Ezequiel 29
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Raaga Biyya Gibxi'ii Irratti Dubbatame
1Booji'annee woggaa kudhaneesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa kudhanii lammeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara mootii Gibxi'ii deebifadhuutii, isaa fi kolbaa Gibxi'ii mara irratti raaga raagi. 3Mootii Gibxi'iitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani si irratti ka'eera! Ee Fara'oon mootii Gibxi'ii, ati jawwee guddittii laga ifii keessa ciittu; ati: Lagi Nayilii kiyya; ani laga kana ifiif dadadhe jetta. 4Ani hookkoo sibiilaa a'oo teeti keessa hin keya; qurxummii laga keetii solloqqee teetitti hin maxxansa; qurxummii solloqqee teetitti maxxante san woliin laga keeti keessaa harkisee si hin baasa. 5Ani si'ii fi qurxummii laga keetii mara lafa goomole'eetitti hin gata; reeffi keeti adoo hin awwaalamin diiduma irratti jigee hafa; ani allaatotaa fi bineensotaafille sagalee si hin godha. 6Achiin duuba isin worri biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Sababille ati kolbaa Israa'eliitiif akka ulee shonbooqqo'oo teeteerta. 7Yennaa isaan harka ifiitiin si qabane, ati babbaqaxxee gurmuu isaanii mara woraante; yennaa isaan sitti irkatane, ati caccaddee hidhi isaanii akka lellequ goote. 8Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani shallaagaa si'itti hin fida; namaa fi horii si keessaa ijjumaa hin balleessa. 9Waan ati: Lagi Nayilii kiyya; natti isa dade jetteef, biyyi Gibxi'ii ontee duwwaa hin teeti. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. 10Tanaaf, kunoo ani si'ii fi laga keeti irratti ka'eera; qachaa Miigdoliitiin jalqabee haga qachaa Aswaaniititti, haga meessaa Itoophiya'aatitti biyya Gibxi'ii ijjumaa onsee duwwaa hin godha. 11Miilli namaatii fi kotteen hori'ii isii keessa hin dabaranu; haga woggaa afurtamaa wonni tokko achi hin jiraattu. 12Ani biyya Gibxi'ii biyyoota onane keessaa akka tokkootitti hin onsa; qachooti Gibxi'ii haga woggaa afurtamaa qachoota diigamane odduu ona te'anee hin tee'an. Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa keessa bittinneessee, biyya hedduu keessa hin faffacaasa.
13«‹Woggaan afurtam dhumatteen duuba ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa ta isaan itti bittinnowane keessaa isaan wolitti hin qaba; 14ani lafa isaan itti booji'amane keessaa deebisee, lafa isaanii ta durii kibba Gibxi'iititti isaan hin galcha; isaan achitti mootummaa dadhadduu hin te'an. 15Mootummaan sun mootummoota dhibii caalaa dadhadduu waan teeteef, gosa biyya adda addaa irratti ijjumaa deebitee ifi ol hin qaddu. Ani akka isaan ijjumaa deebi'anee gosa biyya adda addaa hin bulchine guddoo isaan hin diqqeessa. 16Kolbaan Israa'elii qarqaarsa gaafatiisaaf, gara biyya Gibxi'ii deemiisaan yakkaa hujane isaan qaabachiitti malee, haganaa achi isaan ijjumaa deebi'anee biyya Gibxi'ii qarqaarsa hin gaafatanu. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.
Nebukadnezaar Gibxi Hin Injifata
17Booji'annee woggaa Diddamii torbeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 18«Ee ilma namaa! Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar loltoota ifii duula jabaa Xiiroos irratti duulchisee, mataan isaanii luluqqa'ee, gurmuun isaanii ququnca'e; te'uu malee mootichaa fi loltooti isaalle eloo saniif Xiiroos irraa bu'aa tokkolle hin dhaggane. 19Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani lafa Gibxi'ii mootii Baabilonii Nebukadnezaariif dabarsee hin kenna; innille karra isi'ii saamee fudhatee hin deema; wonni inni saamee fudhate sun loltoota isaatiif mindaa hin teeti. 20Isa fi loltooti isaa waan naaf hujaneef, gatii eloo isaatiif ani lafa Gibxi'ii isaaf kenneera.
21« ‹Guyyaa san ani kolbaa Israa'eliitiif jabeenna hin kenna; atille isaan keessatti afaan keeti akka saaqattu hin godha. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.

Você sabia?
Profecias contra o Egito e o Faraó
- A expressão "desde Migdol até Sevene" abrangia toda a extensão territorial do Egito, partindo da cidade fortificada de Migdol no nordeste até Sevene (atual Assuã) na fronteira sul com Cuxe.Fontes: Migdol · Syene · Cush · o próprio texto bíblico
- O capítulo faz referência ao prolongado esforço militar realizado por Nabucodonosor, rei da Babilônia, contra a cidade de Tiro, profetizando que seu exército tomaria as riquezas do Egito como pagamento por seu trabalho.Fontes: Nebuchadnezzar · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 2, 3, 6, 8, 9, 10, 12, 13, 14, 15, 16, 19, 20
- Nile · Hoje: Nile River · 31.465, 30.367 · versículos 3, 4, 5, 9, 10
- Cush · Hoje: Cush 1 · 16.935, 33.751 · versículo 10
- Syene · Hoje: Aswan · 24.089, 32.900 · versículo 10
- Pathros · Hoje: Upper Egypt · 24.100, 32.700 · versículo 14
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 18, 19
- Tyre · 33.271, 35.196 · versículos 18, 20
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org