Deuteronômio 32
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Ee ol-gubba'a ani hin dubbadha caqasa'a;
ee lafa atille jecha afaan kiyyaa dhage'i.
2Barsiisi kiyya akka bokkeyaa roobuu ti;
jechi kiyyalle akka fixeensa coccophuu ti.
Marra quunxu irratti akka tiifu'uu
lattuu irratti akka bokkeya jaba'aa roobuu ti.
3Ani maqaa Mootii Waan Maraa hin lallaba;
isinille guddinna Waaqa keennaa leellisa'a!
4Inni rassa'a,
hujiin isaa dhidhinna hin qaddu;
karaan isaa marti qajeela'a.
Inni Waaqa addatamaa hin dokonkorre;
Waaqa qajeela'a, balcha'alle'e.
5Isaan isa irratti hantuu waan hujaneef,
haganaa achi ijoollee isaatii moti;
isaan dhaloota jallaameyyi'ii fi micciirama'a.
6Ee isin kolbaa gowwoole'ee fi qarummaa hin qanne,
akki isin Mootii Waan Maraatiif deebittanu akkanaa?
Abbaan keessan ka isin dade,
ka isin hujee fi ka isin miidhasse isaa motii ree?
7Guyyoota durii qaabadha'a;
woggoota dhaloota heddu'uu hubadha.
Abbootii teessan gaafadha'a;
isaanille isinitti hin himan.
Maanguddoo teessan gaafadha'a;
isaanille isiniif hin diidessan.
8Waaqi Ol-Aanaan gosa biyya adda addaatiif,
dhaala isaanii yennaa kenne,
sanyii namaa mara yennaa addaan baase,
akka laakkossa kolbaa Israa'eliititti
meessaa gosa biyya adda addaatiif baase.
9Sababille qoodi Mootii Waan Maraa kolbaa isaa ti;
Yaaqoob dhaala isaa ti.
10Inni lafa goomolee keessa,
ona gammoojjii qiillee keessatti isa dhagge.
Inni wontee isaaf te'ee, isa kunuunsee,
akka gumaa ila ifii isa eege.
11Inni akka risaa mandhee ifii diigee,
ilmee ifii irratti gonboobee,
koola ifii isaan irratti badhisee,
isaan irratti kabbuutii fi
koola ifiitiin isaan ba'atuu ti.
12Mootii Waan Maraa qofattuu isa sooresse;
waaqi ormaa isa woliin hin jiru.
13Inni lafa koobotaa mara akka bulchu isa godhee,
midhaan ficha'aa isa nyaachise.
Rassaa keessaa damma isa nyaachisee,
dhakaa jabaa keessaa zayitii isaaf kenne.
14Dhadhaa looniitii fi aanan hoole'eetii fi re'e'ee
cooma buruusoo hoole'ee,
ta korbeeyyii hoolee Baashaaniitii fi re'e'ee
xaltaa qamadii dansa'aa woliin kenneef;
inni daadhii woynii dansa'aalle une.
15Yeshuuruun
gabbatee finqile.
Quufee, furdatee, cululuqe;
inni Waaqa isa dade lakkisee,
rassaa fayyinna ifii tuffate.
16Isaan waaqota ormaatiin
akka hinaafu isa godhanee,
battumma'aan isa aarsane.
17Isaan durriisota Waaqa hin te'iniif,
waaqota hin beenneef,
waaqota haareya
ka abbootiin isaanii hin sodaatiniif
ciincaa dhikeessane.
18Ati rassaa abbaa sii te'e lakkittee,
Waaqa jiruu sii kenne deete.
19Ilmaan isaatii fi ijoolleen durraa ta isaa
waan isa aarsaneef,
Mootiin Waan Maraa
tana dhaggee isaan tuffate.
20Inni, «Ani fuula kiyya
isaan hin dhoffadha;
muummeen isaanii
maan akka teetu hin ilaala;
isaan dhaloota micciiramaa,
ijoollee hin addatanne.
21Isaan waan Waaqa hin te'iniin akka
ani hinaafu na godhanee,
waaqota dharaa ifiitiin na aarsane.
Anille kolbaa tuffatanteen
akka isaan hinaafanu isaan hin godha;
kolbaa hubantii hin qannelle'een
isaan hin aarsa.
22Mufii tiyyaan ibiddi waan bobe'eef,
haga addee worri du'e jiruutitti hin guba.
Lafaa fi waan isiin baattu hin fixa;
hundee gaarotaalle hin guba.
23«Ani badii isaan irratti hin tuula;
daaya kiyya isaan irratti hin fixa.
24Ani beela isaan balleessitu
dhukkuba hamaa isaan fixuu fi
balaa isaanitti hin fida;
kalaadaa bineensotaa
hadhaa dhudhuufa'aa isaanitti hin erga.
25Karaa irratti
shallaagaan ijoollee isaanii hin fixa;
mana isaanii keessa bararaqi hin guuta.
Dargaggootii fi durri,
annoole'ee fi jaarsoleen hin dhumatan.
26Ani: Isaan bittinneessee,
akka nami isaan hin qaabanne
hin godha jedheeraayyu.
27Garuu nyaaphoti isaanii,
‹Irree teennaan injifanne malee,
tana mara Mootiin Waan Maraa hin goone› jedhanee
akka hin koorre diinota isaanii yaade.
28«Isaan qarummaa hin qabanu;
hubantiin isaan keessa hin jirtu.
29Isaan adoo qaroolee te'anee jiraatanee,
tana hubatanee, muummeen isaanii
maan akka teetu hin beekaniiyyu.
30Rassaan isaanii yoo isaan gurgure malee,
Mootiin Waan Maraa yoo isaan lakkise malee,
attamiin nami tokko nama kuma ari'uu dande'a ree?
Yookiin attamiin nami kum kudhan nama lama baqata?
31Rassaan isaanii akka rassaa keennaatii moti;
diinoti keennaayyuu tana hin mormanu.
32Muki woynii isaanii woynii Sodoomii irraa
fichaa Gomora'aa keessaa waan dhufuuf,
midhaan woynii isaanii hadhaa qaba;
unkuruurri woynii isaanii hin hadhowa.
33Daadhiin woynii isaanii
akka hadhaa dhudhuufa'aatii fi
akka hadhaa buutii hantu'uu ti.
34Tun na biratti wolitti qabanteertii motii ree?
Mana kuusa'aa kiyya itti cufee
chaappaa itti dhoweeraa motii ree?
35Haluun tiyya; ka haluu bayu ana;
yennaa miilli isaanii mucucaatutti jira;
Guyyaan badii isaanii waan dhikaateef,
muraan ariifattee isaanitti hin dhutti» jedhe.
36Garbooleen yookiin ka garboolee hin te'in
nami tokkolle adoo hin hafin,
hunni isaanii akka dhumatte yennaa dhagge,
Mootiin Waan Maraa
kolbaa ifiitiif hin mura;
tajaajiltoota ifiitiifille hin marara.
37Inni, «Waaqoti isaanii,
rassaan isaan itti baqatanu,
38ka cooma ciincaa isaan dhikeessanu nyaatanu,
ka kennansa daadhii woynii isaaniille unanu,
ka'anee isaan qarqaaranuu ti me!
Gollaa isaaniif te'anuu ti me!
39«Amma ilaala'a; Waaqi anuma;
ana malee Waaqi dhibiin hin jiru.
Ani hin ijjeesa; hin jiraachisalle'e;
ani hin madeessa; hin fayyisalle'e;
harka kiyya keessaa ka baasuu dande'u hin jiru.
40Ani harka kiyya gara ol-gubba'aa kaasee,
‹Ani haga bara baraa jiraata'a› jedhee daadimadhe.
41Shallaagaa kiyya balaqqisaa qaradhee,
harki kiyya mura'aaf yennaa isa qabatu,
ani diinota kiyya haluu hin baya;
worra na jibbuufille gatii hin kenna.
42Daaya kiyya,
dhiiga mataa sooressitoota diinotaa worra qalameetii fi
worra booji'ameetiin hin macheessa;
shallaagaan kiyyalle
foon diinotaa hin nyaata» hin jedha.
43Inni dhiiga tajaajiltoota ifii baasee,
diinota ifiille haluu bayee,
kolbaa ifiitii fi lafa ifiitiif
gumaa cubbu'uu waan godheef,
ee gosa biyya adda addaa
kolbaa isaa woliin gammada'a.
44Muuseen Iyaasuu ilma Nunii woliin dhufee, jecha faaruu tanaa mara kolba'aaf dubbise. 45Muuseen jecha kana mara kolbaa Israa'elii maraaf dubbisee fixeen duuba, 46isaaniin, «Jecha seera kanaa mara, ijoolleen teessan akka dansaa akka eegattu, akka isaan ajajjanu jecha ani adha isinitti himu kana mara gadhaa keessanitti qabadha'a; 47jechi kun ka jiruu isiniif kennu malee, ka bu'aa hin qannee moti; jecha kanaan isin laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabatu'uuf jirtanu keessa bara dheeraa hin leetan» jedhe.
Duuti Muuse'ee Durfamee Himame
48Guyyuma san Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 49«Gaarota Abaariimii keessaa, gara gaara Neboo, ka lafa Mo'aabii ta fuullee Yeriko'oo jirtu keessa jirutti ol bayiitii, lafa Kana'aanii ta ani Israa'elootaaf kennu san ilaali. 50Akkuma obboleessi keeti Aaron gaara Hoorii irratti du'ee, abbootii ifii ta durii bira dhaqe, atille gaara itti ol baatu san irratti duutee, abbootii teeti ta durii bira hin dhaxxa. 51Tun isin lamaanuu Israa'eloota duratti bisaan Mariiba'aa ka qachaa Qaadeshii biratti, goomolee Ziinii keessatti waan na yakkitanee fi Israa'eloota oddu'utti woyyummaa tiyya waan hin ulfeessiniif tun teeti. 52Tanaaf ati lafa san ifiin duratti hin dhaggita malee, lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kennu sanitti hin galtu» jedhe.

Você sabia?
O Cântico de Moisés e a Vista do Monte Nebo
- Moisés, acompanhado por Josué, filho de Num, recitou este longo poema profético diante de toda a congregação de Israel. O cântico emprega repetidamente a metáfora de Deus como a Rocha fiel, contrastando o cuidado divino no deserto com advertências sobre a futura idolatria e infidelidade do povo.Fontes: o próprio texto bíblico · Joshua · Nun
- O poema faz referência à maldade proverbial de Sodoma e Gomorra, comparando a corrupção e a hostilidade dos adversários a uvas venenosas e veneno mortal. Na tradição bíblica, essas antigas cidades destruídas pelo fogo tornaram-se símbolos exemplares de ruína e julgamento.Fontes: o próprio texto bíblico · Sodom · Gomorrah
- Logo após proferir o cântico, Moisés recebeu a ordem de subir ao monte Nebo, na cordilheira de Abarim em Moabe, para contemplar a terra de Canaã. Devido ao episódio nas águas de Meribá-Cades, ele morreria ali no monte sem atravessar o Jordão, assim como seu irmão Arão havia falecido no monte Hor.Fontes: o próprio texto bíblico · Mount Nebo · Aaron
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Bashan · 32.781, 35.935 · versículo 14
- Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 47
- Abarim · 31.754, 35.715 · versículo 49
- Canaan · 32.767, 35.333 · versículo 49
- Jericho · Hoje: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · versículo 49
- Moab · Hoje: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículo 49
- Meribah · Hoje: Ain el Qudeirat · 30.648, 34.422 · versículo 51
- Zin · Hoje: Zin Desert · 30.971, 35.325 · versículo 51
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org