efraaxiisiitiin gama qubachiise irraa barreeffame. 11Garagalchi xalayaa kanaa:
«Tajaajiltoota teeti worra laga Efraaxiisiitiin gara seensa adu'uu jiru irraa, mooticha Artashaasta'aaf! 12Yihudooti si biraa gara keenna dhufane, Yerusaalem dhaqanee qachaa worra finqila'aatii fi hama'aa deebisanee ijaariisatti jiran; dalleya isi'ii deebisanee ijaariisatti, hundee isi'iille dhaabiisatti jiran. Kun si mooticha biratti beekkamuu ti. 13Qachaan kun yoo ijaarame, dalleenni isaalle yoo deebi'ee ijaarame, kolbaan Yerusaalemii gibiraa fi qaraxa, beesee waan adda addaatiif baasanu hin dhooggatan; tanaaf galiin mootumma'aa akka diqqaattu, si mooticha biratti beekkamuu ti. 14Nuuti bu'aa mana mootumma'aa irraa waan dhagganuuf, salphinna keeti dhaggaa cadhinnee ilaaluu waan hin barbaanneef, waan kana akka ati beettuuf xalayaa kana sitti ergine. 15Maarre galmeen abbootii teetii ta durii, qorqorantee ilaalantuu ti; qachaan kun qachaa finqilaa, ka moototaa fi kutaa biyyaa rakkise; durumaa jalqabee addee worri finqilaan keessa le'u akka te'e atinuu hin dhaggita; qachaan kun sababa kanaaf bade. 16Qachaan kun yoo ijaarame, dalleenni isaalle deebi'ee yoo ijaarame, ati laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuun lafa ijjumaa akka hin qabaanne beeki» ka jedhu.
17Mootichi Artashaastaan deebii ergee, «Bulchaa Rehuumiif, barreessaa Shiimshaayiif, worra isaan woliin huju ka Samaariyaa keessa le'anuu fi akkasuma worra laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu le'anuuf, nageenni isiniif te'u.
18«Xalayaan isin ergitane hiikamee na duratti dubbifameera; 19anille akka qorqoranu isaan ajajee, qachaan Yerusaalemii duriinuu jalqabee dabarsii dheertuu ka mootota irratti finqila kaasu, ka finqillii fi rakkinni keessa guute akka te'e dhaggeera. 20Yerusaalem mootota jajjaba biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jiranu bulchu ka gibira, qaraxaa fi beesee waan adda addaatiif buusanu guuru qaddiiyyu. 21Tanaaf, haga ani ajajutti, qachaan kun deebi'ee akka hin ijaaranne, namooti hujii akka dhaabbachiisanu ajaja'a. 22Waan kana akka waan kaso'oo akka hin ilaalle ifi eeggadha'a! Wonni mootummaa miidhu, maaf guddataa deema ree?» jedhe.
23Akkuma yaadi xalayaa mooticha Artashaastaa irraa dhufe, Rehuum, barreessaa Shiimshaayii fi worra isaan woliin hujuuf dubbifameen, yoosuma gara Yihudoota Yerusaalem keessa jiranuu dhaqanee, hunnaan hujii dhaabbachiisane.
24Maarre Daariyos mootii Faaresii te'ee haga woggaa lammeesso'ootitti, hujiin Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa dhaabbate.
Você sabia?
Oposição à reconstrução em Jerusalém
- Quando os exilados que retornaram começaram a reconstruir o templo, os povos vizinhos se ofereceram para ajudar, afirmando que sacrificavam a Deus desde que o rei Esar-Hadom da Assíria os havia reassentado na região. Quando Zorobabel e os líderes judeus recusaram a oferta, esses vizinhos passaram a se opor ativamente ao projeto e a intimidar os construtores.Fontes: o próprio texto bíblico · Zerubbabel · Esar-haddon
- Líderes da oposição, incluindo o comandante Reum e o escriba Sinsai, enviaram uma carta em aramaico ao rei Artaxerxes, alertando que a reconstrução de Jerusalém resultaria em perda de impostos e rebelião. Artaxerxes consultou os registros reais, confirmou revoltas passadas e ordenou que a obra fosse interrompida à força até o reinado do rei Dario da Pérsia.Fontes: o próprio texto bíblico · Rehum · Shimshai · Artaxerxes
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 2
- Persia · 34.806, 48.516 · versículos 3, 5, 7, 9, 24
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 6, 8, 12, 19, 20, 23, 24
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 9, 12
- Elam · 32.189, 48.258 · versículo 9
- Erech · Hoje: Uruk · 31.322, 45.636 · versículo 9
- Susa · Hoje: Shush · 32.189, 48.258 · versículo 9
- Beyond the River · 31.777, 35.234 · versículos 10, 11, 16, 17, 20
- Samaria · 32.276, 35.195 · versículos 10, 17
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org