Nations Bible

Deuteronômio 15

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Woggaa Liqaan Namaaf Itti Lakkifamu

1Dhuma woggaa torbeesso'ootitti liqaa worra si irraa liqeeffatee lakkisiif. 2Akki ati liqaa namaaf lakkittu asii gad jira; Mootiin Waan Maraa liqaan akka namaaf lakkifamu waan lasseeruuf, nami liqeessu marti, obboleessa ifii nama Israa'eliitiif liqaa liqeesse isaaf lakkisuu ti. 3Liqaa ormaaf liqeessite gaafatuu hin dandeetta; liqaa obboleessi keeti nami Israa'elii si irraa liqeeffate maraayyuu lakkisiif.

4Te'uu malee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf, sii kennu keessatti, guddoo waan si eebbisuuf, odduu teeti hiyyeessi hin jiraatu. 5Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yoo ajajante, ajaja ani adha sii kennu kana maralle miidhassitee yoo eegatte qofa tun sii teeti. 6Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma waadaa sii gale waan si eebbisuuf, ati gosa biyya adda addaa heddu'uuf hin liqeessita malee, eennu irralle'ee hin liqeeffattu. Ati gosa biyya adda addaa hedduu hin bulchita malee, eennulle si hin bulchu.

7Obboleessi keeti Israa'elichi qachoota lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessa worra le'anu keessaa nami tokko hiyyeessa yoo te'e, inni obboleessa keeti waan te'eef, gadhaa itti jabaattee, isa qarqaaruu hin didin. 8Tanaa mannaa, arjoomiitii haga isaaf barbaachisu mara liqeessiif. 9Ati, «Woggaan torbeesso'oo ka liqaan namaaf itti lakkifamu geyeera» jettee, yaad hamaan qalbii teeti keessa seenee, obboleessa keeti dhabaa sanitti gadhaa jabaattee, adoo isaaf woy hin kennin hin hafin; innille gara Mootii Waan Maraa iyyee, ati yakkaamessa akka hin teene ifi eegadhu. 10Ati yennaa isaaf kennitu gammadaan kenniif malee hin qucuucamin. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii teeti maraa fi waan harki keeti tuqe maraan si hin eebbisa. 11Worri hiyyeeyyiin yoomille lafa irraa hin dhabamu. Tanaaf, ani obboleeyyan teeti Israa'elootaaf, worra hiyyeeyyi'ii fi worra rakkataa lafa teeti keessaatiif akka kennitu si ajaja.

Garboolee Bilisa Baasuu

12Sanyii Ibrootaa keessaa dhiirti yookiin dubartiin yoo sitti gurguramane, nami sitti gurgurame sun woggaa jaa si tajaajiluu ti; woggaa torbeesso'oo keessa nami sun si irraa bilisa bayuu ti. 13Yennaa inni si irraa bilisa bayu, ati harka duwwaa isa hin lakkisin. 14Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si eebbisetti hoole'ee fi re'ee teeti keessaa, midhaan eeddummee teeti keessaatii fi daadhii woyni'ii teeti irraa isaaf kenni. 15Ati biyya Gibxi'ii keessatti garba teeteertuun, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti bilisa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani adha si ajaja.

16Garbichi keeti sun ammoo, si bira tee'iisi waan isatti toleef, si'ii fi maatii teeti waan jaalateef, «Ani si biraa hin deemu» yoo siin jedhe, 17gara balbala mana keetii geessiitii, muta'aan gurra isaa uri; achiin duuba inni bara jiruu ifii garbicha keeti hin te'a. Garbittii teetille akkasuma godhi. 18Yennaa bilisa isa baattu, tajaajilaan qaxarame tokko woggaa jaa ka sii huju caalaa dachaa lama, waan sii hujeef, isa bilisa baasuun sitti hin ulfaatin. Ati tana godhi; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti waan ati gootu maraan si hin eebbisa.

19Loon keeti keessaa jiboota, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa korbeeyyii qara dhalatanu, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif adda baasi. Jiboota qara dhalatteen hin qotin; korbeeyyii hoole'ee ta qara dhalatte rifeensa irraa hin murin. 20Addee Mootiin Waan Maraa filatutti atii fi maatiin teeti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti woggaa wogga'atti jibootaa fi korbeeyyii san hin nyaattan. 21Horiin sun ammoo fafa tokko yoo qabaate, naafa yookiin ballaa yookiin fafa hamaa yoo qabaate, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif hin ciincessin. 22Horii akkasii kana qachuma keessan keessatti akkuma buddanne'ee yookiin akkuma gadansaa nyaatuu hin dandeettan. Akka aadaa dhugeeffanna'aatitti nami qulqulluu te'e yookiin ka qulqulluu hin te'inille nyaatuu hin dande'a. 23Dhiiga horii sanii ammoo, akkuma bisaanii lafatti dhangalaasa'a malee hin nyaatina'a.

Você sabia?

Dívidas, Servos e Ofertas de Primogênitos

  • A cada sete anos, os israelitas deviam perdoar as dívidas de seus compatriotas. Os credores foram expressamente advertidos a não negar empréstimos apenas porque o sétimo ano de remissão estava se aproximando.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Os servos hebreus que completavam seis anos de serviço deviam ser libertados no sétimo ano e supridos generosamente com rebanhos, cereais e vinho. Se o servo escolhesse ficar voluntariamente por afeição à casa, o senhor furava a orelha dele contra a porta com uma sovela como sinal de servidão permanente.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Os machos primogênitos do gado e dos rebanhos eram consagrados a Deus e não podiam ser postos a trabalhar nem tosquiados. Os animais sem defeito eram consumidos anualmente no santuário escolhido, enquanto os que tinham defeitos podiam ser comidos em casa por qualquer pessoa.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 15

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.