Amós 9
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Badii Israa'elii
1Ani Goottaan addee ciinca'aa bira dhaabbateeruun dhagge;
innille, «Hundeen akka raafamu
guutuu utuboota Galma Waaqaa dhowiitii
mataa namootaa irratti caccassi.
Worra kana irraa hafane ani shallaaga'aan hin ijjeesa;
isaan keessaa eennulle dande'ee hin dheetu;
ka jalaa miliqu hin jiru.
2Isaan qotatanee gara qilee addee worri du'e jiruulle
yoo gad bu'ane,
harki kiyya achi keessaa isaan hin baasa;
gara ol-gubba'aa yoo bayanelle,
ani achille'ee gad isaan hin buusa.
3Gaara Qarmelosii gubba'atti yoo dhokatanelle,
ani achi irra isaan barbaadee
qabee gad isaan hin buusa.
Abbaayaa jalatti yoo na dhokatanelle,
achitti dhudhuufaan akka isaan iddu hin ajaja.
4Booji'amanee diinota ifiitiin yoo deemanelle,
achitti isaan qaliisaaf shallaagaa hin ajaja;
dansa'aaf adoo hin te'in,
ila hantu'uun isaan hin ilaala» jedha.
5Goottaan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u,
lafa hin tuqa;
isiin hin baxxi;
worri isii irra le'u marti hin bowa;
latti marti akka Laga Nayilii ol hin kaati;
achiin duuba akka bisaan laga Gibxi'ii gad deebiti.
6Ka mana ifii ol-gubba'atti ijaare,
hundee mana sanii lafa irratti ka hundeesse,
ka bisaan abbaaya'aa waamee,
lafatti lolaasu
maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti.
7Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii,
isin naaf akkuma kolbaa Itoophiya'aatii motii ree?
Ani akkuma Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase,
worra Filisxeemotaa biyya Kaftorii keessaa,
worra Sooriya'aalle biyya Qiirii keessaa ka baasee motii ree?.
8Dhugumaan ani Goottaan Mootiin Waan Maraa
ilti tiyya gara mootummaa Israa'elii cubbaaletti'ii hin ilaalti;
lafa irraa isii hin balleessa;
te'uu malee baraaree sanyii Yaaqoobii hin balleessu» jedha.
9«Kunoo, ani ajaja hin baasa;
akka midhaan meemme'een meemmessanuu,
kolbaa Israa'elii
gosa biyya adda addaa oddu'utti hin meemmessa;
te'uu malee midhaan tokkolle
meemmee keessa dabaree lafa hin bu'u.
10Kolbaa tiyya keessaa worri cubbaaleyyiin,
‹Wonni hantuun nu hin dhaqqaddu yookiin nu hin geettu› jedhu marti shallaaga'aan hin du'an.
Kolbaan Israa'elii Adde'etti Hin Deebiti
11«Mootummaan Daawitii
akka dunkaanii jiddee ti.
Ani ammoo bara san deebisee isii ol hin kaasa;
addee isiin ciccitte hin erba;
waan bututtelle adde'etti deebisee ijaaree,
akkuma isiin dur jirtu hin godha.
12Achiin duuba Israa'el
worra biyya Edoomiititti baraaree hafanee fi
gosa biyya adda addaa
ka maqaa kiyyaan waamamanu
mara hin qabatti» jedha Mootiin Waan Maraa
ka waan kana akka isiin teetu godhu.
13Mootiin Waan Maraa,
«Barri ka haamu haamee adoo hin fixin,
ka qotu dhufu,
nami woynii dhaabu dhaabee adoo hin fixin,
ka woynii cunfu dhufu hin dhufa.
Gaarota irraa daadhiin woyni'ii o'ituun hin coccoxxi;
koobota mara irralle'ee hin lolaati.
14Ani kolbaa tiyya ta booji'ante Israa'el
gara lafa isaaniititti hin deebisa;
isaan qachaa ifii ka diigame
deebisanee ijaaratanee keessa hin le'an.
Muka woyni'ii dhaabbatanee,
daadhii woyni'ii irraa hin unan;
oorruu adda addaa dhaabbatanee
midhaan irraa hin nyaatan.
15Ani kolbaa tiyya Israa'el
lafa isaaniititti deebisee isaan hin dhaaba;
lafa ani isaanii kenne irraa
deebi'anee ijjumaa hin buqqa'anu» jedha
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan.

Você sabia?
Julgamento e Restauração Futura
- Amós 9:7 compara o êxodo de Israel do Egito com a condução divina das origens e migrações de outros povos, mencionando os filisteus de Caftor e os arameus de Quir. Muitos estudiosos identificam Caftor com Creta, enquanto Quir era um conhecido local de exílio arameu.Fontes: o próprio texto bíblico · Caphtor · Kir
- A profecia em Amós 9:11-12 fala em restaurar a tenda caída de Davi e possuir o remanescente de Edom. Edom, a terra montanhosa e escarpada associada a Esaú, irmão de Jacó, tinha um longo histórico de conflito com Israel.Fontes: o próprio texto bíblico · Esau (Edom) · Edom
- O capítulo termina com uma visão de extraordinária abundância agrícola, na qual o lavrador alcança o ceifeiro e as colinas destilam vinho doce. Essa linguagem retrata um remanescente restaurado que reconstrói cidades em ruínas, replanta vinhedos e habita em segurança na sua terra.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Mount Carmel · 32.672, 35.023 · versículo 3
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 5, 7
- Nile · Hoje: Nile River · 31.465, 30.367 · versículo 5
- Ethiopia · 16.935, 33.751 · versículo 7
- Edom · 30.746, 35.604 · versículo 12
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org