Eclesiastes 12
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Barri rakko'oo adoo hin dhufin, woggooti, ati, «Ana hin gammachiisanu» jettulle adoo hin dhikaatin, bara dargaggummaa teetii ka si dade qaabadhu. 2Ati yennaa dulloontu aduun, ifi, jiinii fi urjiin hin dukkanowan; duumensi bokkeyaa hin dabaru. 3Yennaa san harki keeti hin hollata; miilli keeti hin dadhaba; ilkaan keeti waan si irraa harca'uuf corqitee hin dandeettu; ilti teetille hubattee hin dhaggitu. 4Yennaa san gurri keeti dhage'uu hin dadhaba; yennaa wo nyaattulle corqiis hin dhage'amu; namooti yennaa sinbirreen woccu hin ka'an; qoonqoon woca isaanii ammoo sitti diqqoo dhage'ama. 5Yennaa san tarba bayiisa hin sodaatta; miilaan deemiisa guddoo hin sodaatta; rifeensi keeti akka daraaraa muka «Almond» jedhamuu adii hin te'a; yennaa ideentu akka korophiisaa hin tatabbitta; fedhiin teeti hin baddi. Achiin duuba ati gara mana keeti ka bara baraa hin deenta; kolbaan awwaala keetiif hin yaati. 6Jiruun teeti akka haachaba meeti'ii adoo hin citin yookiin akka qorii worqi'ii adoo hin cabin yookiin akka waan bisaaniin woraabbatanuu, madda biratti adoo hin bututin yookiin akka korboo bisaan boollaa ittiin woraabbatanuu, adoo hin cabin, 7biyyeen gara biyye'ee adoo hin deebi'in, hafuurrille gara Waaqa isa kennee adoo hin deebi'in ka si dade qaabadhu.
8Lallabaan, «Wonni martinuu bu'aa hin qaddu! Dhugumaan bu'aa hin qaddu!» jedha.
Yaada Buufataa
9Lallabaan qaroo waan te'eef, waan ifii beeku kolbaa barsiise; mammaassa hedduu itti yaadee, qorqoree, tarree galchee qopheesse. 10Inni jecha sirri'ii dhaggiisaaf qorqoree, waan dhugaa te'ee fi sirrii te'e barreesse. 11Jechooti qaroole'ee akka sibiila mutaa qotiyyoo ittiin oofanuu ti; jechooti isaanii ka wolitti qabamane, akka mismaara lixee seenee ti; jechi kun martinuu Waaqa tokkocha nu mara tissu irraa kennamane.
12Ilma kiyya, gorsa dhibii kanatti aanee jirulle fudhadhu! Kitaabota hedduu barreessiisille muummee hin qabu; kitaaba qorqortii baceessiis nama dadhassiisa.
13Amma wonni marti dhage'anteerti; muummeen waan maraa tana waan teeteef, Waaqa sodaadhu; ajaja isaa eeggadhu; hujiin namaa guddittiin tana. 14Waaqi hujii maraayyuu, dansaalle teetu yookiin hantuu, ta dhokaataatitti hujantelle, gara mura'aa hin fida.
Você sabia?
Lembrar do Criador e o Propósito da Vida
- Os versículos iniciais usam metáforas poéticas vívidas de uma casa em declínio e recipientes quebrados — como janelas que se escurecem, guardas trêmulos e um cântaro quebrado junto ao poço — para retratar o declínio físico da velhice e a aproximação da morte.Fontes: o próprio texto bíblico
- O Mestre é descrito como um educador que avaliou, investigou e organizou provérbios, comparando as palavras dos sábios a aguilhões afiados e a pregos bem fixados dados por um único Pastor.Fontes: o próprio texto bíblico
- O livro conclui que, apesar da produção infindável de livros e do cansaço físico causado pelo estudo, o dever essencial da humanidade é temer a Deus e guardar os Seus mandamentos diante do julgamento futuro.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org