Nations Bible

Daniel 3

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Nabukadnezaar Akka Nami Duudiin Fakkii Worqi'ii Waaqonfatu Ajaje

1Mootichi Nabukadnezaar fakkii worqi'ii ta hojjaan isi'ii ciqilee jaatamaatii fi badhinni isi'ii ciqilee jaa hujisiisee, kutaa biyya Baabilonii keessaa dirree afaan isaaniitiin, «Duraa» jedhantu keessa dhaabe. 2Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitooti, gorsitooti, worri beesee qabatu, abbootiin mura'aa, abbootiin seeraatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa keessa jirtu duudiin eebba fakkii inni dhaabee irratti akka dhaggamanuuf waansise. 3Maarre sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, gorsitooti, worri beesee qabatu, abbootiin mura'aa, abbootiin seeraatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa keessa jirtu duudiin, eebba fakkii mootichi Nabukadnezaar dhaabeef wolitti qabamanee fakkii san dura dhaabbatane. 4Achiin duuba nami lassii lassu qoonqoo guddo'oon, «Ee kolbaa heddu'u, gosi biyya adda addaatii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattanu duudiin dhage'a'a! 5Yennaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii dhageettanu, fakkii worqi'ii ta mootichi Nebukadnezaar dhaabeef gad jiga'aatii sagada'a. 6Nami gad jigee hin saganne yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa darbama» jedhe. 7Tanaaf isaan duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii akkuma dhage'aneen, kolbaan duudiin, gosi biyya adda addaatii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu, fakkii worqi'ii ta mootichi Nebukadnezaar dhaabeef gad jiganee sagadane.

Jaaloti Daani'elii Sadiin Himatamane

8Yennaa san worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara mootichaa dhikaatee, Yihudoota himate. 9Isaan mooticha Nebukadnezaariin, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! 10Ee mooticha, ati ‹Nami duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhage'u fakkii worqi'iitiif jigee sagaduu ti; 11eennulle nami jigee hin sagadin bobe'a ibiddaa keessa darbamuu ti› jettee ajaja baatteerta. 12Worri Yihudootaa ka ati kutaa biyya Baabilonii akka bulchanuuf muudde, Shaadraak, Meshaak fi Abed-neegoon, ajaja keeti hin muummessanu; isaan waaqota keeti hin tajaajilanu, hin waaqonfatanulle'e» jedhane.

13Mootichi Nebukadnezaar yennaa tana dhage'e guddoo aaree, Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo gara isaa akka fidanu ajaje; isaanille mooticha duratti isaan dhikeessane. 14Nebukadnezaar isaaniin, «Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neego'o! Isin dhugumaan waaqota kiyya hin tajaajiltanuu? Fakkii worqi'ii ta ani dhaabelle hin waaqonfattanuu? 15Ammaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhageettanu, fakkii worqi'ii ta ani dhaabeef sagaddanee yoo waaqonfattane guddoo dansa'a. Yoo isi'iif sagaduu dhaddane ammoo, yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa hin darbatantan; waaqi harka kiyya keessaa isin baasu dande'u eennu?» jedhe.

16Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoon mootichaan, «Ee Nebukadnezaar, waan kana irratti nuuti deebii falmataa siif kennuu hin barbaachisu. 17Ee mooticha, nuuti bobe'a ibiddaa keessatti yoo darbatanelle, Waaqi nuuti tajaajillu nu baasuu hin dande'a; harka keeti keessalle'ee nu hin baasa. 18Yoo nu baasuu dhabelle, nuuti waaqota keeti akka hin tajaajille, fakkii worqi'ii ta dhaaddelle akka hin waaqonfanne beeki» jedhane.

Jaaloti Daani'elii Sadiin Bobe'a Ibiddaatitti Darbatamane

19Achiin duuba Nebukadnezaar guddoo aaree, fuulli isaalle Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neego'otti jijjiirame; inni bobe'a ibiddaa ka dur gabbatu caalaa dachaa torba akka gabbisanu ajaje. 20Inni loltoota ifii keessaa worri jajjabi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo hidhanee, bobe'a ibiddaatitti akka darbanuuf ajaje. 21Maarre namooti sadiin sun akkuma uffatanee jiranuun woyaa isaanii, lukee isaanii, marata mata'aa woliin hidhamanee, bobe'a ibiddaatitti darbamane. 22Ajaji mootichaa jabaa waan te'eef, ibiddi akka malee gabbatiisatti waan jiruuf, bobeenni ibiddaa worra Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo geessee ibiddatti darbe gubee ijjeese. 23Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoon isaan sadiinuu akkuma hidhamanee jiranuun bobe'a ibiddaa san keessatti jigane.

24Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar maadeffatee ariifatee ol ka'ee, «Namooti nuuti hiinee ibidda keessa darbine sadii motii?» jedhee gorsitoota ifii gaafate.

Isaanille deebisanee mootichaan, «Eeti'i» jedhane.

25Innille deebisee, «Ani ammoo kunoo, namooti afur hiikamanee, adoo hin miidhamin ibidda keessa deddeemanuun dhagga; ka arfeesso'oolle ilma waaqotaa fakkaata» jedhe.

Namooti Sadiin Ibidda Keessaa Bayanee Bulchitoota Te'ane

26Nebukadnezaar gara balbala bobe'a ibiddaa dhikaatee, «Isin tajaajiltoota Waaqa ol-aana'aa Shaadraak! Meshaak! Abed-neego'o! Kowa'a as baya'a!» jedhe. Isaanille ibidda keessaa bayane. 27Sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti mana mootumma'aa adaala isaaniititti wolitti qabamanee, ibiddi nafa namoota sanii akka hin miidhin, rifeensi mataa isaanii akka hin gubatin, woyaan isaanii akka hin gubatinii fi fooleen ibiddaatuu akka isaan irraa hin dhowin dhaggane.

28Achiin duuba Nebukadnezaar, «Waaqi Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo ka ergamaa ifii ergee, tajaajiltoota ifii ta isatti addattu ka baase eebbifamuu ti. Isaan Waaqa ifiititti addatanee, ajaja mootichaa didanee, Waaqa ifii malee, waaqota dhibii tajaajiliisa yookiin waaqonfatiisaan irra, nafi isaanii akka gubatuuf dabarsanee kennane.

29«Tanaaf akka kana ka baasuu dande'u waaqi dhibiin waan hin jirreef, kolbaan, gosi duudi'ii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu duudiin, ta Waaqa Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo faanshessitu, harkii fi miilli isaanii cicciramee, manni isaanii diigamee tuulaa kosi'ii akka te'uuf, ani ajaja baaseera» jedhe. 30Achiin duuba Mootichi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo kutaa biyya Baabilonii irratti bulchitoota godhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A estátua de ouro e a fornalha ardente

  • A planície de Dura, cujo nome significa "o círculo", localizava-se perto da Babilônia, onde o rei Nabucodonosor ergueu uma estátua de ouro com sessenta côvados de altura e seis de largura. Em um dos montes daquela região, foi encontrada a base de uma estátua colossal, considerada por estudiosos como o provável pedestal dessa imagem.Fontes: Dura · o próprio texto bíblico
  • Sadraque e Mesaque eram nomes babilônicos atribuídos aos jovens hebreus cativos Hananias e Misael, que haviam sido instruídos na Babilônia e nomeados sobre os negócios da província. Apesar de seus cargos oficiais, eles e seu companheiro Abede-Nego preferiram enfrentar a fornalha ardente a adorar a estátua de ouro do rei.Fontes: Shadrach · Meshach · o próprio texto bíblico
  • O rei Nabucodonosor, cujo nome babilônico significa "Nebo, protege a coroa!", foi o poderoso monarca que sucedeu seu pai Nabopolassar. Em suas inscrições, ele se autodenominava o "favorito de Nebo", evidenciando a religião politeísta babilônica diante da qual os três hebreus se recusaram a se curvar.Fontes: Nebuchadnezzar · o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 1, 12, 30
  • Chaldea · 30.962, 46.104 · versículo 8

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.