Nations Bible

Deuteronômio 11

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Bu'aa Ajajamiisaa

1Mootii Waan Maraa Waaqa keeti jaaladhu; waan inni si irraa barbaadu seerata, seeraa fi ajajoota isaa yennaa mara eegadhu. 2Adabbii Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii: Guddinna isaa, hunna jadduu isaa, irree isaa ta inni diriirse, dhaggitee ta beette ijoollee teessan adoo hin te'in, isin akka teetane adha qaabadha'a; 3bilbaasotaa fi waan inni biyya Gibxi'ii keessatti mooticha Gibxi'iitii fi biyya isaa duudii irratti godhe, 4yennaa isaan isin ari'iisatti jiranu, loltoota worra Gibxi'ii, fardoo isaaniitii fi garreettaa isaanii ka fardaan harkifamu waan inni godhe, attam akka inni bisaan abbaayaa Diintu'uu isaanirra garagalche, Mootiin Waan Maraa attam akka isaan balleesse, sababa saniif haga adhaa akka isaan farrane qaabadha'a. 5Haga isin as geettanutti, waan inni goomolee keessatti isinii godhe ka dhagge, ijoollee teessanii moti. 6Gosa Ruubenii keessaa ilmaan Eliiyaabii Daataanii fi Abiiramii waan inni godhe, Israa'eloota wodhakka'atti, latti afaan ifii banattee, maatii isaanii, dunkaanii isaaniitii fi horii isaanii akka liqinsite isaan hin dhaggine. 7Ilti teessan ammoo waan gugurdoo Mootiin Waan Maraa godhe dhaggiteerti.

8Maarre laga Yordaanosii gamatti buutanee, lafa dhaaltanutti galiisaaf, qabatiisaafille jabeenna akka qabaattanu, ajajoota ani adha isinii kennu kana mara eegadha'a. 9Yoos, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessan ta duriitii fi sanyii isaaniitiif kenniisaaf kakate, lafa aananii fi dammaa san keessa bara dheeraa hin leetan. 10Latti ati itti galtee qabattu, akka lafa Gibxi'ii ta ati keessaa baatee dhuttee, ta yennaa midhaan itti facaafattu, akka addee oorru'uu, miilaan deddeebitee, bisaan obaafattuu moti. 11Latti isin laga Yordaanosii gamatti buutanee qabattanu ammoo, lafa gaaraa fi dhooqa qaddu ta ol-gubbaa irraa roobi itti roobu. 12Lafa tana ka kunuunsu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ilti Mootii Waan Maraa ta Waaqa keetii jalqaba wogga'aatii haga dhuma wogga'aatitti yennaa mara isii toowatti.

13Maarre ati ajajoota ani adha sii kennu kana addatamumma'aa yoo eegatte, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti jaalattee, gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin yoo isa tajaajilte, 14akka ati midhaan keeti, woynii teetii fi zayitii ejersaa teeti galfattu, inni lafa teeti irratti yennaa yennaa isaatitti rooba gannaatii fi hageyyaa hin roobisiisa. 15Inni horii keetiif diida keessatti marra hin kenna; atille waan nyaattee quuttu hin qabaatta. 16Ifi sossoddee yookiin duubatti deebitee waaqota dhibii akka hin waaqonfannee fi akka isaaniif hin saganne ifi eegadhu. 17Yoo tana gootane, Mootiin Waan Maraa isinitti aaree, ol-gubbaa cufee bokkeenni akka hin buunee fi latti midhaan akka hin kennine hin godha. Isinille lafa dansaa Mootiin Waan Maraa isinii kennu irraa yoosuma hin baddan.

18Jechoota kiyya kana gadhaa keessanii fi qalbii teessan keessatti qabadha'a; qaabbii akka isinii teetu harka keessan irratti hidhadha'a; adda keessan irralle'etti keyadha'a. 19Ijoollee teessanille barsiisa'a. Yennaa mana teettanu, yennaa karaa deentanu, yennaa irkattanu, yennaa kaatanulle marroo jechoota kanaa haasowa'a. 20Mikikkila balbala mana keessaniitii fi karra dalleya keessanii irratti barreessa'a. 21Yoo tana gootane, barri keessanii fi barri ijoollee teessanii lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessanii kenniisaaf kakate keessatti akka bara ol-gubbaa lafaan gubba'aa hin dheerata.

22Ajajoota ani isinii kennu kana akka dansaa yoo eegattane, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan yoo jaalattane, karaa isaa mara irra yoo deentane, isatti yoo maxxantane, 23Mootiin Waan Mara gosa biyya adda addaa tana mara isin duraa ari'ee baasee, isinille gosa biyya adda addaa ta isin caalaa bacattuu fi hunna qaddu akka isaan lafa san irraa ka'anu hin gootan. 24Addeen miilli keessan ijjatu marti teessan hin teeti: Meessaan lafa teessanii goomolee irraa ka'ee haga Libaanoniititti, akkasuma laga Efraaxiisii irraa ka'ee haga abbaayaa Mediteraaniya'aatitti hin badhata. 25Nami isin dura dubbatiisa dande'u hin jiru. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akkuma waadaa isinii galetti, addee isin dhaxxanu duudi'itti akka isin sodaatanee bararaqanu hin godha.

26Kunoo, ani adha eebbaa fi abaarsa isin dura keya. 27Ajajoota Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii ka ani adha isinii kennu mara yoo eegattane, hin eebbifantan. 28Ajajoota Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii yoo eegatuu diddane, karaa isaa ka ani adha isin ajaju kana irralle'ee yoo gortane, waaqota dhibii worra dur hin beenne yoo waaqonfattane, hin abaarantan. 29Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati itti galtee dhaaltutti yennaa si galche, gaara Geriiziimii irraa eebba, gaara Ebaalii irraa abaarsa hin lalladda. 30Gaaroti kun Yordaanosiin gama, lafa Kana'aanota Arabaayi keessa le'anu keessa, karaa gara aduun seentu jiru, gara seensa adu'uutiin, fuullee qachaa Giilgalii, qilxaa Mooree biratti dhaggamanii motii ree? 31Isin lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti galtanee fudhatiisaaf, laga Yordaanosii gamatti marroo buutanuuf, yennaa isii fudhattanee keessa leetanu, 32seerataa fi seera ani adha isinii kennu mara muummessiisaaf ifi eegadha'a.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Amor, Obediência e a Terra das Chuvas

  • Moisés contrasta a agricultura no Egito com a vida na Terra Prometida. Enquanto a agricultura no vale plano do Nilo dependia da irrigação manual, descrita como regar a pé como uma horta, Canaã era uma terra de montes e vales que dependia inteiramente das chuvas sazonais de outono e primavera.Fontes: o próprio texto bíblico · Egypt
  • O discurso apela diretamente à memória viva dos israelitas, lembrando-os do julgamento sobre Datã e Abirão, filhos do rubenita Eliabe. Durante a caminhada no deserto, a terra se abriu e engoliu esses homens com suas famílias e tendas.Fontes: o próprio texto bíblico · Dathan · Abiram (son of Eliab) · Eliab
  • A extensão da terra prometida ao povo é descrita desde o deserto meridional até os montes do Líbano, e desde o rio Eufrates até o mar Ocidental. Ao atravessarem o Jordão, a comunidade deveria proclamar as bênçãos sobre o monte Gerizim e as maldições sobre o monte Ebal.Fontes: o próprio texto bíblico · Lebanon · Euphrates · Jordan

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 3, 4, 10
  • Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículos 8, 11, 30, 31
  • Euphrates · Hoje: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículo 24
  • Great Sea · Hoje: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · versículo 24
  • Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 24
  • Mount Ebal · 32.234, 35.273 · versículo 29
  • Mount Gerizim · 32.199, 35.273 · versículo 29
  • Arabah · 30.417, 35.151 · versículo 30
  • Moreh · Hoje: within 1 km of Tell Balatah · 32.214, 35.282 · versículo 30

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.