Nations Bible

Ezequiel 6

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Muraa Waaqota Dharaa Waaqonfatiisa Irratti Dhuttu

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ilma namaa! Gara gaarota Israa'elii ilaali; raaga isaan irratti dubbadhuutii, 3‹Ee, gaarota Israa'elii, jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, gaarotaa fi koobotaan, dareeraa fi dhooqaan: Kunoo, ani shallaagaa isinitti ergee, addee waaqonfanna'aa teessan hin balleessa. 4Addeen ciinca'aa teessan marti diigantee hin baddi; addeen ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu marti hin caccaddi; ani namoota keessan ka ijjeefamane waaqota dharaa keessan duratti hin gata. 5Reeffa worra Israa'elootaa waaqota dharaa ka isaanii duratti hin gonbisa; lafee isaaniille adaala addee ciinca'aa teessanitti hin bittinneessa. 6Addeen ciinca'aa teessan diigamanee akka onanu, waaqoti dharaa keessan caccabanee akka badanu, addeen ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu akka diigamanu, wonni isin hujjane marti ijjumaa akka baddu, qachooti isin keessa leetanu marti ona hin te'an; addeen waaqonfanna'aa teessan marti hin diigaman. 7Namooti ijjeefamane odduu teessanitti hin gombifaman; isinille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.

8«‹Te'uu malee yennaa isin gosa biyya adda addaa odduu bittinnoottanu, isin keessaa worra garii ka shallaagaa jalaa miliqee hafu, lubbu'uun hin hambura. 9Achiin duuba worri shallaagaa jalaa miliqee hafe kun, naaf addatamummaa dhabiisaan na irraa goranee, waaqota dharaa waaqonfatanee, attam akka na gaddisiisane, gosa biyya adda addaa addee itti booji'amane oddu'utti, na hin qaabatan. Isaan hujii hantuu hujaneef, hujii battii hujane maraafille, ifi hin jibban. 10Isaan ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan. Waan hantuu tana isaan irratti akka fidu ani akkasumaan hin dubbanne jedha› jedhi» jedhe.

11Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan Israa'elii sababa hujii hantuu battittii hujje maraatiif, shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan waan dhumattuuf, harka dhowaa, miilaan lafa dhidhiitaa, ‹Aanne'e!› jedhii bowi. 12Worri fagoo jiru dhukkubaan hin dhumata; worri dhikoo jiru shallaaga'aan hin dhumata; worri tana jalaa bayee hafe beelaan hin dhumata; akkanaan ani mufii tiyya jadduu isaan irratti hin baafadha. 13Isaan keessaa worri qalame odduu waaqota dharaa ka isaanii adaala addee ciinca'aa ta isaaniititti, koobota dhedheertuu mara irratti, gaarota mara irratti, muka bisilee mara jalatti, qilxaa banqaaqaa mara jalatti, addee waaqota dharaa ka ifiitiif kennansa foolee dansaa qabu itti dhikeessane maratti, reeffi isaanii yennaa gombifame, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. 14Ani harka kiyya isaan irratti diriirsee, addee isaan le'anu mara, lafa isaanii duwwaa godhee, goomolee kibbaa irraa jalqabee haga qachaa Diiblaa ka gara kaabaatitti hin onsa. Achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e isaan hin beekan» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Julgamento da Idolatria nos Montes de Israel

  • Ezequiel direciona sua profecia especificamente contra os montes, colinas, ravinas e vales de Israel porque esses locais naturais elevados e isolados eram os principais pontos onde altares pagãos e incensários floresciam sob carvalhos frondosos e árvores verdes.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O profeta é instruído a acompanhar sua mensagem com gestos físicos expressivos, como bater as palmas e bater os pés no chão, para dramatizar o choque, a dor e a solenidade do juízo iminente por espada, fome e peste.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Apesar de anunciar uma desolação generalizada por toda a terra, o texto promete que um remanescente sobreviverá à espada e refletirá sobre seus atos enquanto estiver disperso em cativeiro entre as nações.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Riblah · Hoje: Rableh · 34.460, 36.573 · versículo 14

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.