Nations Bible

Ester 2

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Asteer Giittii Teete

1Mootichi Ahashiweros aarii caffateen duuba, waan giittittiin Waashit gootee fi marroo lassii isii irratti dabarsee yaadate. 2Achiin duuba gorsitoota mootichaa keessaa worri isatti dhikaatu, mootichaan, «Durra dadansaa sii barbaadanuu ti. 3Mootummaa teeti keessatti, kutaa biyyaa mara keessatti, durra dadansaa filanee, qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti gara mana dubartooti si'iif filamane le'anuu fidanee itti gaafatamaa dubartootaa guneessicha Hegaayitti kennanee inni isaan eeguu ti; dibati dansumma'aalle isaaniif kennamuu ti. 4Achiin duuba dubartoota tana keessaa ta mooticha gammachiittu addee giittittii Waashitii, giittii teetuu ti» jedhane; gorsi kun mooticha gammachiisee, inni akkuma isaan jedhane godhe.

5Bara san gosa Beniyaaminii keessaa Yihudichi tokko abuuboon Qiishii, akaakoon Shiimi'aayii, ilmi Yaa'iirii Mordekaayi qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessa jiraayyu. 6Inni namoota mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii Yihuda'aa Yikoniyaa woliin Yerusaalemii booji'e keessaa tokko. 7Mordekaayi intala obboleessa abbaa ifii ta, «Hadaasa» jedhantu ta, «Asteer» jedhantee moggaafante qabaayyu; isiin intala dhaaba toltuu fi bifa miidhaddu. Isiin abba'aa fi haadha waan hin qanneef, Mordekaayi fudhatee akka intala ifiititti isii guddise. 8Ajajii fi lassiin mootichaa yennaa dhage'ante, durra hedduu gara qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabuu fidanee, Hegaayiin dubartoota eegu, akka inni isaan eeguuf itti kennane. Asteerille gara mana mootumma'aa geessanee Hegaayitti kennane. 9Asteer fuula Hegaayii duratti jaalatamaa fi fudhatama dhaggatte; innille ariiti'iin dibata dansummaa isi'iitiif barbaachisuu fi sagalee addaa kennisiiseef. Mana mootumma'aa keessaa durra filamane torba, akka isi'iif tajaajilanu addaan baaseefii, mana dubartootaa keessaa ta addee mara caaltutti tajaajiltoota isi'ii tana woliin isii dabarse.

10Mordekaayi waan dhooggeeruuf, Asteer nama biyya kamiitii fi maatii kamii akka teetee hin mudhinne. 11Mordekaayi nageya Asteerii yookiin waan isii irra gewu beekiisaaf, guyyuma guyya'aan badhinna mana dubartootaa dura asii fi achi deddeebi'aa ture.

12Durri takka gara mooticha Ashiwerosii seeniisaaf, badoon isi'ii adoo hin geyiniin dura, ji'a jaa dibata qumbi'iitiin, ji'a jaa fiqire'ee fi uddowaa adda addaatiin wolumatti ji'a kudhanii lama qopheeffamuu qaddiiyyu. 13Achiin duuba mana dubartootaa keessaa waan isiin barbaaddu mara kennaneefii, gara mana mootumma'aa dhaquu dandeetti. 14Galgala mooticha woliin rattee, boruyyaa ganama gara mana dubartootaa ka lammeesso'oo ka Sha'asgaaziin guneessichi mootichaa gursumeeyyii itti eegu dhaxxi; mootichi isi'itti gammadee maqa'aan yoo isii hin waamamin, gara isaa hin deebitu.

15Intalti Abiihaayilii obboleessa abbaa Mordekaayii Asteer, ta Mordekaayi akka intala ifii guddiffate, badoon isiin gara mootichaa seentu yennaa geette, isiin waan Hegaayiin guneessichi dubartoota eegu akka isiin fudhattu hime malee waan tokkolle hin gaafanne. Isiin nama isii dhagge mara duratti fudhatama dhaggatte. 16Ahashiweros mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti, ji'a kudhaneesso'oo ka, «Xebet» jedhamu keessa gara mana mootumma'aa isii geessane.

17Mootichi durra taan caalaa Asteer jaalate; isiin durra san mara keessaa isa duratti fudhatama dhaggatte. Maarre mootichi kallacha mootumma'aa itti keyee, addee Waashitiititti akka isiin giittii teetu godhe. 18Achiin duuba mootichi ulfinna Asteeriitiif, namoota gugurda'aa fi qondaaltota mootumma'aatiif areertii guddoo qopheesse; kutaa biyyaa maratti guyyaa jilaa lassee akka arjummaa ifiititti kennansa namootaaf kenne.

Mordekaayi Lubbuu Mootichaa Hambure

19Lammeessoo durri sun yennaa wolitti qabante, Mordekaayi karra mootichaa dura tee'eeraayyu. 20Asteer Mordekaayi yennaa isii guddise isaaf ajajamaa waan turteef, gorsa isaa hordofiisaaf, akkuma inni isi'itti hime, nama biyya kamiitii fi maatii kamii akka teete hin mudhinne.

21Bara Mordekaayi karra mootichaa dura tee'u san, worra karra mootichaa eegu keessaa namooti lama Biigtaanii fi Teresh aaranee, mooticha Ahashiweros ijjeesiisaaf mala dhowane. 22Mordekaayi ammoo mala dhowame kana beekee, giittittii Asteeritti hime. Isiille akka Mordekaayi mala dhowame kana beeke mootichatti hinte. 23Dubbiin qoratantee dhugaa yennaa teete, jarri lamaanuu muka irratti fannifamane; wonni kun marti mooticha duratti galmee dabarsi'ii keessatti barreeffante.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A ascensão de Ester a rainha

  • Ester tinha originalmente o nome hebraico Hadassa, que significa "murta", mas passou a ser chamada de Ester (derivado da palavra persa para "estrela") na corte persa. Órfã da tribo de Benjamim, ela foi criada por seu primo Mardoqueu, que a orientou a manter sua origem judaica em segredo.Fontes: Esther · o próprio texto bíblico
  • As jovens levadas à cidadela de Susã passavam por uma preparação rigorosa de doze meses sob os cuidados do oficial Hegai. O tratamento exigia seis meses com óleo de mirra e seis meses com perfumes e cosméticos antes do encontro com o rei.Fontes: Hegai · o próprio texto bíblico
  • Enquanto estava sentado à porta do palácio, Mardoqueu descobriu uma conspiração de dois guardas, Bigtã e Teres, para assassinar o rei Assuero. A rainha Ester relatou a traição em nome de Mardoqueu, e o fato foi formalmente registrado nas crônicas reais.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Susa · Hoje: Shush · 32.189, 48.258 · versículos 3, 5, 8
  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 6
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 6

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.