Ezequiel 31
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Fakkeenna Hindheensa Libaanonii
1Booji'annee woggaa kudhanii tokkeesso'oo, ji'a sadeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Fara'oonii mootii Gibxi'iitii fi kolbaa isaa bindilla'aan, ‹Guddinnaan ati eennu fakkaatta?
3«‹Kunoo, Asoor dur akka hindheensa Libaanon keessaa
ka dameelee dadansa'aa
ka gaaddisa gongoma'aa,
ka ol dheeratee,
qacceen isaa duumensa odduu jirtuu ti.
4Bisaan isa ol dheeresse;
maddi qile'ee isa guddisee,
adaala inni latetti lagi akka yaa'u godhee,
bisaan gara mukoota gongomaa keessaa akka yaa'anu godhe.
5Bisaan guddaa waan dhaggateef,
mukoota baddaa keessa jiranu mara caalaa dheerate;
dameeleen isaa lattee dheeratte.
6Sinbirrooti marti dameelee isaa keessatti mana ifii ijaarratane;
bineensoti marti dameelee isaa jalatti ilmoolee dhalane.
Gosi biyya adda addaa gugurdoon marti
gaaddisa isaa jala leete.
7Hiddi isaa gara bisaan gudda'aa gad waan seeneef,
banqaaqiisaa fi dheerinna dameelee ifiitiin hin miidhagaayyu.
8Hindheensi oorruu Waaqaa keessa jiruuyyuu isa woliin wol hin qixxawu;
muki gosa adda addaa ka dameelee dheertuu akkasii qabu hin jiru.
Mukooti oorruu Waaqaa keessaa
ka miidhaginna isaatiin wol qixxawu tokkolle hin jiru.
9Ani dameelee banqaaxxuu isaatiin akka inni miidhagu godheera;
mukooti oorruu Waaqaa keessa jiranu marti isa hinaafane.
10« ‹Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Inni ol dheeratee, qacceen isaalle duumensa dhaqqaddee, dheerinna ifiitiin waan kooreef, 11ani harka bulchitoota gosa biyya adda addaatitti dabarsee isa hin kenna. Inni akka hammeenna ifiititti gatii hujii ifii hin dhaggata; ani baasee isa hin gata. 12Gosi ormaa ta biyya adda addaa gadhi-jabeeyyiin isa muranee, jissanee lakkisane; dameeleen isaa gaaraa fi dhooqa mara keessatti caccaddee hin harcaati; dameeleen isaa bowwaa lafa sanii keessatti hin caccaddi; gosi biyya adda addaa ta gaaddisa isaa jala jirtu marti isa lakkisanee hin deeman. 13Sinbirrooti marti jirma isaa ka jige san irratti qubatanee, bineensoti marti dameelee isaa oddu'utti galane. 14Tanaaf, muki laga qarqaraa marti, baala rubbanaan gubba'atti dameelee ifii ol yaafatee, haganaa achi kooree mataa ifii ol hin baafatu. Haganaa achi muki bisaan akka maltetti dhaggate marti akka kana hojjaa hin qabaatu. Tokko tokkoon isaanii worra du'aaf kennamane, ka gara qile'ee gad bu'anu woliin akka gad bu'u itti murteeffameera. 15Goottaan Mootiin Waan Maraa: Guyyaa hindheensi sun gara addee worri du'e jiruu gad bu'u, gaddi akka te'u godhe; ani bisaan qile'ee duuche; laga isaalle cufe; bisaan hedduulle dhaabbachiise. Sababa isaatiif gaarri Libaanonii dukkana akka uffatu godhe. Mukooti badda'aa marti qoorane. 16Yennaa ani worra gara boolla addee worri du'e jiru, gad bu'u woliin gara addee worri du'e jiruu gad isa buuse, huuruu jinnana isaa dhageettee gosi biyya adda addaa akka hollattu godhe. Mukooti Edenii marti, mukooti Libaanonii ka filatamane martii fi mukooti bisaan akka dansaa dhaggatane ka qilee lafaan jalaa keessa jiranu mara jinnana isaatiin gammadane. 17Gosa biyya adda addaa keessaa worri gaaddisa isaa jala le'ee, ka golii te'elle, isa woliin worra shallaaga'aan qalamanee addee worri du'e jirutti gad bu'ane.
18« ‹Mukoota Edenii keessaa ulfinnaa fi guddinnaan si woliin ka wol fakkaatu kam ree? Te'uu malee atille mukoota Edenii woliin gara lafa jalaatitti gad hin buuta; ati worra shallaaga'aan qalame woliin worra Waaqa malee le'u odduu hin irkatta.
«‹Kun fakkeenna Fara'ooniitii fi kolbaa bindillaa isaa ti, jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa› jedhi» jedhe.

Você sabia?
O Cedro Caído do Líbano
- Ezequiel emprega a metáfora de um imponente cedro do Líbano — uma célebre cordilheira na Síria — para ilustrar a grandeza e o colapso repentino do império assírio como uma advertência direta a Faraó e ao Egito.Fontes: o próprio texto bíblico · Lebanon · Assyria · Pharaoh
- A alegoria descreve a majestosa árvore como superior em altura e esplendor a todas as árvores do jardim de Deus, ou Éden, uma antiga região fértil situada ao longo dos grandes rios da Ásia Ocidental.Fontes: o próprio texto bíblico · Eden
- Por causa de seu orgulho, a grande árvore é derrubada por conquistadores estrangeiros impiedosos e lançada ao Seol, demonstrando que nenhum império ou governante terreno está isento da mortalidade e do julgamento.Fontes: o próprio texto bíblico · Pharaoh
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 2, 10, 18
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículos 3, 15
- Lebanon · 33.540, 35.584 · versículos 3, 15, 16
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org