Nations Bible

Efésios 2

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Du'a Keessaa Gara Jiru'uu Dabaruu

1Isin sababa yakka'aa fi cubbuu teessaniitiif duutaneertaniiyyu. 2Yennaa san isin karaa hamaa biyya lafaa gula deentane; ayyaana amma kolbaa Waaqaaf hin ajajanne toowatu, bulchaa hunnoota ayyaanota qilleensa keessaatiif ajajantane. 3Dhugumaan marti keennaayyuu akkuma isaanii halchaa foon keennaatii fi qalbii teennaa waan guutu mara hujataa, akkuma halchaa teennaatitti jiraanne. Nuuti akka dadama keennaatitti, akkuma namoota kaanii, mufii Waaqaa jala jirraayyu. 4Waaqi mararti'iin dureessaa ammoo, jaalala guddaa nu jaalate irraa ka ka'e, 5yakkaa teennaan yennaa nuuti duuneerruuyyuu, inni Kiristoosiin gara jiru'uu nu fide. Isin badhaadha Waaqaatiin fayyitaneertan. 6Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin isa woliin du'a keessaa nu kaasee, isuma woliin addee ol-gubba'aa keessa nu teessise. 7Durummaa badhaadha ifii ta hagana hin jedhanne, ta arjummaa ifiitiin karaa Kiristoos Yesuusiitiin nutti mudhise, baroota dhufulle mudhisiisaaf inni tana godhe. 8Isin badhaadha Waaqaatiin karaa dhugeeffanna'aatiin fayyitane malee, hujii teessaniinii moti; isiin tun kennaa Waaqaa ti. 9Akka nami tokkolle ittiin ifi hin jajne, huji'iinii moti. 10Nuuti hujii harka isaa waan teeneef, hujii inni duraan dursee qopheesse akka hunyuuf, Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin hujii dansa'aaf nu dade.

Karaa Kiristoosiitiin Tokko Te'uu

11Isin worri dhalootaan worra Yihudootaa hin te'in, Yihudoota harka namaatiin haqanqabaa qabattee, «Haqanqabaa qabanneerra» ifiin jettuun, «Worra haqanqabaa hin qabatin» jedhantanee waamamaa akka turtane qaabadha'a. 12Isin yennaa san Kiristoos irraa gargar baatanee, kolbaa Israa'eliitiif alagaa teetanee, gondooroo addii Waaqi kenneetiif orma teetanee, biyya lafaa tana keessatti addi'ii fi Waaqa malee akka leetane qaabadha'a. 13Amma ammoo, isin worri dur fagaattanee turtane, Kiristoos Yesuus woliin tokkummaa qabaachu'uun, dhiiga Kiristoosiitiin dhikaattaneertan. 14Kiristoos nageya keenna; dalleya diinumma'aa ka isaan gargar nu baaseeru dhiiga ifiitiin diigee, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'in kolbaa tokko godheera. 15Karaa kanaan nageya fidiisaaf, gosa lamaanuu irraa ka te'e nama haareya isa woliin wolii galu tokko dadiisaaf, Seera Yihudootaa ajajootaa fi aadaa seerotaa woliin diige. 16Fannoo irratti du'iisaan Kiristoos diinummaa isaanii balleesse; inni fanno'oon worra lamaanuu nafa tokko godhee Waaqaan wolitti araarse. 17Maarre Kiristoos dhufee worra Waaqa irraa fagaate, isin worra Yihudoota hin te'iniif, worra gara Waaqaa dhikaate, isin worra Yihudootaatiifille, Oduu Gammadaa ta nageyaa maraafuu lallabe. 18Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in, nuuti martinuu karaa Kiristoosiitiin Ayyaana tokkoon Abbaa bira geyiisa hin dandeenna.

19Tanaaf, isin worri Yihudoota hin te'in haganaa achi orma yookiin alaga'aa moti; isin amma miseensota maatii Waaqaatii fi kolbaa Waaqaatiin woliin nama biyya tokkoo ti. 20Isinille hundee ergantootii fi raagoti hundeessan irratti ijaarantaneertan; dhakaan roga qaccee ijaarsaalle Kiristoos Yesuus. 21Kiristoos Yesuusiin ijaarsi duudiin wolitti qabamee, Galma Waaqaa woyyicha te'iisaaf Gootta'aan guddata. 22Isinille isumaan worra dhibii woliin addee Waaqi Ayyaana ifiitiin jiraatu te'iisaan ijaaramiisatti jirtan.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Vivificados e aproximados

  • Efésios 2 dirige-se a leitores que estavam mortos em suas transgressões e pecados, conformando-se aos caminhos deste mundo e ao governante do poder do ar. Diz que Deus, rico em misericórdia, os vivificou com Cristo, os ressuscitou com ele e os fez assentar-se com ele nos lugares celestiais, e que foram salvos pela graça, por meio da fé, não por si mesmos, mas como dom de Deus, e não por obras, para que ninguém se glorie.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Efésios 2 lembra aos leitores que são gentios na carne que eram chamados incircuncisos pela assim chamada circuncisão, que o capítulo descreve como feita no corpo por mãos humanas. Diz que, naquele tempo, estavam separados de Cristo, alienados da cidadania de Israel e estranhos às alianças da promessa, sem esperança e sem Deus no mundo.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Efésios 2 chama o próprio Cristo de nossa paz: ele fez dos dois um só e derrubou a parede divisória da hostilidade, abolindo na sua carne a lei dos mandamentos e decretos, para criar em si um novo homem e reconciliar ambos com Deus num só corpo. Ele anunciou paz aos que estavam longe e aos que estavam perto, e por meio dele ambos têm acesso ao Pai por um só Espírito. Os leitores já não são estranhos nem estrangeiros, mas concidadãos dos santos e membros da família de Deus, edificados sobre os apóstolos e os profetas, com Cristo Jesus como pedra angular, e nele também eles estão sendo edificados juntos como um templo santo, morada de Deus no seu Espírito.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.