Atos 22
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Falmata Phawuloosii
1«Obboleeyyanii fi abbootii tiyya! Amma falmata ani isinitti dhikeeffadhu kana naaf dhage'a'a!» jedhe. 2Inni afaan Yihudootaatiin dubbatuun yennaa dhage'ane, irra caalaa cadhisane.
Achiin duuba Phawuloos: 3«Ani Yihudi'i; qachaa Xarseesii biyya Qiliiqiyaa keessaatitti dhaladhee, qachaa Yerusaalemiititti guddadhe. Ka na barsiiselle Gamaali'el; ani Seera abbootii teennaa akka maltetti ka baradhee fi akkuma isin adhaa gootanu, anille Waaqaaf hinaafeeraayyu. 4Ani namoota dhugeeffannaa kiristaanaa hordofanu haga du'aatitti miidhaa irra geessiseera; dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidha'aatitti galcheera. 5Tun dhugaa akka teete hayyicha gudda'aa fi korri mura'aa duudiin dhugaa naaf hin bayan. Ani xalayaa eeyyamaa ka gara bulchitoota Yihudoota Damaasqoo jiranutti barreeffame isaanuma irraa fudhadhee, jara achi jirtu qabee adabiisaaf, Damaasqoo dhaqe.
6«Karaa gubbaa adoo jiruu Damaasqo'otti yennaa dhikaadhe, gara saatii jaatitti dedhuma ifi guddaan gubbaa irraa adaala kiyyatti balaqqise. 7Ani lafatti jigee qoonqoo, ‹Saa'ol, Saa'ol! Maaf na miita?› jettu dhage'e. 8Anille, ‹Eennu ati Gootta'a?› jedhee gaafadhe. Inni deebisee, ‹Ani Yesuusii Naaziretii, ka ati miitu› jedhe. 9Namooti na woliin jiranu ifa dhaggane; ammoo qoonqoo natti dubbattu san hin dhageenne. 10Ani, ‹Maan godhu Gootta'a?› jedhee gaafadhe. Goottaalle, ‹Ka'iitii, gara Damaasqo'oo deem; akka ati gootuuf waan Waaqi murteesse mara, achitti sitti himama› anaan jedhe. 11Balaqqeettii ifaa irraa ka ka'e, ilti tiyya dhaggaa waan dadhaddeef, worri na woliin jiru harka na qabee, gara qachaa Damaasqo'oo na geesse.
12«Qachaa san keessa namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko, ka Seera Muuse'ee eegatuu fi Yihudoota Damaasqoo jiranu duudii biralle'etti, ka ulfeeffame tokko jiraayyu. 13Inni gara kiyya dhufee, na bira dhaabbatee, ‹Obboleessa kiyya Saa'ol, ilti teeti deebitee sii dhaggitu!› jedhe. Yoosuma ilti tiyya banantee, isa dhagge. 14Achiin duuba inni, ‹Waaqi abbootii teennaa, akka ati fedha isaa beettu, tajaajilaa isaa balchaa akka dhaggituu fi afaanuma isaatiin dubbatuun akka dhageettu, si filateera. 15Ati waan dhageettee fi dhaggite, nama duudi'iif dhugaa akka baatuuf, inni tana godhe. 16Amma maan eedda ree? Ol ka'iitii, maqaa isaa waamaa cuuphamiitii, cubbuu teeti dhiqadhu› anaan jedhe.
Phawuloos Gara Worra Yihudoota Hin te'inii Ergame
17«Ani gara Yerusaalemii deebi'ee, Galma Waaqaa keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, mudhii dhagge. 18Mudhii san keessatti Goottaa dhagge. Inni anaan, ‹Kolbaan asii dhugaa ati naaf baatu waan hin fudhanneef, dafiitii ariifadhuu Yerusaalem keessaa bayi› jedhe. 19Ani deebisee, ‹Gootta'a, akka ani Mana Waaqonfannaa Yihudootaa duudii dhaqee, worra si'itti dhugeeffate qabee tume, isaanuu hin beekan. 20Yennaa Isxifanosiin dhugaa bayaan keeti ijjeefame, aninuu achi dhaabbadhee, ijjeefamuu isaatitti wolii galee, woyaa worra isa ijjeesuu eegiisatti jiraayyu› jedhe. 21Goottaan anaan, ‹Ani fagoo gara worra Yihudoota hin te'inii waan si ergeef beenu› anaan jedhe» jedhee isaanitti hime.
22Gumiin haga Phawuloos tana dubbatu isa dhageette; duuba irra ammoo, qoonqoo ol qabattee, «Nami akkasii lafa irraa baduu ti! Inni jiraatuu hin qabu!» jedhaa iyyite. 23Isaan iyyaa, woyaa ifii gatanee, aarii guddoo mudhisiisaaf bukuu gara ol-gubba'aa facaasane. 24Ajajaan woraana Rooma'aa, Phawuloos qabanee addee quttii loltoota woraanaa akka geessanuu fi kolbaan maaf akka itti iyyitu, dikamaa akka qoratamuu ajaje. 25Yennaa isaan isa dikiisaaf teephaan hidhane ammoo, Phawuloos ajajaa dhibbaa ka achi dhaabbateen, «Nama Rooma'aa tokko, muraa malee dikiisi keessan seeraa?» jedhe.
26Ajajaan dhibbaa yennaa waan kana dhage'e, gara ajajaa woraana Rooma'aa deemee, «Maan godhiisatti jirta? Namichi kun nama Rooma'aa ti!» jedheen.
27Maarre ajajaan woraana Rooma'aa, gara Phawuloosii dhaqee, «Anatti himi, ati nama Rooma'aatii?» jedheen.
Phawuloos deebisee, «Ee» jedheen.
28Ajajaan woraana Rooma'aa deebisee, «Ani nama Rooma'aa te'iisaaf, beesee hedduu kaffaleera» jedhe.
Phawuloosille, «Ani nama Rooma'aa te'ee dhaladhe» jedhe.
29Tanaaf worri Phawuloos qorqoriisaaf qophowe sun, isa irraa deebi'e; ajajaan woraana Rooma'aalle, Phawuloos nama Rooma'aa akka te'ee fi wodaroo sibiilaatiin akka hiisiseeru yennaa hubate sodaate.
Phawuloos Kora Mura'aa Duratti Dhikaate
30Boruyya'aa, ajajaan woraana Rooma'aa, worri Yihudootaa maaf Phawuloos akka himate, sababa dhuga'aa beekiisaaf barbaade; tanaaf sooreyyiin hayyootaatii fi miseensoti kora mura'aa duudiin akka wolitti qabamanu ajaje. Achiin duuba inni Phawuloos hiikee, isaan dura dhaabbachiise.

Você sabia?
A defesa de Paulo em Jerusalém
- Paulo começou sua defesa em hebraico, e a multidão ficou ainda mais silenciosa. Apresentou-se como judeu, nascido em Tarso da Cilícia, criado em Jerusalém e educado aos pés de Gamaliel, em estrita conformidade com a lei dos pais. Um dicionário descreve Gamaliel como um fariseu erudito, neto do rabino Hilel e presidente do Sinédrio nos reinados de Tibério, Calígula e Cláudio.Fontes: o próprio texto bíblico · Gamaliel
- Paulo recordou que prendeu e espancou crentes, e que esteve ali aprovando, enquanto guardava as vestes dos que mataram Estêvão. Um dicionário chama Estêvão, um dos sete diáconos, de primeiro mártir cristão, e observa que os apedrejadores depositaram as roupas aos pés do jovem fariseu Saulo de Tarso, cena que deixou uma impressão profunda, a qual Paulo recorda neste discurso.Fontes: o próprio texto bíblico · Stephen
- A multidão ouviu Paulo até ele dizer que seria enviado para longe, aos gentios; então gritaram que ele não era digno de viver, atiraram os mantos e lançaram poeira para o ar. Quando o estenderam para amarrá-lo, ele perguntou ao centurião se era lícito açoitar um cidadão romano sem julgamento, e disse ao comandante que havia nascido cidadão, enquanto o comandante havia pago um alto preço pela dele. Uma cronologia data este testemunho, e sua apresentação diante do Conselho no dia seguinte, de 54 d.C.Fontes: o próprio texto bíblico · Paul gives his testimony · Paul goes before the Council
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Cilicia · 36.913, 34.892 · versículo 3
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 3, 5, 17, 18
- Tarsus · 36.913, 34.892 · versículo 3
- Damascus · 33.511, 36.306 · versículos 5, 6, 10, 11, 12
- Nazareth · 32.702, 35.298 · versículo 8
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org