Ezequiel 25
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Raaga Biyya Amoonii Irratti Dubbatame
1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Fuula keeti gara biyya Amoonii deebifadhuutii, raaga isaan irratti dubbadhu. 3Worra Amoonotaatiin, ‹Jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin; Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Galmi kiyya yennaa battowe, latti Israa'elii yennaa onte, kolbaan Yihuda'aalle yennaa booji'ante, waan gammaddaneef, 4kunoo, ani akka isin qabatanu harka kolbaa karaa aduun baatuutitti dabarsee isin hin kenna; isaan odduu teessanitti hin qubatan; dunkaanii ifii odduu teessanitti hin dhaabbatan; midhaan keessan hin nyaatan; aanan keessanille hin unan. 5Qachaa Raaba'aa dheeda gaalotaa, biyya Amooniille boqaata hoole'ee hin godha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedha.
6«Mootiin Waan Maraa, ‹Isin hammeenna keessan maraan firinxiixanee, badii lafa Israa'eliititti, harka keessan dhowaa, sarbicha waan dhiittanneef, 7kunoo, anille harka kiyya isin irratti hin diriirsa; gosi biyya adda addaa akka isin saamanuuf, harka isaaniititti dabarsee isin hin kenna; ani gosa biyya adda addaa keessaa ijjumaa isin hin balleessa; achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan› jedha.
Raaga Biyya Mo'aabii Irratti Dubbatame
8«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Mo'aabii fi Se'iir, «Kolbaan Yihuda'aa akkuma gosa biyya adda addaa taanii ti» waan jedhaneef, 9kunoo, ani qachoota Mo'aabiif akka dalleyaa te'anee ulfinna isi'ii te'aneeranu, Bet-Yeshimooti, Ba'aal-Me'onii fi Kiriiyatayim irraa jalqabee akka banamanu hin godha. 10Haganaa achi Mo'aab gosa biyya adda addaa oddu'utti akka hin qaabatanne, worri Mo'aabii worra Amoonii woliin kolbaa worra gara aduun baatuutiin akka qabatamanu hin godha. 11Ani worra Mo'aabii irratti muraa hin kenna. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha.
Raaga Edoom Irratti Dubbatame
12«Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaan Edoomii kolbaa Yihuda'aa irratti quuqeffattee haluu waan baateef, yakkaameyyii teeteerti; 13tanaaf ani Mootiin Waan Maraa kolbaa Edoomii irratti harka kiyya diriirsee, namoota isaaniitii fi horii isaanii ijjumaa hin balleessa; qachaa Temaaniitii haga qachaa Dedaaniititti akka onu hin godha; kolbaalle shallaaga'aan hin dhumatti. 14Ani harka kolbaa tiyya Israa'eliitiin, kolbaa Edoomii irratti haluu tiyya hin baafadha; isaan akkuma aari'ii fi mufii tiyyaatitti kolbaa Edoomii irratti hin tolchan; kolbaan Edoomiille akka ani haluu tiyya baafadhe hin beetti› jedha, Mootiin Waan Maraa.
Raaga Biyya Filisxeemotaa Irratti Dubbatame
15«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Filisxeemotaa quuqaa duriitii fi hammeennaan worra Yihuda'aa irratti ka'anee haluu bayanee isaan balleessiisaaf waan yaadaneef, 16ani Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, harka kiyya worra Filisxeemotaa irratti hin diriirsa; worra Qareexii fixee, ka qarqara abbaaya'aatitti jiru'uun hafanelle hin balleessa. 17Ani xixansa halu'uutiin guddisee haluu isaan hin baya; mufii tiyyalle'een isaan hin adaba; yennaa ani haluu isaan baye, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.

Você sabia?
Julgamentos sobre as Nações Vizinhas
- Amom ficava a leste do rio Jordão e tinha Rabá como sua cidade principal. Ezequiel profetizou que, por ter zombado da queda de Jerusalém e da profanação do santuário, seu território e sua capital seriam entregues a tribos nômades do Oriente como pastagens para camelos e ovelhas.Fontes: o próprio texto bíblico · Ammon · Rabbah · East
- As regiões vizinhas de Moabe e do monte Seir — a terra montanhosa habitada pelos descendentes de Esaú — foram repreendidas por afirmarem que Judá era igual a todas as outras nações. Ezequiel advertiu que suas cidades fronteiriças ficariam desprotegidas e seriam entregues aos povos do Oriente.Fontes: o próprio texto bíblico · Moab · Seir · Esau (Edom)
- O capítulo se encerra com julgamentos divinos contra Edom e os filisteus, condenando ambos os povos por agirem movidos por uma antiga hostilidade e por buscarem vingança maldosa contra Judá em seu momento de calamidade.Fontes: o próprio texto bíblico · Edom
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Ammon · 31.955, 35.934 · versículos 2, 3, 5, 10
- East · Hoje: region around Amman · 31.955, 35.934 · versículos 4, 10
- Rabbah · Hoje: Amman · 31.955, 35.934 · versículo 5
- Moab · Hoje: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículos 8, 9, 10, 11
- Edom · 30.746, 35.604 · versículos 12, 13, 14
- Philistia · 31.664, 34.546 · versículo 15
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org