Ezequiel 22
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yakkaa Yerusaalemii
1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Ati itti hin murtuu ree? Qachaa dhiiga namaa dhangalaasu kanatti hin murtuu ree? Maarre waan diqachiisaa inni huje mara itti mudhisi. 3Ati qacha'aan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ati qachaa wodhakkaa keetitti dhiiga dhangalaattu, ka waaqota dharaatiin ifi batteessitu, guyyaan keeti geyeera. 4Ati dhiiga dhangalaatteen yakkaamessa teeteerta; waaqota dharaa ka hujjelle'een battootteerta; ati guyyaa keeti gabaaffateerta; muummeen bara keetii geyeera. Tanaaf ani gosa biyya adda addaatiif murgoo, biyya hedduu maraaf waan taphaa si hin godha. 5Worri dhikoo teeti jiruu fi worri si'i irraa fagoo jiru sitti hin murgan; maqaan keeti battowee, qachaa hoga'aan guutame hin teeta. 6Kunoo, qondaaltoti Israa'elii worri si keessa jiru tokko tokkoon isaanii akkuma hunna ifiititti dhiiga dhangalaasan. 7Si keessatti abba'aa fi haati hin tuffataman; worri alagaan hin cunqurfaman; ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa hin miicaman. 8Ati meya kiyya woyyicha tuffattee, Sanbata kiyyalle salphitteerta. 9Namooti dhiiga dhangalaasiisaaf hamatanu si keessa jiran; kolbaan gaarota addee waaqonfannaa waaqota dharaa irratti waan ciinceffame nyaattulle si keessa jirti; isaan si keessatti sagaagalan. 10Namooti si keessatti niitii abbaa ifii woliin rafan; isaan dubartii aadaan dubarti'ii itti dhutteertu hunnaan woliin rafan. 11Tokko tokko niitii namaa woliin waan nama diqachiisu hujan; ka dhibiin niitii ilma ifii batteessa; ka dhibiin intala abbaa ifii, obboleettii ifii hunnaan woliin rafa. 12Si keessatti isaan dhiiga dhangalaasiisaaf safuu fudhatan; ati liqaa dhalaatii fi bu'aa haqa hin te'in nama irraa fudhattee saamaan durommatteerta; ijjumaa na deeteerta.
13« ‹Kunoo, ani bu'aa ati haqa malee dhaggattee fi dhiiga si keessatti dhangala'eef ani aari'iin harka kiyya hin dhowa. 14Guyyaa ani si adabu lapheen teeti hin jajjabaattii ree? Yookiin irreen teeti hin jabaattii ree? Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera; ani waan kana hin godha. 15Ani biyya hedduu gosa biyya adda addaa keessa si bittinneessee, battummaa teeti mara si keessaa hin balleessa. 16Gosa biyya adda addaa duratti hujuma teetiin battii teetee, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta jedha› jedhi» jedhe.
17Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 18«Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii solloqqee natti te'aneeran; isaan martinuu akka sageettuu, qorqooroo, sibiilaa fi irsaasa addee sibiila itti baqisiisanu keessaa ti; isaan solloqqee meeti'ii te'aneeran. 19Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Isin martinuu solloqqee waan teetaneef, kunoo, ani Yerusaalem keessatti wolitti isin hin qaba. 20Akkuma namooti meetii, sageettu'uu fi sibiila, irsaasaa fi qorqooroo addee sibiila itti baqisiisanutti baqisiisiisaaf ibidda itti buufanu, anille aarii tiyyaa fi mufii tiyya keessatti wolitti isin qabee akka baxxanu isin hin godha. 21Ani wolitti isin qabee, ibidda mufii tiyyaa isinitti buufee, isinille mufii tiyya keessatti hin baxxan. 22Akkuma meetiin addee sibiila itti baqisiisanu keessatti baxxu, isinille mufii tiyya keessatti hin baxxan; yennaa san ani Mootiin Waan Maraa mufii tiyya akka isin irratti dhangalaase hin beettan› jedha» jedhe.
Cubbuu Sooressitoota Israa'elii
23Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 24«Ee ilma namaa! Ati lafaan, ‹Ati woyyittii waan hin te'iniif, guyyaa mufii tiyyaa bokkeenni si irratti hin roobu. 25Malli raagota isi'ii wolitti deebi'anee akka neenqa waan ijjeese kukkutataa dhangaa dhowuu ti; isaan kolbaa ijjeesanee, beese'ee fi qabeenna dhaggane mara fudhatan; ijjeechaa isaaniitiin haadhotii hiyyeessaa baceessane. 26Hayyooti isi'ii seera kiyya cassaneeran; waan woyyuu te'e hin kabajanu. Isaan waan woyyuu te'ee fi waan battii te'e addaan hin baasanu; isaan garaagarummaa waan qulqullu'uutii fi waan qulqulluu hin te'inii hin barsiisanu; Sanbatalle lakkisaneeran; tanaaf ani odduu kolbaa Israa'eliititti ulfinna dhabeera. 27Qondaaltoti isi'ii akka yayyii waan nyaatte kukkuttuu ti; isaan duroomiisaaf nama ijjeesan. 28Raagoti isi'ii akka nama halluu adii dhaaba manaatitti dibuu cubbuu tana mara dhossan. Isaan mudhii dharaa dhaggaa, moruu dharaalle moran. Goottaan Mootiin Waan Maraa adoo isaanitti hin dubbatin, isaan: Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha jedhan. 29Namooti lafa sanii maltumma'aan saaman. Isaan worra hiyyeeyyii, rakkata'aa fi alagaa miican. 30Akka ani lafa san hin balleessineef, ka dalleya ijaaru, karaa dalleenni cabeeruun fuula kiyya dura nama isi'iif dhaabbatu, isaan keessa barbaaddeeyyu; garuu nama tokkolle hin dhaggine. 31Tanaaf ani mufii tiyya isaan irratti hin dhangalaasaa, ibidda mufii tiyyaatiin isaan hin fixa; waan isaan godhane matuma isaaniititti hin deebisa› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
Você sabia?
Julgamento sobre os pecados de Jerusalém
- Ezequiel emprega imagens metalúrgicas ao comparar a casa de Israel a metais comuns e à escória—cobre, estanho, ferro e chumbo—separados durante o refino da prata. Jerusalém é retratada como uma fornalha de fundição onde essas impurezas serão reunidas e derretidas sob o fogo do julgamento divino.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo apresenta uma acusação contra todos os níveis de liderança e da sociedade de Jerusalém, mencionando especificamente seus príncipes, sacerdotes, autoridades, falsos profetas e o povo comum. Cada grupo é condenado por corrupção generalizada, opressão dos vulneráveis e desprezo pelas leis sagradas, não restando ninguém para ficar na brecha em favor da terra.Fontes: o próprio texto bíblico
- Embora Jerusalém fosse tradicionalmente reverenciada como a cidade santa e seu nome estivesse associado à paz, Ezequiel a chama abertamente de cidade sanguinária devido à violência desenfreada, à extorsão e à injustiça sistêmica dentro de seus muros.Fontes: Jerusalem · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org