Ezequiel 35
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Raaga Gaara Biyya Se'iirii Irratti Dubbatame
1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Fuula keeti gara biyya Se'iirii deebifadhuu raaga itti dubbadhuutii, 3Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, gaara biyya Se'iirii, ani harka kiyya si irratti diriirsee, onsee duwwaa si hin tolcha. 4Ani qachoota keeti diigee ona si hin tolcha; achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta.
5« ‹Ati Israa'elootatti diina teetee, quuqaa bara dheera'aa qabattee, yennaa rakkinni dhumaatii fi yennaa adabbiin isaan dhaqqadde, shallaaga'aaf dabarsitee isaan kenniteerta. 6Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa, dhugumaan Waaqa jiraata'a! Dhiigi keeti akka dhangalaafamu dabarsee si hin kenna; ka dhiiga dhangalaasu si hin ari'a. Dhiiga dhangalaasiisa waan hin jibbiniif, ka dhiiga dhangalaasu si hin ari'a. 7Ani gaara biyya Se'iirii onsee duwwaa hin godha; nama biyya gaaraa san keessa qaxxaamuree deemu hin balleessa. 8Ani gaarota keeti worra ijjeefameen hin guuta. Worri shallaaga'aan ijjeefamane kooba teeti irratti, dhooqa teeti keessaa fi dareera keeti keessatti hin gombifaman. 9Ani haga bara baraa ona si hin tolcha; qachaa keeti keessa nami hin le'u; achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta.
10« ‹Adoo ani Mootiin Waan Maraa achi jiruu, ati: Gosi biyya adda addaa lamaan tun, Yihuda'aa fi Israa'el tiyya; ani isaan hin fudhadha jetteerta. 11Maarre ani Goottaan Mootiin Waan Maraa dhugumaan jiraata'a! Akkuma ati isaan jibbitee isaanitti aartee hinaatte, anille akkasuma si hin godha. Ani yennaa sitti muru odduu isaaniititti beekkamaa hin te'a. 12Ati: Isaan onaneeran; akka isaan nyaannuuf nu'uuf kennamaneeran jettee, gaarota Israa'elii irratti dubbatte san ani Mootiin Waan Maraa akka dhage'e hin beetta. 13Ati afaan keetiin na irratti ifi guddittee, jechoota bacaa ati na irratti dubbatte, ani dhage'eera.
14« ‹Biyyi lafaa duudiin yennaa gammaddu, ani Goottaan Mootiin Waan Maraa ona si hin tolcha. 15Latti Israa'elii yennaa onte, ati waan gammaddeef, ani si'ille akkasuma hin tolcha. Ee gaara Se'iirii! Si'ii fi biyya Edoomii duudii ona hin tolcha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e isaan hin beekan› jedha» jedhe.

Você sabia?
Profecia Contra o Monte Seir
- Na geografia bíblica, o monte Seir é sinônimo da região montanhosa e acidentada de Edom, situada a leste do Arabá e estendendo-se ao sul em direção ao golfo de Ácaba. Ezequiel dirige-se diretamente ao monte Seir como a personificação poética de toda a nação de Edom.Fontes: Mount Seir · Edom · o próprio texto bíblico
- O oráculo repreende Edom por nutrir uma antiga hostilidade contra Israel e por se aproveitar da ruína israelita para tentar tomar posse de Israel e de Judá. Por ter zombado e se alegrado com a devastação de Israel, a profecia declara que os montes, vales e cidades de Edom se transformarão em desolação perpétua.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Edom · 30.746, 35.604 · versículo 15
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org