Nations Bible

Ezequiel 45

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Hirama Lafaa

1« ‹Isin hixaa buusiisaan lafa yennaa hirtanu, lafa kutaa woyyittii dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isi'ii ciqilee kuma diddamaa, Mootii Waan Maraatiif adda baasa'aatii kenna'a; latti sun duudiin woyyuu hin teeti. 2Lafa san keessaa ta dheerinni isi'ii ciqilee dhibba shan, badhinni isi'iille ciqilee dhibba shan te'e, ta addee duwwaa badhinni isi'ii ciqilee shantamaa adaala ifiitii qaddu Galma Waaqaatiif teetuu ti. 3Addee woyyittii san irralle'ee, lafa dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhanii miki; tun Addee Irra Caalaa Woyyittii Galma Waaqaa hin teeti. 4Latti tun lafa san keessaa kutaa woyyittii hin teeti. Isiin hayyoota Galma Waaqaa keessa tajaajiltu, ta Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf isatti dhikaattuuf, hin teeti; addeen tun addee manni isaaniitii fi addee woyyittii Galmi Waaqaa itti ijaaramu hin teeti. 5Latti dhibiin ta irraa hatte, ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhanii Lewwoota worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanuuf, qachaa keessa le'anu itti ijaarratiisaaf qabeenna isaanii hin teeti.

6« ‹Addee woyyittii adda baate sanitti aantee, addee badhinni isi'ii ciqilee kuma shanii, dheerinni isi'iille ciqilee kuma diddamii shanii, kolbaa Israa'elii maraaf addee qachaa itti ijaaranu teetuu ti.

Lafa Qondaaltichaa

7« ‹Qondaaltichi bulchaan biyyaa addee woyyittii sanii fi qachaa san karaa aduun seentuu fi karaa aduun baatuun, lafa haga meessaa biyyaa dheerattu qabaachuu qaba; latti sun haguma lafa gosa tokkoof kennantuu dheerattuu ti. 8Latti tun lafa Israa'elii keessatti qondaalaaf hin teeti; haganaa achi qondaaltoti tiyya kolbaa tiyya hin cunqursanu; kolbaan Israa'elii ammoo akkuma gosa gosa ifiititti lafa qabaatanuu ti.

9« ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee, qondaaltota Israa'elii! Isin geettuu ti; hunnaan namatti ka'iisaa fi nama cunqursiisa lakkisa'a; haqaa fi balchummaa huja'a; kolbaa tiyya lafa isaanii irraa ari'iisa lakkisa'a; tana ana Goottaa Mootii Waan Maraatitti dubbate. 10Isin waan ittiin safartanu ka «Eefaa» jedhamuu fi ka «Baatihii» jedhamu ka sirrii te'ane qabaadha'a. 11Eefa'aa fi baatihiin sun wol qixxee te'anuu ti; isaan lamaanuu yennaa mara madaallii «Homer» jedhamu harka kudhan keessaa harka tokko qabatan. Homer madaallii wolii galaa te'uu ti. 12Isin biratti madaalliin keessan ka «Sheeqelii» jedhamu tokko madaallii «Geraa» jedhamu diddama; sheeqelii diddama irratti sheeqelii diddamii shanii fi sheeqeliin kudhanii shan yennaa ede'ame madaallii «Miinaa» jedhamu tokko hin te'a.

Kennansa Adda Addaatii Fi Guyyaa Jilaa

13« ‹Kennansi isin dhikeessitanu, qamadii omeerii tokko tokko keessaa eefaa jaa keessaa eefaa tokko, garbuu omeerii tokko tokko keessaa eefaa jaa keessaa eefaa tokko, 14Zayitii irralle'ee waan ittiin safartanu ka «Korii» jedhamu tokko tokkooyyuu irraa akkuma omeerii baatihii kudhan keessaa baatihii tokko te'uu ti. 15Akkasuma tika hoolee Israa'elootaa ta lafa bisaan bacaan jiruu keessaa hoolee dhibba lamaa keessaa hoolee tokko kenna'a. Kun marti kennansa midhaanii, kennansa gubamu, kennansa tokkumma'aa ka gumaa cubbuu kolba'aa te'anuu ti. Kana ani Goottaan Mootiin Waan Maraa dubbadheera. 16Kolbaan Israa'elii marti kennansa addaa kana qondaala Israa'el keessaatiif kennituu ti. 17Kennansa gubamu, kennansa midhaanii, kennansa daadhii woyni'ii, guyyoota jilaatitti, guyyoota baatii ji'aatii fi guyyoota Sanbataatitti, jila Israa'elii ta beekkante mara irratti dhikeessiis hujii qondaala Israa'elii ti; inni kennansa sababa cubbu'uu, kennansa midhaanii, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa kolbaa Israa'eliitiif gumaa araara cubbu'uu hin dhikeessa.

18« ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ji'a tokkeesso'oo, ji'a san keessa guyyaa tokkeesso'oo loon keessaa dardara fafa hin qanne tokko fuudhii ciincessii, Galma Waaqaa qulleessi. 19Hayyichi dhiiga kennansa sababa cubbu'uu san irraa diqqaa isaa fuudhee, mikikkiloota Galma Waaqaa, irga addee ciinca'aa roga arfanuu, mikikkiloota karra gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaatitti seenanuu dibuu ti. 20Nami tokko dokonkoraan yookiin adoo hin beekin cubbuu hujeef guyyaa torbeesso'oo akkuma kana godhi; maarre akkanaan Galma Waaqaatiif gumaa godhi.

21« ‹Ji'a tokkeesso'oo guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, Jila Irra Dabaramaa jilifadha'a; guyyaa torbaaf daabboo uukoo hin qanne hin nyaattan 22Inni guyyaa san qondaalli ifii fi kolbaa lafa sanii maraaf kennansa sababa cubbu'uu dardara tokko qopheessuu ti. 23Guyyoota jilaa torba sanitti, dardaroota torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba ta fafa hin qanne, guyyuma guyya'aan kennansa gubamuuf ana Mootii Waan Maraatiif hin qopheessa; korbeessa re'e'eelle kennansa sababa cubbu'uutiif guyyuma guyya'aan hin qopheessa. 24Inni dardara san tokko tokkooyyuu woliin bullaa eefaa tokko tokko, korbeessa hoole'ee san tokko tokkooyyuu woliin bullaa eefaa tokko tokko, bullaa eefaa tokko tokko sanille zayitii ejersaa litirii sad sad woliin qopheessuu ti.

25« ‹Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti guyyoota jilaa torba sanitti, hayyichi kennansa sababa cubbu'uutiif, kennansa gubamuuf, kennansa midhaaniitii fi kennansa zayiti'iitiifille akkasuma qopheessuu ti.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A porção santa da terra e a liderança justa

  • A visão estabelece um distrito sagrado dedicado ao santuário, com terras designadas para sacerdotes, levitas e a cidade, ladeado por propriedades para o príncipe, para que os governantes não desapropriassem nem oprimissem o povo.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O texto exige justiça econômica ao padronizar as medidas comerciais, fixando tanto o bate líquido quanto o efa seco em um décimo de um ômer, e definindo uma mina como sessenta siclos.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Em vez de exigir sacrifícios para benefício próprio, o príncipe é encarregado de fornecer as ofertas comunitárias de cereais, azeite e animais para as festas fixas, os sábados e a Páscoa.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Most Holy Place · Hoje: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · versículo 3

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.