Nations Bible

Daniel 12

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Bara Muumme'ee

1Ergamaan Waaqaa ka natti dubbate sun, «Yennaa san Mikaa'el sooressi guddichi kolbaa teeti eegu hin ka'a; achiin duuba haga gosi biyya adda addaa lafa irra jiraatteen jalqabee, farri guddoon teetee hin beenne hin teeti; yennaa san ammoo kolbaan biyya teeti, worri maqaan isaanii kitaaba keessatti barreeffame dhaggame farra san jalaa hin bayan. 2Worri hedduun du'ee awwaalameeru, gariin jiruu bara baraatiif, gariin salphinna bara baraatiif hin ka'an. 3Worri qarooleen akka ifa gubba'aa hin ifan; worri worra hedduu gara balchumma'aa deebise haga bara baraa akka urji'ii hin ifan.

4«Ati ammoo Daani'el, haga bara muumme'eetitti, kitaaba san cufii chaappaa itti dhowiitii, dubbii tana dhossii qabadhu; worri hedduun beekkumsa ede'atiisaaf, asii fi achi hin daaqan» jedhe.

5Achiin duuba ani Daani'el ergantooti dhibiin lamaan tokko irga lagaa gamaan, kuun irga lagaa gamanaan dhaabbataneeranuun dhagge. 6Isaan keessaa tokkochi ka woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, bisaan lagaatiin gubbaa dhaabbateeruun, «Wonni maade'ee kun yoom muummotti?» jedhe.

7Ka woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, bisaan lagaatiin gubbaa dhaabbateeru sun, harka ifii gara ol-gubba'aa kaasee, maqaa Waaqa bara bara le'uutiin kakatee, «Woggaa sadiif gamisatti teeti; hunnaa kolbaa Waaqaa caccassiisi yennaa dhaabbattu wonni kun marti hin muummotti» jedhe.

8Ani waan inni jedhe dhage'e; ammoo hin hubanne. Tanaaf, «Ee, Goottaa kiyya, wonni kun marti teeteen duuba maanti te'a ree?» jedhee gaafadhe.

9Innille deebisee, «Daani'el, haga bara muumme'eetitti, dubbiin tun dhossa'aan qabantee, chaappaan itti waan dhowameeruuf, ati deem. 10Worri hedduun qulluu te'anee, qulqulloomanee hin dhimbiibaman; worri hamooleen ammoo hammeenna irratti hammeenna hujan. Worra hamoolee keessaa tokkolle ka woy hubatu hin jiru; worri qarooleen ammoo hin hubatan.

11«Ciincaa guyyaa guyya'aan dhikaatu akka hafu godhanee, farri badi'iille akka dhaabantu haga godhaneen jalqabee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaaf sagaltam hin dabara. 12Guyyaa kuma tokkoo fi dhibba sadii soddomii shan, nami addatamummaan ture hin gammada.

13«Atille Daani'el, haga muumme'eetitti ka addatante te'i; achiin duuba hin duuta; bara muumme'eetitti ammoo, qooda keeti fudhatiisaaf hin kaata» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O tempo do fim e a libertação final

  • O texto bíblico identifica Miguel como o grande príncipe e anjo principal que guarda e vigia o povo de Israel. Nessa visão final, seu surgimento coincide com um período de angústia sem precedentes, após o qual todos os inscritos no livro recebem livramento.Fontes: o próprio texto bíblico · Michael
  • Daniel 12 apresenta uma passagem explícita sobre a ressurreição individual, afirmando que muitos que dormem no pó da terra acordarão, uns para a vida eterna e outros para vergonha e desprezo eterno. Daniel recebe então a ordem de selar o livro até o tempo do fim.Fontes: o próprio texto bíblico
  • A visão se encerra às margens de um rio, onde aparecem figuras em margens opostas e um homem vestido de linho paira sobre as águas. Ao ser questionado sobre os prazos, o homem ergue ambas as mãos ao céu e jura por Aquele que vive para sempre sobre os dias do cumprimento.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.