Ester 6
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Mordekaayi Ulfinna Dhaggate
1Halkan san mootichi hirriiba waan dhabeef, kitaaba dabarsiin mootumma'aa itti galmeeffante fidanee akka dubbisanu ajaje; isaanille fidanee dubbisaneef. 2Kitaaba san keessatti guneessoti balbala mootichaa eeganu lamaan Biigtaanaanii fi Teresh, mooticha ijjeesiisaaf mala dhowane, Mordekaayi attam akka hime barreeffamee dhaggame. 3Mootichi, «Tana waan godheef ulfinnii fi guddinni Mordekaayi dhaggate maan?» jedhee gaafate.
Tajaajiltooti isaa deebittee, «Wonni tokkolle isaaf hin godhanne» jette.
4Mootichi, «Badhinna mana mootumma'aa keessa eentu jira?» jedhee gaafate; yennaa san Haamaan muka nama itti fannisanu qopheesse san irratti Mordekaayi akka fannifamu eeyyama mooticha irraa gaafatiisaaf, badhinna mana mootumma'aa ka gara alaa reefuu seeniisatti jiraayyu. 5Maarre tajaajiltooti mootichaa, «Kunoo, Haamaan badhinna dhaabbateera» jetteen.
Mootichille, «Seen jedha'aan» jedhee ajaje.
6Yennaa Haamaan seene mootichi, «Nama mootichi ulfinna guddaa kennuu fedhuuf maanti godhama?» jedhee isa gaafate.
Haamaalle, «Na caalaa nami mootiin ulfinna kennuuf eentu jira ree?» jedhee yaadate.
7Maarre Haamaan deebisee mootichaan, «Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf, 8woyaa mootumma'aa ta mootiin ifiif uffattuu fi farda mootiin ifiif irra tee'u ka kallachi mootichaa mataa isaatitti keyame akka fidanu godhi. 9Achiin duuba woyaan sunii fi fardi sun qondaaltota gugurdoo mootumma'aa keessaa nama tokkotti kennamuu ti; inni nama mootiin ulfinna kennuu fedhu sanitti uffisee, farda isaaf qophowe irra teessisee, badhinna qacha'aa keessa dura isaa ideemaa, ‹Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf, akkana godhama› jedhee lassuu ti» jedhe.
10Mootichi Haamaan ajajee, «Ariifadhuutii, akkuma amma jette, woya'aa fi farda qopheessiitii, Mordekaayii Yihudicha karra mootichaa dura tee'eeruuf, akkuma amma jette godhiif; waan dubbatte mara keessaa takkaalle hin hafin» jedhe.
11Maarre Haamaan woya'aa fi farda qopheessee, woyaa Mordekaayitti uffise; Mordekaayi farda irra tee'een duuba, Haamaan badhinna qacha'aa keessa isa dura deemaa, «Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf, akkana godhama!» jedhee lasse.
12Achiin duuba Mordekaayi gara karra mootichaa deebi'e; Haamaan ammoo gaddee mataa ifii hagooggatee gara mana ifii fiige. 13Inni waan isa irratti te'e mara haadha manaa ifii Zereshii fi gorsitoota ifii san maratti hime. Achiin duuba haati manaa isaatii fi gorsitooti isaa sun, «Mordekaayiin ati amma isa duratti jilbiiffatiisa jalqadde kun, sanyii Yihudi'ii yoo te'e, isa injifatiisaaf hin dandeettu. Ati dhugumaan hin badda» jedhaneen.
14Isaan adoo isa woliin dubbatiisatti jiranuu, guneeyyiin mootichaa dhufanee, ariiti'iin Haamaan gara areertii Asteer qopheessitee geessane.

Você sabia?
A honra de Mardoqueu e a humilhação de Hamã
- Na corte persa, os escribas registravam os acontecimentos diários e os serviços prestados à coroa nas crônicas reais. Quando o rei Assuero perdeu o sono e mandou ler esses registros, percebeu que Mardoqueu nunca havia recebido honra ou recompensa por ter descoberto a conspiração de assassinato dos guardas da porta Bigtã e Teres.Fontes: o próprio texto bíblico · Bigthana · Teresh
- As honras sugeridas por Hamã—vestir um manto real que o próprio rei havia usado e cavalgar no cavalo do rei guiado pela praça da cidade por um nobre príncipe—constituíam as mais elevadas demonstrações de favor persa. Hamã planejou essa homenagem pensando em si mesmo, mas acabou sendo ordenado a executá-la para Mardoqueu.Fontes: o próprio texto bíblico · Haman
- Hamã havia entrado no pátio do palácio para pedir ao rei o enforcamento de Mardoqueu na forca que havia construído. Contudo, após conduzir Mardoqueu em triunfo público, voltou para casa enlutado, onde sua esposa Zeres e seus conselheiros previram a sua ruína definitiva diante dele.Fontes: o próprio texto bíblico · Zeresh · Haman
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org