Daniel 10
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Mudhii Daani'el Laga Xeegrosii Biratti Dhagge
1Qiiros biyya Faaresiititti mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti, mudhiin takka Daani'elii Belxishaazaar jedhamutti mudhatte. Mudhiin sun ta dhuga'aa ti; isiin marroo lola gudda'aa ta beessittu; inni mudhii san akka hubatuuf, mudhi'iin hubantiin isaaf kennante.
2Yennaa san ani Daani'el torbaan sadiif gadda irra jiraayyu. 3Torbaan sad haga dabartutti ani sagalee dansaa hin nyaanne; foonii fi daadhii woyni'ii afaaniin hin qanne; waan iffatanulle fuula yookiin mataa hin iffanne.
4Ji'a qaraa guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, ani laga Xeegrosii guddicha bira dhaabbadhee, 5yennaa ol ilaale, namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, hidha ifii hiituu worqi'iitiin hidhate tokko dhagge. 6Nafi isaa akka dhakaa, «Beerilos» jedhamuu issa; fuulli isaa akka balaqqeetti'ii calaqqisa; ilti isaa bobe'a ibiddaa fakkaatti; harkii fi miilli isaa akka sageettuu morodantee cululuqa; qoonqoon isaa akka qoonqoo kolbaa heddu'uu ti.
7Ana Daani'el calla'attuu mudhii tana dhagge malee, worri na woliin jiru hin dhaggine; ammoo guddoo waan sodaataneef, baqatanee dhokatane. 8Maarre ani qofii tiyya hafee mudhii guddoo tana dhagge; ani jabeenna dhabee, fuulli kiyya shankallowee, hunnalle dhabe. 9Achiin duuba qoonqoo namichaa dhage'e; yennaa qoonqoo isaa dhage'e, rifadhee fuulaan lafatti jigee, ifi wollaale. 10Achiin duuba harki tokko na tuqee, ani rorommaa harkaan lafa qabadhee, jilba kiyyaan akka jilbiiffadhu na godhe.
11Ergamaan Waaqaa sun anaan, «Ee Daani'elii guddoo jaalatante, ani gara keeti waan ergameef, dubbii ani sitti dubbadhu akka dansaa hubadhu; addee jirtutti ol ka'ii dhaabbadhu» naan jedhe; yennaa inni dubbii tana natti dubbate, ani rorommaa ol ka'ee dhaabbadhe.
12Achiin duuba inni anaan, «Ee Daani'el, hin sodaatin. Guyyaa ati hubantii dhaggatiisaaf, Waaqa duratti ifi gad qabiisaaf murteessiteen jalqabee, daadimati keeti dhage'ameera; daadimati keeti waan dhage'ameef, ani gara keeti ergamee dhufe. 13Sooressi guddichi ka mootummaa Faaresii, guyyoota diddamii tokko anaan morme; achiin duuba Mikaa'el sooressi sooressitootaa, qofi hafiisa kiyya dhaggee na qarqaariisaaf dhufe. 14Mudhiin sun marroo guyyoota gara duraa waan mudhittuuf, guyyoota muumme'eetitti waan kolbaa teeti dhaqqabu'uu jiru, si hubachiisiisaaf ani gara keeti dhufe» jedhe.
15Yennaa inni tana natti dubbate, ani lafa ilaalee dubbatiisa dadhabe. 16Achiin duuba ergamaan ilmaan namaa fakkaatu tokko, hidhii tiyya tuqe; anille afaan kiyya banadhee dubbadhee, ka na dura dhaabbateeru saniin, «Ee goottaa kiyya, sababa mudhii tanaatiin guddoo farree, hunna dhabeera. 17Ani hunna dhabee, hafuurri na keessaa waan dhumateef, ani tajaajilaan keeti, attamiin si goottaa kiyya woliin dubbatiisa dande'a ree?» jedhe.
18Ammalle ergamaan ilmaan namaa fakkaatu sun, na tuqee na jabeessee, 19«Ee nama guddoo jaalatante, hin sodaatin; nageenni siif te'u; jabaadhu, jajjabaadhu» jedhe.
Yennaa inni natti dubbate, ani jabaadhee, «Ee goottaa kiyya, ati waan na jabeessiteef dubbadhu» jedheen.
20Achiin duuba inni anaan, «Ani maaf gara keeti akka dhufe hin beettaa? Ani ammalle sooressa guddicha Faaresii loliisaaf achi hin deebi'a; ani deemeen duuba sooressi guddichi Giriikii hin dhufa. 21Ani ammoo dursee, waan Kitaaba Dhuga'aa keessatti barreeffame sitti hima; Mikaa'elii sooressa guddicha keessan malee, sooressitoota gugurdoo tanaan wol loliisaaf ka na qarqaaru hin jiru.

Você sabia?
Uma Visão Junto ao Rio Tigre
- A visão ocorre no terceiro ano de Ciro, o governante persa que conquistou a Babilônia e promulgou o decreto permitindo o retorno dos exilados judeus. Daniel recebe a revelação às margens do rio Tigre, chamado antigamente em hebraico de Hidequel.Fontes: o próprio texto bíblico · Cyrus · Hiddekel
- O mensageiro celestial traz um cinto de ouro puro de Ufaz. Os comentadores bíblicos frequentemente identificam Ufaz com Ofir ou a associam a regiões renomadas na antiguidade pelo comércio de ouro.Fontes: o próprio texto bíblico · Uphaz
- O mensageiro menciona Miguel, designando-o como um dos primeiros príncipes e o protetor do povo de Daniel. Na tradição bíblica, Miguel é um líder angélico encarregado do cuidado especial da nação de Israel.Fontes: o próprio texto bíblico · Michael
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Persia · 34.806, 48.516 · versículos 1, 13, 20
- Tigris · Hoje: Tigris River · 31.004, 47.442 · versículo 4
- Greece · 37.972, 23.727 · versículo 20
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org